LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w12 3/15 ful. 10-14
  • Namoonni ‘Hirribaa Akka Dammaqan’ Gargaaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Namoonni ‘Hirribaa Akka Dammaqan’ Gargaaraa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • HIRRIBNI HAFUURAA MAALIDHA?
  • DAMMAQOO TAʼUU QABNA
  • TAJAAJILLI KEENYA BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?
  • HUBANNAA QABAADHAA
  • NAMOOTAAF AKKA YAADDAN ARGISIISAA
  • GAARUMMAAFI TOOFTAA
  • FIROOTA KEENYA SUUTA JENNEE DAMMAQSUU
  • Hirriiba Gaʼaa Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Firoota Keenyaaf Dhugaa Ba’uu kan Dandeenyu Akkamitti?
    Tajaajila Mootummaa—2004
  • Dandeettii Namootaa Wajjin Mariʼachuuf Qabnu Fooyyessuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
w12 3/15 ful. 10-14

Namoonni ‘Hirribaa Akka Dammaqan’ Gargaaraa

“Guyyaan fayyinaa waan nutti dhiʼaateef, yeroon kun yeroo itti hirribaa dammaquun isin irra jiru taʼuu isaa beekaa!”—ROM. 13:11.

IBSUU DANDEESSAA?

Kiristiyaanonni karaa hafuuraa dammaqoo taʼuunsaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

Tajaajiltoonni dammaqoo taʼan kan dhaggeeffataniifi kan hubatan taʼuu kan qaban maaliifi?

Gaarummaa argisiisuun tajaajila keenyarratti gaʼee akkamii qaba?

1, 2. Namoonni hedduun karaa maalii dammaqoo taʼuu qabu?

WAGGAA waggaadhaan konkolaachiftoonni kuma hedduutti lakkaaʼaman utuu oofanii muguu ykn rafuusaaniitiin kan kaʼe ni duʼu. Kaanis yeroodhaan kaʼanii hojii waan hin dhaqneef ykn bakka hojiitti waan rafaniif hojiidhaa ariʼamu. Haataʼu malee karaa hafuuraa muguun miidhaa kanarra caalu geessisuu dandaʼa. Dhimma barbaachisaa taʼe kana ilaalchisee Macaafni Qulqulluun, ‘namni dammaqee of eeggatu haa gammadu!’ jedha.—Mul. 16:14-16.

2 Yeroo guyyaan Yihowaa dhihaachaa jiru kanatti ilmaan namootaa hedduun hirriba hafuuraa keessa jiru. Geggeessitoonni Saba Kiristiyaanaa tokko tokkollee miseensotasaaniitiin ‘hirribni kan isaanirra buufate’ jedhu. Hirribni hafuuraa maalidha? Kiristiyaanonni dhugaan dammaqoo taʼuun kan isaan barbaachisu maaliifi? Namoonni kaan hirriba akkasii keessaa akka dammaqan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

HIRRIBNI HAFUURAA MAALIDHA?

3. Nama karaa hafuuraa hirriba keessa jiru akkamitti ibsuu dandeessa?

3 Yeroo baayʼee namni rafaa jiru akka hin sochoone beekamaadha. Faallaa kanaatiinimmoo, namoonni hirriba hafuuraa rafan dhimma hafuuraa wajjin walitti dhufeenya qabachuu baatus hojiin kan isaanitti baayʼatu taʼuu dandaʼu. Namoonni akkasii yaaddoo jireenyaa, gammachuu, beekamummaa ykn qabeenya barbaaduudhaan garmalee kan muddaman taʼuu dandaʼu. Yaada akkasiitiin waan qabamaniif wanta karaa hafuuraa isaan barbaachisuuf xiyyeeffannaa hin kennan. Namoonni karaa hafuuraa dammaqoo taʼan garuu, “guyyoota gara dhumaa” keessa akka jirru waan beekaniif fedhii Waaqayyoo raawwachuuf hanga isaanii dandaʼame carraaqu.—2 Phe. 3:3, 4; Luq. 21:34-36.

4. Gorsi, “Akka warra kaanii rafuu in dhiifnaa!” jedhu ergaansaa maalidha?

4 Tasaloniiqee Isa Duraa 5:4-8 dubbisi. Asirratti Phaawulos ergamaan namoota hidhata amantiisaa taʼan, “Akka warra kaanii rafuu in dhiifnaa!” jedhee yommuu gorsu maal jechuusaa ture? Karaan nuyi itti “rafuu” dandeenyu keessaa tokko, ulaagaa Waaqayyo amalaaf baase salphisanii ilaaluudha. Karaan inni lammataammoo, yeroon Yihowaan namoota Waaqayyoon hin beekne itti balleessu akka dhihaachuusaa dagachuudha. Namoonni Waaqayyoon hin beekne akkasii karaasaaniirra akka buunuufi ilaalchisaanii akka qabaannu dhiibbaa akka nurratti hin goone of eeggachuu qabna.

5. Namoota karaa hafuuraa rafaa jiran addaan baasanii beekuun kan dandaʼamu akkamitti?

5 Namoonni tokko tokko, Waaqni wanta gadhee isaan hojjetaniif isaan gaafatu hin jiru jedhanii yaadu. (Far. 53:1) Kaanimmoo Waaqayyo waaʼee namootaa waan hin yaanneef, waaʼeesaa yaaduun nu hin barbaachisu jedhu. Tokko tokkommoo miseensa waldaa amantii tokkoo taʼuu qofti michoota Waaqayyoo akka isaan godhu isaanitti dhagaʼama. Namoonni kun hundi karaa hafuura rafaa waan jiraniif, dammaquu isaan barbaachisa. Namoota akkasii gargaaruu kan dandeenyu akkamittiree?

DAMMAQOO TAʼUU QABNA

6. Kiristiyaanonni karaa hafuuraa dammaqoo taʼuuf carraaquu kan qaban maaliifi?

6 Namoonni kaan akka dammaqan gargaaruuf dura ofii keenyaa dammaqoo taʼuu qabna. Kana gochuun maalfaa dabalata? Dubbiin Waaqayyoo hirriba hafuuraa “hojii dukkana keessa hojjetamu” jechuunis, albaadhummaa, machii, halalummaa, gad dhiisiitti jiraachuu, nama loluufi weennootti jiraachuu wajjin wal fakkeessa. (Roomaa 13:11-14 dubbisi.) Amala akkasiirraa fagaachuun rakkisaa taʼuu dandaʼa. Dammaqinaan jiraachuun baayʼee barbaachisaadha. Konkolaachisaan rakkina hirribni geessisu akka laayyootti ilaalu tokko lubbuusaa balaadhaaf saaxiluu dandaʼa. Kiristiyaanni tokkos karaa hafuuraa rafuun duʼa akka geessisu hubachuunsaa baayʼee barbaachisaadha!

7. Namootaaf ilaalcha dogoggoraa qabaachuun dhiibbaa kan nurraan gaʼu akkamitti?

7 Fakkeenyaaf Kiristiyaanni tokko, namoonni naannoo tajaajilaasaatti argaman hundi misraachicha hin fudhatan jedhee yaada taʼa. (Fak. 6:10, 11) Tarii, ‘Namni dhaggeeffatu erga hin jiru taʼee, namoota argachuuf ykn gargaaruuf dhamaʼuun kan barbaachise maaliifi?’ jedhee yaada taʼa. Yeroo ammaa namoonni hedduun karaa hafuuraa rafaa kan jiran taʼus, haallisaaniifi fedhiinsaanii yeroo tokko jijjiiramuu dandaʼa. Namoonni tokko tokko hirribaa dammaqanii misraachichaaf fedhii argisiisu. Mala haaraa addaddaa misraachoo Mootummichaa haala namatti toluun dabarsuuf gargaarutti fayyadamuuf dammaqoo yoo taane isaan gargaaruu dandeenya. Karaa itti dammaqoo taanee jiraachuu qabnu keessaa inni tokko sababa itti tajaajilli keenya barbaachisaa taʼe yaadachuudha.

TAJAAJILLI KEENYA BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI?

8. Tajaajilli keenya baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

8 Yeroo ammaa deebiin namoonni kennan maaliyyuu yoo taʼe, lallabni keenya Yihowaadhaaf ulfina akka fiduufi kaayyoosaa galmaan gaʼuuf gumaacha akka godhu yaadadhaa! Namoonni wangeelichaaf hin ajajamne yeroo dhihootti ni adabamu. Deebiin namoonni hojii lallabaa keenyaaf kennan firdiidhaaf buʼuura taʼa. (2 Tas. 1:8, 9) Kana malees Kiristiyaanni tokko, ‘qajeelonniifi jalʼoonni waan duʼaa kaafamaniif’ dammaqinaan tajaajilarratti hirmaachuun barbaachisaa akka hin taanetti yaaduunsaa dogoggoradha. (HoE. 24:15) Macaafa Qulqulluurraa namoonni “reʼootatti” fakkeeffaman firdiinsaanii “adaba bara baraa” akka taʼe hubanneerra. Hojiin lallabaa keenya ooʼa Waaqayyoo kan argisiisuufi namoonni jijjiiramanii “jireenya bara baraa” akka argatan kan gargaarudha. (Mat. 25:32, 41, 46; Rom. 10:13-15) Hin lallabnu taanaan, namoonni ergaa isa jireenya argachuuf carraa isaanii banu dhagaʼuu hin dandaʼan.

9. Misraachicha lallabuun isiniifis taʼe warra kaaniif faayidaa kan argamsiise akkamitti?

9 Misraachicha lallabuun nuunis nu fayyada. (1 Ximotewos 4:16 dubbisi.) Waaʼee Yihowaafi abdii Mootummichaa dubbachuun amantiifi jaalala Waaqayyoof qabdan akka isinii jabeesse hin hubannee? Amala Kiristiyaanotarraa eegamu horachuuf isin hin gargaarree? Tajaajilarratti dammaqinaan hirmaachuudhaan Waaqayyoof akka bultan agarsiisuun keessan gammachuu isiniif hin argamsiisnee? Obboloonni dhugaa barsiisuuf mirga argatan hedduun, namoonni isaan qayyabsiisan kun jireenyasaanii akka fooyyessan hafuurri Waaqayyoo yommuu isaan gargaaru arguusaaniitti gammadaniiru.

HUBANNAA QABAADHAA

10, 11. (a) Yesusiifi Phaawulos dammaqoofi hubatoo taʼuusaanii kan argisiisan akkamitti? (b) Dammaqoofi hubatoo taʼuun tajaajila keenya fooyyessuuf kan nu gargaru akkamitti akka taʼe fakkeenyaan ibsi.

10 Namoonni misraachichaaf fedhii akka qabaatan mala addaddaatti fayyadamnee dammaqsuu dandeenya. Kanaaf tajaajiltoonni Waaqayyoo dammaqoofi hubatoo taʼuu qabu. Gama kanaan Yesus fakkeenya nuu taʼa. Yesus mudaa kan hin qabne waan taʼeef, Fariisichi maaliif akka aare, dubartiin tokko yaada garaashee maaliif akka geddaratteefi haati hiyyeessaa tokko maaliif buusii akka goote beekee ture. (Luq. 7:37-50; 21:1-4) Yesus wanta karaa hafuuraa namootaaf barbaachisu guutuu dandaʼa ture. Haataʼu malee, tajaajilaan Waaqayyoo tokko hubannaa gaarii qabaachuuf mudaa kan hin qabne taʼuun isa hin barbaachisu. Gama kanaan Phaawulos fakkeenya gaarii taʼa. Namoota ilaalcha garaagara qaban akkaataa dhiheenyaa addaddaa isaan hawwachuu dandaʼuun haasofsiiseera.—HoE. 17:22, 23, 34; 1 Qor. 9:19-23.

11 Akkuma Yesusiifi Phaawulos dammaqoo, akkasumas hubatoo taʼuuf carraaquudhaan, fedhii namootaa kakaasuun gaarii akka taʼe hubachuu dandeenya. Fakkeenyaaf ennaa namoota haasofsiistan wantoota aadaa, fedhii ykn haala maatiisaanii ibsan hubachuuf yaalaa. Tarii maree jalqabuuf wanta isaan hojjechaa jiran hubachuudhaan dinqisiifannaa qabdan ibsuu dandeessu.

12. Tajaajilarratti ennaa hirmaannu haasaa keenyarratti of eeggannoo gochuu kan qabnu maaliifi?

12 Namni hubataan wanta yaadasaa hihhirurraa fagaachuuf yaala. Nama waliin tajaajilluu wajjin haasaʼuun nama jajjabeessuu dandaʼa. Taʼus, kaayyoon tajaajila itti baaneef lallabuu akka taʼe dagachuu hin qabnu. (Lal. 3:1, 7) Haasaan keenya tajaajila manaa gara manaatti goonu akka nu hin dagachiisne of eeggachuu qabna. Wanta namoota fedhii argisiisaniif hiruu barbaannurratti mariʼachuun, yaanni keenya tajaajilarratti akka xiyyeeffatu godha. Moobaayiliin al tokko tokko tajaajila keenya raawwachuuf kan gargaaru taʼus, nama haasofsiisaa utuu jirruu bilbilamee akka nu hin jeeqne of eeggannoo gochuu qabna.

NAMOOTAAF AKKA YAADDAN ARGISIISAA

13, 14. (a) Dhimma fedhii nama tokkoo kakaasu hubachuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Namoonni fedhii hafuuraa akka qabaatan kan godhu maal taʼuu dandaʼa?

13 Tajaajiltoonni dammaqoofi hubatoo taʼan namoota haasofsiisan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffatu. Namni naannoo tajaajilaa keessan jiru tokko miirasaa akka ibsu gochuuf gaaffii akkamii gaafachuu dandeessu? Amantiin baayʼachuu, gooliin uumamuu ykn kufaatii mootummaatu isa yaaddessaa? Akkaataa uumamaa lubbu qabeeyyii dinqisiisoo taʼan ykn faayidaa gorsi Macaafa Qulqulluu qabu kaasuudhaan, fedhiin wantoota hafuuraatiif qaban akka kakaʼu gochuu dandeessuu? Kadhannaan, namoota Waaqayyo hin jiru jedhan tokko tokko dabalatee, fedhii namoota aadaa garaagaraa qabanii kakaasuu dandaʼa. Namoonni hedduun qaamni kadhannaa dhagaʼu jiraachuusaa ni shakku. Kaanimmoo, ‘Waaqayyo kadhannaa hundumaa ni dhagaʼaa? Hin dhagaʼu taanaan, kadhannaa keenya akka dhagaʼuuf maal gochuu qabna?’ jedhanii gaafatu.

14 Karaa itti babalʼistoonni muuxannoo qaban maree jalqaban hubachuudhaan wanta hedduu barachuu dandeenya. Gaaffii qorannaa fakkaatu dhiheessuurraa ykn warri kaan ennaa haasaʼan gidduutti kutuurraa akkamitti akka of qusatan hubadhaa. Sagaleeniifi ibsi fuulaa isaan argisiisan, ilaalcha nama haasofsiisaa jiranii akka hubatan kan argisiisu akkamitti?—Fak. 15:13.

GAARUMMAAFI TOOFTAA

15. Hojii lallabaarratti gaarummaa argisiisuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

15 Hirriba cimaa keessaa utuu si dammaqsanii sitti tolaa? Namoonni hedduun hirriba keessaa akka tasaa ennaa kaafaman ni dheekkamu. Kanaaf yeroo baayʼee suuta jedhanii dammaqsuun gaariidha. Carraaqqiin namoota karaa hafuuraa dammaqsuuf godhamus kanaa wajjin wal fakkaata. Fakkeenyaaf, namni tokko yommuu isa haasofsiistan yoo dheekkame yeroo baayʼee haala akkamiitiin deebisuutu gaarii taʼa? Miirasaa akka hubattan ibsaafii; yaadasaa ifatti waan dubbateef isa galateeffachuudhaan achii deemaa. (Fak. 15:1; 17:14; 2 Xim. 2:24) Gaarummaan isin argisiistan yeroo kaanitti Dhugaa Baatuu garabiraan yommuu isa haasofsiisu deebii gaarii akka kennu gochuu dandaʼa.

16, 17. Tajaajilarratti hubannaa akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Karaa biraammoo deebiin hin taane yeroo isinii kennamu obsuu qabdu. Namni tokko salphaadhumatti nurraa addaan baʼuuf jecha, “Hin barbaadu. Amantii mataakoo qaba” ykn “Fedha hin qabu” jedha taʼa. Taʼus, tooftaafi gaarummaadhaan gaaffii fedhii hafuuraa nama haasofsiisnu hawwatu gaafachuu dandeessu.—Qolosaayis 4:6 dubbisi.

17 Siʼa tokko tokko namoota hojiin itti baayʼatuufi nu dhaggeeffachuuf yeroo hin qabne ennaa nu mudatan haalasaanii hubachuudhaan dhiisnee deemuun gaariidha. Haataʼu malee, siʼa tokko tokko yaada gabaabaafi xiyyeeffannaa namaa harkisu dubbachuun gaarii akka taʼe hubattu taʼa. Obboloonni tokko tokko yeroo daqiiqaa tokko hin guunne keessatti, Macaafa Qulqulluu baasanii caqasa miira namaa hawwatu tokko dubbisuufi gaaffii namni haasofsiisaa jiran akka irratti yaadu godhu tokko gaafachuu dandaʼaniiru. Kunis al tokko tokko namoonni fedhii guddaa akka qabaatan kan godhu siʼa taʼu, maree gabaabaa akkasiitiif yeroo akka hin dhabne ni hubatu. Haallisaa kan isinii heyyamu taanaan mala kanatti fayyadamuuf maaliif yaalii hin gootan?

18. Karaa alidilee taʼeen lallabuuf caalaatti buʼa qabeessa taʼuuf maal gochuu qabna?

18 Sochii guyyaa guyyaadhaan goonu keessatti namoota argannuuf karaa alidileetiin dhugaa baʼuuf qophoofneerra taanaan, yeroo baayʼee misraachichaaf fedhii akka qabaatan gochuu dandeenya. Obboloonni hedduun barreeffamoota tokko tokko kiisii ykn boorsaa xinnootti qabatanii deemu. Carraa argatanitti caqasa Macaafa Qulqulluu tokko nama haasofsiisanitti himuuf sammuutti qabatu. Atis akkas gochuu barbaannaan, ilaaltuu olaanaa tajaajilaa ykn qajeelchitoota gumiikee jiran gaafachuudhaan gargaarsa argachuu dandeessa.

FIROOTA KEENYA SUUTA JENNEE DAMMAQSUU

19. Firoota keenya gargaaruuf carraaquu keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi?

19 Firoonni keenya dhugaa akka fudhatan isaan gargaaruu akka barbaannu beekamaadha. (Iya. 2:13; HoE. 10:24, 48; 16:31, 32) Carraaqqiin keenya jalqabaa yoo nu jalaa fashalaaʼe garuu lammata yaalii akka hin goone abdii nu kutachiisuu dandaʼa. Wanti dubbannu ykn goonu ilaalchasaanii jijjiiruu akka hin dandeenye nutti dhagaʼama taʼa. Taʼus, wanti firoota keessan mudatu jireenya ykn ilaalchasaaniirratti jijjiirama fiduu dandaʼa. Yookiin dandeettii ittiin waaʼee dhugaa ibsitan fooyyessuudhaan buʼaa gaarii argachuu dandeessu taʼa.

20. Firootaa keenyaaf malaan dhugaa baʼuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

20 Miira firoota keenyaaf dantaa dhabuurraa fagaachuu qabna. (Rom. 2:4) Akkuma namoota tajaajilarratti argannu kaanii gaarummaadhaan isaan haasofsiisuu hin qabnuu? Garraamummaafi ulfinaan isaan haasofsiisaa. Akka isaaniif lallabdan haala hin argisiisneen, dhugaan faayidaa akkamii akka isiniif argamsiise ibsuuf carraaqaa. (Efe. 4:23, 24) Yihowaan, ‘wanta waaʼee isiniif baasu isin barsiisuudhaan’ akkamitti jireenya keessan akka isinii eebbise ibsaa. (Isa. 48:17) Firoonni keessan fakkeenya keessan ilaaluudhaan jireenyi Kiristiyaanaa maal akka fakkaatu akka hubatan godhaa.

21, 22. Muuxannoo faayidaa firoota keenya karaa hafuuraa gargaaruuf carraaqqii walirraa hin cinne gochuun qabu argisiisu dubbadhu.

21 Dhihoo kana obboleettiin tokko akkas jettee barreessiteetti: “Jireenyakoo keessatti obbolaawwankoo 13f dubbiifi amala kootiin isaaniif dhugaa baʼuuf yaalii gochaan ture. Utuun xalayaa isaanii hin barreessin waggaan tokko na darbee hin beeku. Taʼus, waggaa 30af maatiikoo keessaa Dhugaa Baatuun ana qofa ture.”

22 Obboleettiin kun itti fufuudhaan akkas jetteetti: “Gaaf tokko obboleettiikoo ishee kiilomeetira dhibbaan lakkaaʼamu narraa fagaattee jirtuttan bilbile. Isheenis lallabaan waldaashee tokko Macaafa Qulqulluu akka ishee qayyabsiisu isa gaafattus matumaa ishee qayyabsiisee akka hin beekne natti himte. Yommuun, ‘Si gargaaruun baayʼee na gammachiisa’ isheedhaan jedhu, ‘Tole, garuu matumaa Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu akkan hin barbaanne beeki!’ naan jette. Kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu ergan ergeefii booda darbee darbee bilbilaafiin ture. Isheen garuu kitaabicha dubbistee hin beektu turte. Dhumarratti kitaabashee qabattee daqiiqaa 15 bilbilaan akka irratti mariʼannu kanan ishee gaafadhe siʼa taʼu, caqasoota yaannisaanii kennaman tokko tokko dubbisnee irratti mariʼanna turre. Yeroo muraasaaf haala kanaan erga qayyabannee booda daqiiqaa 15 oliif qayyabachuu barbaadde. Achiis, qayyabannaadhaaf ofumasheetii naa bilbiluu kan jalqabde ennaa taʼu, yeroo tokko tokko barii utuun hirribaa hin kaʼin, darbee darbeemmoo guyyaatti al lama naa bilbiluutti kaate. Waggaa tokko booda kan cuuphamte siʼa taʼu, waggaa ittaanuttimmoo qajeelchaa taatee tajaajiluu jalqabde.”

23. Namoota hirriba hafuuraa keessa jiran dammaqsuu ilaalchisee abdii kutachuu kan hin qabne maaliifi?

23 Namoota karaa hafuuraa rafan dammaqsuun tooftaafi carraaqqii walirraa hin cinne gochuu gaafata. Taʼus namoonni gad of deebisan carraaqqii nuyi isaan dammaqsuuf goonuuf deebii kennaa jiru. Giddu galeessaan jaʼa jiʼaan namoonni 20,000 ol taʼan cuuphamanii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼu. Kanaaf gorsa Phaawulos, Arkiphos isa jaarraa tokkoffaatti tureef, “Hojicha isa karaa gooftaa fudhatte sana akka raawwattu godhi!” jedhee kenne haa yaadannu. (Qol. 4:17) Matadureen ittaanu hundi keenya miira ariifannaatiin lallabuu jechuun maal jechuu akka taʼe akka hubannu nu gargaara.

[Saanduqa fuula 13⁠rra jiru]

AKKA ITTI DAMMAQAA TAʼUU DANDEESSU

▪ Fedhii Waaqayyoo raawwachuutti muddami

▪ Hojii dukkana keessa hojjetamurraa fagaadhu

▪ Balaa mugaatiin hafuuraa geessisu hubadhu

▪ Namoota naannoo tajaajilaakee jiraniif ilaalcha sirrii qabaadhu

▪ Mala haaraatti fayyadamuudhaan namootaaf lallabuuf carraaqi

▪ Barbaachisummaa tajaajila keetii yaadadhu

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi