QOʼANNAA 4
Caqasoota Sirriitti Beeksisuu
Maatewos 22:41-45
YAADA IJOO: Caqasa tokko dubbisuu kee dura sammuu dhaggeeffattoota keetii qopheessi.
KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?
- Caqasicha maaliif akka dubbistu yaadi. Caqasa hunda dhaggeeffattoonni kee qabxii caqasichatti fayyadamtee ibsuu barbaaddu irratti akka xiyyeeffatan karaa godhuun beeksisi. 
- Kitaaba Qulqulluu akka ragaatti caqasi. Namoota Waaqayyotti amananitti yommuu dubbattu, Kitaabni Qulqulluun “Dubbii Waaqayyoo” taʼuu isaa fi kanaan kan kaʼes madda ogummaa hunda irra caalu taʼuu isaa akka hubatan godhi. 
- Caqasicha xiyyeeffannaadhaan akka hordofan kakaasi. Gaaffii caqasicha irraa deebii argatu tokko gaafadhu, rakkina caqasichi hiikuuf gargaaru tokko kaasi, ykn dhugaa buʼuuraa seenaa Kitaaba Qulqulluu sana keessatti ibsame tokko dubbadhu.