Ni Yaadattaa?
Barruulee Masaraa Eegumsaa dhiheenyatti baʼan akka gaariitti dubbisteettaa? Mee gaaffiiwwan armaan gadii deebisuu yaali:
Yesus namoonni isa dhaggeeffachaa turan kiilomeetira lama akka deeman gorsee ture. (Mat. 5:41) Yommuu akkas jedhu maal jechuusaati?
Yeroo sana Israaʼel keessatti warri Roomaa hojii tokko akka hojjetaniif namoota dirqisiisaa turan. Kanaaf Yesus kiilomeetira lama akka deeman yommuu dhaggeeffattootasaa gorsu wanta abbootiin taayitaa isaanirraa barbaadan raawwachuu akka qaban ibsuusaa ture.—Ebl.-Wax., fuula 9.
Haalawwan gara waraana Armaagedoonitti geessan kamfaʼi?
Mootummoonni labsii guddaa “nagaa dha, gabii dhas” jedhu baasu. (1 Tas. 5:3) Mootummoonni dhaabbilee amantii sobaarratti kaʼu. (Mul. 17:15-18) Achiis waaqeffattoota amantii dhugaarratti lolli ni banama. Sana booda dhuma barichaatu taʼa.—Ado.-Fulb., fuula 9.
Yihowaan Abrahaam ilmasaa isa jaallatu aarsaa godhee akka dhiheessuuf kan isa gaafate maaliifi?
Waaqayyo Abrahaam ilmasaa aarsaa godhee akka inni dhiheessu kan hin heyyamne taʼuusaa yaadachuun gaariidha. Gochi kun Waaqayyo gara fuulduraatti Ilmasaa aarsaa godhee kennuuf heyyamuunsaa hammam cimaa akka taʼe kan argisiisudha.—Ado.-Fulb., fuula 31.
Siimsoniif humna kan kenne rifeensa mataasaa turee?
Siimsoniif humna kan kenne rifeensa mataasaa hin turre. Rifeensi mataasaa hariiroo addaa inni Waaqayyoo wajjin qabu kan argisiisu ture. Hariiroo inni qabu kun yeroo Deliilaan rifeensasaa irraa haaddetti addaan cite.—4/15, fuula 9.
Wantoonni sadan garaa keenyarratti dhiibbaa godhan maalfaʼi?
(1) Soora. Akkuma qaamni keenya fayya buleessa taʼuuf nyaata madaalamaa argachuu qabu, nyaata hafuuraa gaʼaa taʼe argachuuf carraaqqii gochuun keenyas fayyaa hafuuraa keenya eeguuf barbaachisaadha. (2) Sochii gochuu. Tajaajilarratti hinaaffaadhaan hirmaachuun, garaan keenya inni fakkeenyaan ibsame fayyaa taʼee akka itti fufu gochuu dandaʼa. (3) Haala naannoo. Namoota hidhata amantii keenyaa garaadhaa nuu yaadanii wajjin taʼuudhaan dhiibbaa nurra gaʼu salphisuu dandeenya.—4/15, fuula 16.
Obboleessi haasaa sirna awwaalchaa dhiheessu, haasicharratti Faarfannaa 116:15 caqasuu kan hin qabne maaliifi?
Caqasichi, “Warri isaaf qulqullaaʼan duʼuun, ija Waaqayyoo duratti ulfaataa dha” jedha. Kana jechuun Waaqayyo duʼa namoota isaaf amanamoo taʼan hundaaf iddoo guddaa akka kennu argisiisa. Namoonni isaaf amanamoo taʼan gareedhaan lafarraa akka badan hin heyyamu.—5/15, fuula 22.
Kolportaroonni eenyudha?
Bara 1931 dura maqaan “kolportaroota” jedhu warra yeroo ammaa qajeelchitoota jedhaman kan argisiisu ture.—5/15, fuula 31.
Daaniʼel 2:44rratti “mootummoota sana hundumaa” kan jedhaman eenyufaʼi?
Raajiin kun mootummoota qaama bifa fakkeenyichaa addaddaa isa Daaniʼel ibse argisiisa.—6/15, fuula 17.
Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa, mootummaa torbaffaa Macaafa Qulqulluu keessatti raajiidhaan dubbatame kan taʼe yoomi?
Mootummoonni addunyaa Biritaaniyaafi Yunaayitid Isteetis Ameerikaan tokkummaa uuman kun qindoominaan hojjechuu kan jalqaban yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaattidha.—6/15, fuula 19.