LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w13 7/15 ful. 26
  • Miseensa Qaama Olaanaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Miseensa Qaama Olaanaa Haaraa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Miseensa Qaama Ol Aanaa Haaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Walgaʼii Seena Qabeessa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • ‘Karicha Beekeera’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Qaamni Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa Maalidha?
    Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
w13 7/15 ful. 26

Miseensa Qaama Olaanaa Haaraa

Roobii ganama, Fulbaana 5, 2012, miseensota maatii Bet’el Yunaayitid Isteetisiifi Kaanaadaa jiranitti, Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaatti miseensi haaraan tokko akka dabalame beeksifame. Fulbaana 1, 2012 jalqabee, Maark Saandarsan miseensa Qaama Olaanaa ta’ee tajaajiluu jalqabe.

Obboleessi keenya Maark Saandarsan Saan Diyaagoo, Kaalifoorniyaa, Yuu.Eess.Ee keessatti warrisaa Dhugaa Baatota ta’an kan isa guddisan yommuu ta’u, Guraandhala 9, 1975⁠tti cuuphame. Fulbaana 1, 1983 kaasee Saaskaachiwaan, Kaanaadaatti qajeelchaa ta’ee tajaajiluu jalqabe. Muddee 1990, Yunaayitid Isteetisitti kutaa torbaffaa Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa (isa yeroo ammaa Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Obboloota Qeentee jedhamu) baratee xumure. Ebla 1991⁠tti odoola Niiwufaawundilaand, Kaanaadaatti qajeelchaa addaa ta’ee akka tajaajilu ramadame. Bakka bu’aa daawwataa olaanaa aanaa ta’ee erga tajaajilee booda, Guraandhala 1997 Kaanaadaa keessatti miseensa maatii Bet’el ta’e. Sadaasa 2000⁠tti, waajjira damee Yunaayitid Isteetisitti jijjiiramuudhaan Tajaajila Odeeffannoo Hospitaalaa keessatti, achiis Kutaa Tajaajilaa keessatti hojjeteera.

Fulbaana 2008⁠tti, Mana Barumsaa Miseensota Koree Waajjira Dameetiif qophaa’e galee barachuudhaan, miseensa Koree Waajjira Damee Filippiins ta’ee tajaajileera. Fulbaana 2010⁠tti, Yunaayitid Isteetisitti akka deebi’u kan waamame ennaa ta’u, Koree Tajaajilaa Qaama Olaanaa keessatti gargaaraa ta’ee hojjeteera.

Miseensota Qaama Olaanaa Yeroo Ammaa

Toora duubaa, bitaarraa gara mirgaatti: Deevid Ispileen, Antoonii Mooris 3⁠ffaa, Maark Saandarsan, Jeefrii Jaaksan, Isteefan Leet. Toora fuulduraa, bitaarraa gara mirgaatti: Saamu’el Hard, Geerit Loosh, Gaay Piirs. Miseensonni Qaama Olaanaa hundi Kiristiyaanota dibamoodha

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi