Seenaa Jireenyaa
Maanguddoota Ogeeyyii Taʼanitti Baayʼeen Dhihaadhan Ture
Eelvaa Jeerdiin Akka Dubbattetti
Gara waggaa 70 dura namni mana keenya dhufe tokko, wanta jireenyakoo guutummaatti jijjiire abbaakootti dubbate. Guyyaa adda taʼe sana boodas namoonni hedduun jireenya koorratti dhiibbaa gaarii godhaniiru. Kanaan kan kaʼe, yeroo booda michoota gaggaarii hunda caalaa iddoo guddaa kennuuf argadheera. Mee maal akka taʼen isinitti hima.
KANAN dhaladhe bara 1932, biyya Awustiraaliyaa magaalaa Siidniitti yommuu taʼu, warrikoo Waaqayyotti kan amanan taʼus, mana sagadaa hin dhaqan turan. Haatikoo jalʼina yoon raawwadhe Waaqayyo yeroo hunda na adabuuf qophaaʼaa akka taʼe na barsiisteetti. Kunimmoo Waaqayyoon akkan sodaadhu na godhe. Taʼus, Macaafa Qulqulluu baayʼeen jaalladhan ture. Adaadaankoo Sanbadduraafi Dilbata yommuu mana keenya dhuftu seena Macaafa Qulqulluu nama gammachiisu hedduu natti himti turte. Kanaaf, yeroo hunda dhufashee hawwiidhaanan eeggadha.
Yommuun umrii waggoota kurnanii keessa turetti, abbaankoo kitaabota hedduu haatikoo maanguddoo Dhugaa Baatuu Yihowaa taate tokkorraa fudhatten dubbisa ture. Wanti inni kitaabota kanarraa dubbise baayʼee waan isa gammachiiseef, Dhugaa Baatotaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf walii gale. Gaaf tokko galgala utuu inni qayyabachaa jiruu, mana jala dhokadhee utuun isa dhaggeeffadhuu na arge. Achiis yommuu inni akkan dhaqee rafu natti himu, namni isa qayyabsiisaa jiru sun, “Eelvaan ol lixxee nu wajjin akka teessu maaliif hin gootu?” jedheen. Jireenya haaraa jalqabuufi Yihowaa wajjin hariiroo uumuuf kan na kakaase wanta namni isa qayyabsiisu dubbate kanadha.
Sana booda utuma baayʼee hin turin aniifi abbayyeen walgaʼii Kiristiyaanaarratti argamuu jalqabne. Wanti abbayyeen barate jireenyasaarratti jijjiirama akka godhu isa kakaaseera. Aariisaallee toʼachuu jalqabe. Kunis haatikoofi obboleessikoo angafaa Firaank walgaʼiirratti akka argaman isaan kakaase.a Arfan keenyaayyuu guddina gochuudhaan cuuphamnee Dhugaa Baatota Yihowaa taane. Yeroo sanaa kaasee maanguddoonni hedduun yeroo addaddaa guutummaa jireenyakoo keessatti dhiibbaa gaarii godhaniiru.
YEROON HOJII FILADHUTTI
Yommuun umrii waggoota kurnanii keessa turetti, maanguddoota gumii keenya keessa jiranitti baayʼeen dhihaadhan ture. Isaan keessaa tokko obboleettii Alees Pilees jedhamtuufi yeroo jalqabaatiif maatii keenyaaf dhugaa baatedha. Akka akkookoottan ishee ilaalan ture. Alees tajaajilaaf na leenjisuusheerrayyuu, ulaagaa cuphamuuf barbaachisu akkan guutu na jajajjabeessiteetti. Anis waggaa 15 yommuun guutetti galma kanarra gaʼuu dandaʼeera.
Hiriyoota gaaʼelaa maanguddoota taʼan, Peersiifi Maaj [Maargaareet] Deenem jedhamanittis baayʼeen dhihaadhan ture. Isaanitti michoomuunkoo jireenya koorratti dhiibbaa guddaa geessiseera. Ani herrega waanan jaalladhuuf barsiistuu herregaa taʼuun barbaadan ture. Peersiifi Maaj bara 1930mman keessa Laatviyaatti misiyoonota taʼanii tajaajilaniiru. Waraanni Addunyaa Lammaffaa yommuu jalqabetti, Betʼel Awustiraaliyaa magaalaa Siidniitti dhihoo jirutti akka tajaajilan afeeramanii turan. Peersiifi Maaj xiyyeeffannaa guddaa naa kennaniiru. Muuxannoo gammachiisaa tajaajila misiyoonummaarratti argatan hedduu natti himu turan. Macaafa Qulqulluu barsiisuun herrega barsiisuu caalaa akka nama gammachiisu akka gaariitti hubadheen ture. Kanaaf misiyoonii taʼuufan murteesse.
Peersiifi Maaj qajeelchaa taʼuudhaan hojii misiyoonummaatiif akkan qophaaʼu na jajjabeessan. Kanaaf, bara 1948, umrii waggaa 16tti dardarootaafi shamarroota kudhan gumiikoo Haristiviilee Siidnii keessatti tajaajilanii wajjin qajeelchaa taʼeen tajaajiluu jalqabe.
Waggoottan arfan ittaananitti magaalota gara biraa Niiwu Saawuz Weelsiifi Kuwiinsilaand jiran afuritti qajeelchaa taʼee tajaajileera. Namootan jalqaba Macaafa Qulqulluu qayyabsiise keessaa tokko Beetii Loowu (amma Reeminaanti) jedhamti. Beetiin shamarree waggaa lama na angaftu yommuu taatu intala namaa yaaddudha. Booda magaalaa Kaawuree ishee karaa dhiha Siidnii gara kiilomeetira 230 fagaattee argamtutti qajeelchaa taatee naa wajjin tajaajilteetti. Aniifi Beetiin kan waliin tajaajille yeroo muraasaaf qofa taʼus, michummaan keenya hamma ammaatti itti fufeera.
Qajeelchaa addaa taʼee ergan muudamee booda, magaalaa Neraanderaa ishee Kaawureerraa karaa kibba dhihaa kiilomeetira 220 fagaattee argamtuttan ramadame. Obboleettiin naa wajjin qajeelchaa taatee tajaajiltu Jooyi Leenooksi (amma Jooyi Hanter) kan jedhamtu siʼa taatu, isheenis waggaa lama na angafti turte. Dhugaa Baatonni magaalaa sana keessa jiran nu qofa ture. Aniifi Jooyi hiriyoota gaaʼelaa Reeyiifi Esteer Aayran jedhamaniifi keessummaa simachuu jaallatan bira teenya turre. Jarri kun, ilmasaaniifi intalootasaanii sadanii wajjin dhugaadhaaf fedhii argisiisanii turan. Reeyiifi ilmisaa magaalaadhaa alatti hoolota kan tiksaniifi maasii qamadii keessatti kan hojjetan yommuu taʼu, Esteerimmoo ijoollee durbaasaanii wajjin manasaanii isa kireessan keessatti hojjetti. Aniifi Jooyi yeroo hunda guyyaa Dilbataa maatii Reeyiifi Esteeriif, akkasumas namoota baaburaan deeman, manasaanii kireeffatanii bulaniifi nyaata barbaadaniif foon hedduu waadnee irbaata isaanii qopheessina turre. Hojii kana hojjennee qarshiin nuti argannu kiraa keenya hamma tokko nuu dandaʼa ture. Erga dhidhiqannee booda, maatii Reeyiifi Esteeriif nyaata hafuuraa miʼaawaa, jechuunis qayyabannaa Masaraa Eegumsaa torbanii dhiheessina. Reeyi, Esteeriifi ijoolleensaanii arfan dhugaa fudhachuudhaan miseensa gumii Neraanderaa warra jalqabaa taʼaniiru.
Bara 1951tti, walgaʼii koonyaa Dhugaa Baatota Yihowaa Siidniitti godhamerrattan hirmaadhe. Walgaʼii qajeelchitoota misiyoonii taʼuu barbaadanii wajjin godhamurratti kanan argame yeroo kanatti ture. Walgaʼii qajeelchitootaa wajjin dunkaana guddaa tokko keessatti godhame kanarratti namoonni 300 ol taʼan argamaniiru. Naataan Noor inni Biruukiliin Betʼelii dhufe, haasaa namoota walgaʼii kanarratti argamneef dhiheesserratti, misiraachicha hamma handaara lafaatti labsuun ariifachiisaa taʼuusaa ibseera. Wanta inni dubbatu hunda xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffanna turre. Qajeelchitoota walgaʼii kanarratti argaman keessaa baayʼeensaanii yeroo booda biyyoota Kibba Paasifiikiitti argamaniifi bakka biraatti hojiin Mootummichaa akka jalqabamu godhaniiru. Bara 1952tti, dhiirotaafi dubartoota 17 Awustiraaliyaadhaa Mana Barumsaa Giilʼaad kutaa 19ffaa akka galan afeeraman keessaa tokko taʼuunkoo baayʼee na gammachiiseera. Umriikoo waggaa 20tti hawwiin misiyoonii taʼuuf qabu naa dhugoomeera!
YEROO SIRREEFAMNI NA BARBAACHISETTI
Barumsi Giilʼaaditti kennamuufi namoonni ani achitti wajjin ture, beekumsa Macaafa Qulqulluu ani qabu naa guddisuu, akkasumas amantiikoo naa cimsuu qofa utuu hin taʼin, ilaalcha koorrattis dhiibbaa guddaa godhaniiru. Ijoollee kanan taʼeefi ilaalcha mataa kootiin waanan geggeeffamuuf, anis taʼe namoonni kaan mudaa kan hin qabne taʼuu akka qabnun eega. Wantoota tokko tokkorratti ilaalcha asiifi achi hin jennen qaban ture. Fakkeenyaaf Obboleessi keenya Noor dargaggoota miseensa maatii Betʼel taʼanii wajjin kubbaa utuu taphatuu yommuun arge rifadheen ture.
Obboloonni Giilʼaad keessaa barsiisan, hubatoo taʼaniifi muuxannoo waggaa dheeraa qaban rakkina kanaa wajjin akkan qabsaaʼu hubatanii taʼuu qaba. Xiyyeeffannaa naa kennuudhaan ilaalchakoo akkan sirreessu naa gargaaraniiru. Suutuma suuta, Yihowaan Waaqa asiifi achi nama hin jechisiisneefi waan hedduu namarraa barbaadu utuu hin taʼin, Waaqa jaalala qabeessaafi nama dinqisiifatu taʼuusaa hubachuun jalqabe. Obboloonni naa wajjin baratan tokko tokkos na gargaaraniiru. Isaan keessaa obboleettiin tokko, “Eelvaa, Yihowaan Waaqa nu adabuuf alangaa qabatee nu eeggatu miti. Garmalee of hin dhiphisin!” naan jettee turte. Wanti isheen ifatti dubbatte garaakoo tuqeera.
Barumsa Giilʼaad erga xumurree booda, warra wajjin baranne keessaa afuriifi ani Afriikaa keessaa biyya Naamiibiyaatti ramadamne. Utuma hin turin, namoota 80 Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuu jalqabne. Biyya Naamiibiyaafi jireenya misiyoonummaa kanan jaalladhu taʼus, obboleessa waliin baranneefi Siwiizarlaanditti ramadamerraa jaalalli na qabe. Naamiibiyaatti waggaa tokko ergan tajaajilee booda, kaadhimakoo wajjin taʼuuf gara Siwiizarlaandin dhaqe. Erga gaaʼela godhannee booda, abbaa manaakoo wajjin hojii daawwannaarratti hirmaachuu jalqabne.
YEROO RAKKINNI NA MUDATETTI
Hojii daawwannaarratti gammachuudhaan waggaa shan erga dabarsinee booda, Betʼel Siwiizarlaanditti akka tajaajillu afeeramne. Iddoo kanatti obbolootaafi obboleettota hedduu miseensa maatii Betʼel taʼan, akkasumas karaa hafuuraa gaʼumsa qabanii wajjin taʼuun na gammachiisa ture.
Sana booda utuma baayʼee hin turin, haalli gaddisiisaan tokko na mudate. Abbaan manaakoo anaafis taʼe Yihowaadhaaf amanamaa akka hin taanen hubadhe. Achiis na dhiisee deeme. Anis baayʼeen gadde! Maanguddoonni miseensa maatii Betʼel michootakoo taʼan, utuu deggersa naa gochuufi jaalala natti argisiisuu baatanii haala kana moʼuu hin dandaʼun ture. Yommuun dubbachuu barbaadu na dhaggeeffatu, yommuun boqochuu barbaadu naa heyyamu turan. Dubbiinsaanii inni nama jajjabeessuufi gaarummaan isaan natti argisiisan yeroo rakkinni cimaan na mudate kanatti na deggereera, caalaatti Yihowaatti akkan dhihaadhus na gargaareera.
Wanta maanguddoonni ogeeyyiin qorumsa keessa darban waggaa baayʼee dura dubbatanis naan yaadadhan ture. Gorsi Maaj Deenem naa kennite kana keessaa isa tokkodha. Yeroo tokko akkas naan jettee turte: “Eelvaa, jireenya Yihowaa tajaajiluudhaan dabarsitu keessatti qorumsi hedduun si mudata, qorumsi hunda caaluu garuu namoota sitti dhihaatanirraa isa dhufudha. Qorumsi akkasii yeroo si mudatu caalaatti Yihowaatti dhihaadhu. Kan tajaajiltu namoota mudaa qaban utuu hin taʼin, Yihowaa akka taʼe yaadadhu!” Gorsi Maaj yeroo haalli abdii na kutachiisu na mudatetti gargaarsa guddaa naa taʼeera. Dogoggorri abbaan manaakoo raawwate matumaa Yihowaarra akka na fageessu heyyamuu dhiisuuf murteesseen ture.
Boodas maatiikoo bira taaʼee qajeelchaa taʼee tajaajiluuf, gara Awustiraaliyaatti deebiʼuufan murteesse. Yeroon markabaan gara biyyaatti deebiʼu namoota na faana deemanii wajjin maree Macaafa Qulqulluu nama gammachiisu godheen ture. Isaan keessaa tokko lammii Noorweey callisaa taʼeefi Arnee Jeerdii jedhamu ture. Innis wanta dhagaʼetti gammadee ture. Arneen booda Siidnii dhufee anaafi maatiikoo gaafate. Achiis karaa hafuuraa dafee guddina gochuudhaan dhugaa fudhate. Aniifi Arneen bara 1963tti gaaʼela kan godhanne siʼa taʼu, waggaa lama booda ilma keenya Jeerii jedhamun daʼe.
YEROO RAKKINNI GARABIRAAN NA MUDATETTI
Arnee, Jeeriifi ani jireenya maatii gammachiisaa taʼe jiraanna turre. Utuma baayʼee hin turin Arneen warrakoo dullooman kunuunsuuf jecha mana keenya balʼise. Haataʼu malee, gaaʼela erga godhannee waggaa jaʼa booda, rakkinni gara biraa cimaan nu mudate. Arneen kaansarii sammuutiin akka qabame beekame. Mala raadiyeeshin teeraappii jedhamuun yommuu yaaliin godhamuuf guyyaa guyyaadhaan hospitaalatti deddeebiʼeen isa gaafadha. Yeroodhaaf kan isatti fooyyaʼe taʼus, booda haallisaa itti caalaa deemee sammuusaa keessatti dhiigni dhangalaʼe. Jiraachuu kan dandaʼu torban muraasaaf qofa akka taʼe natti himame. Taʼus, utuu hin duʼin hafe. Dhumarrattis gara manaatti kan deebiʼe siʼa taʼu, anis hamma inni suutuma suuta fayyuttan isa walʼaane. Yeroo booda deemuu kan dandaʼe siʼa taʼu, jaarsa gumii taʼee tajaajiluu itti fufe. Gammachuu kan qabuufi qoosaa kan jaallatu taʼuunsaa akka fayyu gumaacha kan godheef yommuu taʼu, anaafis yeroo hunda isa kunuunsuun akka natti salphatu godheera.
Waggoota hedduu booda, bara 1986tti fayyaan Arnee ammas deebiʼee gad buʼaa deeme. Yeroo sanatti warri keenya waan duʼaniif naannoo bareedaa Biluu Maawunteen jedhamuufi Siidniidhaa ala jirtutti kan galle yommuu taʼu, kunis caalaatti michoota keenyatti dhihaachuuf nu gargaareera. Jeeriin yeroo booda shamarree jaallatamtuu nama hafuuraa taateefi Kaaren jedhamtu kan fuudhe siʼa taʼu, arfan keenyayyuu mana tokko keessa akka waliin jiraannu yaada dhiheessan. Jiʼoota muraasa gidduutti mana bakka aniifi Arneen jiraachaa turretti dhihoo jiru tokkotti galle.
Sana booda waggaafi jiʼa jaʼaaf Arneen sireerraa kaʼuu kan dadhabe siʼa taʼu, yeroo hunda kunuunsi isa barbaachisa ture. Yeroo sana manatti saʼaatii dheeraa waanan dabarsuuf, guyyaa guyyaadhaan saʼaatii lamaaf Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan nan qayyabadhan ture. Yeroon kanatti gorsa ogummaarratti hundaaʼeefi haalan keessa jiru moʼuuf na gargaaru hedduu argadheera. Obboloonni gumiikoo keessa jiraniifi qorumsa wal fakkaatu keessa darban tokko tokkos jaalalaan kakaʼanii na gaafatu turan. Dhufanii na gaafachuunsaanii baayʼee na jajjabeesseera! Arneen duʼaa kaʼuuf abdii akka qabu mirkanaaʼaa taʼuudhaan Ebla 2003 boqoteera.
WANTA HUNDA CAALAA GARGAARSA NAA GODHE
Yommuun ijoollee turetti ilaalcha mataa kootiinan geggeeffaman ture. Haataʼu malee, yeroo tokko tokko jireenyi akka nuyi yaannu taʼuu akka hin dandeenye hubadheera. Eebba hangana hin jedhamne argadheera; abbaa manaakoo isa jalqabaa gantummaadhaan isa lammaffaammoo duʼaan dhabuudhaan gaddi gurguddaan siʼa lama narra gaʼeera. Yeroo kanatti obboloota baayʼeerraa jajjabinaafi gargaarsa hedduu argadheera. Taʼus ammayyuu gargaarsa guddaa kan naa godhu Yihowaa isa, “bara baayʼee dheeraa jiraate” dha. (Dan. 7:9) Gorsisaa amalakoo naa sirreesseera, hojii misiyoonummaarraas muuxannoo guddaa akkan argadhu na gargaareera. Yeroo rakkinni na mudatetti, ‘gaarummaan Yihowaa qabee na oolcheera, jajjabinnisaas lubbuukoo na gammachiiseera.’ (Far. 94:18, 19) Maatiinkoofi ‘obboloonni yeroo gidiraatiif dhalatan’ jaalala natti argisiisaniiru, deggersas naa godhaniiru. (Fak. 17:17, Hiika bara 1899) Namoota kana keessaa baayʼeensaanii maanguddoota ogeeyyii taʼanidha.
Iyoob inni abbaa amantii taʼe, “Ogummaa warra lafa guurantu qaba mitii ree? Hubannaas warra barri isaanii dheeratetu qaba mitii ree?” jedhee gaafateera. (Iyo. 12:12) Gara booddeetti deebiʼee waaʼee jireenyakoo yommuun yaadu gaaffii kanaaf deebii ‘eeyyee’ jedhu kennuu nan dandaʼa. Gorsi maanguddoonni ogeeyyiin naaf kennan na gargaareera, jajjabinni isaan naaf kennan na deggereera, michummaansaaniis gammachuu naaf argamsiiseera. Isaanitti dhihaachuu kootti gammachuu guddaatu natti dhagaʼama.
Amma umriinkoo waggaa 80 waan taʼeef anis maanguddoodha. Muuxannoon argadhe keessumaa wanta maanguddootaaf barbaachisuuf xiyyeeffannaa akkan kennu na godheera. Ammayyuu maanguddoota gaafachuufi isaan gargaaruun na gammachiisa. Haataʼu malee, dargaggootaa wajjin taʼuus nan jaalladha. Humnisaanii miira namaa kakaasa, hinaaffaansaaniis warra kaanitti ni darba. Dargaggoonni gorsa ykn deggersa akka barbaadan yommuu natti dhagaʼamu, isaan gargaaruun na gammachiisa.
[Miiljalee]
a Obboleessi Eelvaa, Firaank Laamberti Awustiraaliyaa keessaa naannoo fagoo taʼanitti qajeelchaa hinaafaa qabu taʼeera. Kitaabni Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa bara 1983 fuula 110-112, muuxannoo tajaajilaasaa keessaa muraasa qabateera. (Ingiliffa)
[Fakkii fuula 14rra jiru]
Jooyi Leenooksi wajjin Neranderaatti qajeelchaa taʼee yommuun tajaajilu
[Fakkii fuula 15rra jiru]
Eelvaan bara 1960 miseensota maatii Betʼel Siwiizarlaandi wajjin
[Fakkii fuula 16rra jiru]
Yommuu Arneen dhukkubsataa turetti utuun isa kunuunsuu