Kutaa 7
Waaqayyorratti Ka’uun Rakkina Akkamii Geessise?
1-3. Yihowaan sirrii ta’uusaa yeroon kan mirkaneesse akkamitti?
MIRGA Waaqayyo ilmaan namootaa bulchuuf qabu ilaalchisee, namoonni jaarraawwan kana hundaaf Waaqayyorraa adda ba’anii ofiin of bulchuuf yaalii gochuunsaanii faayidaa maalii argamsiise? Bulchiinsi namootaa bulchiinsa Waaqayyoorra kan caalu ta’uusaa mirkaneesseeraa? Miidhaa namoonni namootarraan ga’an yoo ilaalle, namoonni ofiin of bulchuu akka hin dandeenye homaa hin shakkisiisu.
2 Addaamiifi Hewwaan bulchiinsa Waaqayyootiif yeroo ajajamuu didanitti, rakkinni isaanirra ga’eera. Ofirrattiifi ilmaan namootaa isaanirraa argaman hundaarratti rakkina fidaniiru. Rakkina ga’e kanaafis kan itti gaafatamu isaanuma malee nama gara biraa miti. Sagaleen Waaqayyoo: “Isaan isa irratti balleessaa hojjechuu isaaniitiin waan yeellaasifamaniif, si’achi ijoollee isaa hin jedhaman” jechuudhaan dubbata.—Keessa Deebii 32:5.
3 Addaamiifi Hewwaan qophii Waaqayyo isaaniif godheef yoo dinqisiifachuu baatan, jireenyisaanii gad badaa akka adeemuufi akka du’an, akeekkachiisni Waaqayyo kenne sirrii ta’uusaa seenaan mirkaneesseera. (Uumama 2:17; 3:19) Bulchiinsa Waaqayyootiif ajajamuu diduusaaniitiin, yeroo booda dulloomanii du’an.
4. Hundi keenya mudaa qabaannee kan dhalannu, kan dhukkubsannuufi kan duunu maaliifi?
4 Wanta dhumarratti ijoolleesaaniirra ga’e Roomaa 5:12 akkas jechuudhaan ibsa: “Cubbuun karaa nama tokkoo [karaa Addaam] biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akkuma gale, . . . duuni sanyii namaa hundumaa wal ga’e.” Kanaafuu, Addaamiifi Hewwaan yeroo olaantummaa Waaqayyoorratti ka’anitti cubbamoota ta’an jechuudha. Akka seera hormaataatti gonkummaa dhabuusaanii kana gara ijoolleessaaniitti dabarsaniiru. Hundumti keenya mudaa kan qabaannu, akkasumas dhukkubaafi du’aaf kan saaxilamnu kanumaafidha.
5, 6. Carraaqqii namoonni nagaafi badhaadhina argachuuf godhan ilaalchisee seenaan maal mirkaneessa?
5 Jaarraawwan hedduun darbaniiru. Sirni bulchiinsaa hedduunis gegeeddarameera. Bulchiinsi wayya jedhame hundi yaalameera. Haata’u malee, yeroodhaa gara yerootti wantoonni nama suukkanneessan ilmaan namootaarra ga’aa jiru. Waggoottan kuma ja’a erga darbanii booda, namni tokko, namoonni addunyaa maratti nagaa, murtoo qajeelaafi badhaadhummaa ilmaan namootaatiif argamsiisuu danda’u, ykn namoonni yeroo ammaatti gaarummaan, gara laafinniifi walii galteen bu’aa akkamii akka fidu hubachuu danda’u jedhee yaada ta’a.
6 Dhugaansaa garuu kanarraa faallaadha. Bulchiinsi namootaa kamiyyuu, namoota hundaaf nagaafi badhaadhina fiduu hin dandeenye. Jaarraa 20ffaa dabarsine qofatti, namoonni miiliyoonaan lakkaa’aman warra Naaziitiin, namoonni miiliyoona 100 ol ta’animmoo sababii waraanaatiin ajjeefamaniiru. Walii galtee dhabuufi ilaalchi siyaasaaf qaban gargar ta’uusaatiin, namoonni hangana hin jedhamne gidiraa arganiiru, ajjeefamaniiru, akkasumas hidhamaniiru.
Haala Yeroo Ammaatti Jiru
7. Yeroo ammaatti halli jireenya ilmaan namootaa maal fakkaata?
7 Kana malees, haala yeroo ammaa namoonni keessatti argaman ilaali. Yakkiifi walirratti ka’uun babal’ateera. Qoricha sammuu nama hadoochuun gargaaramuun garmalee babal’ateera. Dhukkubni saalquunnamtiidhaan namaa namatti darbus bakka hundaatti babal’ateera. Dhukkubni sodaachisaan EEDSII jedhamus namoota miiliyoonaan lakkaa’aman hubaa jira. Namoonni muraasni garmalee kan badhaadhan ta’anillee, waggaa waggaadhaan namoonni miiliyoona kudhaniin lakkaa’aman beelaafi dhukkubaan lubbuusaanii dhabu. Namoonni lafa kana mancaasaafi saamaa jiru. Bakkuma hundumaatti jireenyi maatiifi amalli namootaa manca’aa jira. Dhugumayyuu, akkaataan jireenya ilmaan namootaa yeroo ammaatti argamu, bulchiinsa ‘waaqayyicha bara si’anaa’ jechuunis bulchiinsa Seexanaa jala akka jirru argisiisa. Addunyaan to’annaa Seexanaa jala jiru kun, kan jaalala hin qabne, gara jabeessaafi guutummaatti kan manca’edha.—2 Qorontos 4:4.
8. Guddinni ilmaan namootaa godhan guddina dhugaa miti kan jennu maaliifi?
8 Waaqayyo, namoonni gama saayinsiifi dinagdeetiin sadarkaa olaanaarra akka ga’aniif yeroo ga’aa isaaniif heyyameera. Haata’u malee, iddaafi eeboorraa ka’anii qawwee, taankii, xiyyaara boombii roobsu, misaa’eliifi nuklarii hojjechuunsaanii guddina jedhamuu danda’aa? Namoonni lafa kanarratti nagaafi tokkummaadhaan jiraachuu utuu hin danda’in, gara samiitti adeemuunsaaniihoo guddina jedhamuu danda’aa? Naannoo tokko tokkotti namoonni halkanis ta’e guyyaa karaarra adeemuu sodaachuunsaanii guddina jedhamuu danda’aa?
Yeroon Maal Argisiise?
9, 10. (a) Jaarraawwan hedduun darban maal mirkaneessaniiru? (b) Waaqayyo mirga namoonni filannoo gochuuf qaban kan jalaa hin fudhanne maaliifi?
9 Jaarraawwan dabarsine hundaatti namoonni bulchiinsa Waaqayyoorraa adda ba’anii akka gaariitti ofiin of bulchuu akka hin dandeenye seenaan ni mirkaneessa. Namni utuu hin nyaatin, utuu hin dhugiiniifi utuu hafuura hin baafatin akkuma jiraachuu hin dandeenye, qajeelfama Waaqayyoo jalaa ba’ee jireenya gaarii jiraachuu hin danda’u. Jireenyi keenya nyaata nyaachuu, bishaan dhuguufi hafuura baafachuurratti akkuma hundaa’e, qajeelfamni Uumaan keenya nuuf kennus akkasuma kan nu barbaachisudha.
10 Waaqayyo jal’inni akka jiraatu heyyamuudhaan, mirga filannootti seeraan ala fayyadamuun rakkina akkamii akka fidu namoonni akka hubatan godheera. Mirga namoonni filannoo gochuuf qaban isaan jalaa fudhachuu mannaa, mirga isaaniif kenname kanatti garmalee yeroo fayyadaman bu’aansaa maal akka ta’e akka hubatan godheera. Sagaleen Waaqayyoo: ‘Namni karaa jireenyasaatii ofii isaatiin geggeeffachuu hin danda’u’ jedha. Akkasumas “Yeroon inni tokko warra kaan irratti mo’ee isaan miidhus jira” jedhee dubbachuunsaa sirriidha.—Ermiyaas 10:23; Lallaba 8:9.
11. Bulchiinsi namootaa rakkina balleessuu danda’e jiraa?
11 Waaqayyo namoonni waggaa kuma ja’aaf akka bulchan heyyamuunsaa, dhugumaan namoonni rakkina balleessuu akka hin dandeenye akka gaariitti argisiiseera. Yeroon isaan itti rakkina balleessan hin jiru. Fakkeenyaaf, Solomoon yeroo Mootii Israa’el turetti ogummaa, qabeenyaafi aangoo kan qabu ta’uyyuu, rakkoowwan bulchiinsa namootaatiin dhufan hambisuu hin dandeenye. (Lallaba 4:1-3) Haaluma wal fakkaatuun, mootonni yeroo har’aatti argamanis qaroomasaaniitiin rakkoo namootaa hambisuu hin dandeenye. Kanaa mannaa, bulchiinsa Waaqayyoo jalaa ba’anii ofiin of bulchuuf carraaqqii gochuunsaanii kan rakkina dabale ta’uusaa seenaan ni mirkaneessa.
Karoora Waaqayyo Yeroo Dheeraadhaaf Baase
12-14. Waaqayyo yeroo dheeraadhaaf rakkinni akka jiraatu heyyamuunsaa maal mirkaneesseeraa?
12 Waaqayyo rakkinni akka jiraatu heyyamuunsaa gidiraa nurraan ga’eera. Haata’u malee, rakkinni akka jiraatu kan heyyame, bu’aa yeroo dheeraa booda dhufu waan beekuufidha. Kaayyoon Waaqayyoo, uumamasaa kan fayyadu waggoottan muraasaaf ykn waggoottan kumaan lakkaa’amaniif qofa utuu hin ta’in, waggoottan miiliyoonaan lakaa’aman jechuunis bara baraafidha.
13 Tarii gara fuulduraatti namni tokko filannoo gochuuf mirga qabuun garmalee fayyadamee Waaqayyoon utuu mormee, jechisaa kun sirrii ta’uusaa akka mirkaneessuuf yeroo kennuun hin barbaachisu. Waaqayyo kanaan dura hamoonni waggoottan kumaan lakkaa’amaniif akka jiraatan heyyamuunsaa, isarratti ka’uun akka hin danda’amne bara baraaf mirkaneesseera.
14 Yihowaan yeroo ammaatti jal’inniifi rakkinni akka jiraatu heyyamuunsaa, eenyuyyuu qajeelfamasaa ala yoo ba’e isaa mijaa’uu akka hin dandeenye mirkanaa’eera. Gara fuulduraattis ergamoota dabalatee, namni kamiyyuu Waaqayyorraa adda ba’ee ofiin of bulchuudhaan wanta isa fayyadu gochuu akka hin dandeenye mirkanaa’eera. Kanaafuu, Waaqayyo uumama isarratti ka’u hunda battaluma sanatti yoo balleesse murtoonsaa sirrii ta’a. “Waaqayyo jal’oota hundumaa garuu in balleessa.” —Faarfannaa 145:20; Roomaa 3:4.
[Fakkii fuula 15]
Addaamiifi Hewwaan Waaqayyorraa adda ba’anii ofiin of bulchuuf yaalii gochuunsaanii suutuma suutaan gara dullumaafi du’aatti isaan geesseera
[Fakkii fuula 16]
Bulchiinsi namootaa inni Waaqayyorraa adda ba’e rakkinaan kan guutame ta’uunsaa mirkanaa’eera
[Madda]
U.S. Coast Guard photo