Matumaa ‘Yihowaa Hin Komatinaa’
“Gowwummaan namaa jireenyuma isaa in balleessa, inni garuu garaa isaatti Waaqayyoon [“Yihowaa,” NW] in komata.”—FAK. 19:3.
1, 2. Rakkina ilmaan namootaarra ga’uuf Yihowaa komachuu kan hin qabne maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.
WAGGOOTA hedduudhaaf gaa’elakeetti gammaddee jiraachaa turte haa jennu. Haata’u malee, gaaf tokko yommuu gara manakeetti deebitu, wanti mana keessa jiru hundi mashamee argite. Meeshaawwan mukaafi supheerraa tolfaman hundi caccabaniiru; afanni lafaas guutummaatti manca’eera. Mannikee inni miidhagaan gara dhabeera. Yeroo kanatti, “Haati manaakoo maaliif akkas goote?” jettee iyyitaa? Moo, “Eenyutu akkas godhe?” jettee gaafatta? Dafee gara sammuukeetti kan dhufu gaaffii isa lammaffaa akka ta’e beekamaadha. Maaliif? Hiriyaan gaa’elaakee isheen jaallatamtuun badii akkasii akka hin raawwanne waan beektuufidha.
2 Haaluma wal fakkaatuun, yeroo har’aatti bakki ilmaan namootaa jiraatan, faalamaan, walirratti ka’uufi addaggummaadhaan mancaateetti. Barattoota Macaafa Qulqulluu waan taaneef, rakkina kana hunda kan fide matumaa Yihowaa ta’uu akka hin dandeenye beekna. Yihowaan lafa kana kan uume jannata nama gammachiistu akka taatuuf ture. (Uma. 2:8, 15) Yihowaan Waaqa jaalalaati. (1 Yoh. 4:8) Macaafa Qulqulluu qorachuun keenya, rakkina biyya lafaarratti argamu hedduudhaaf maddisaa eenyu akka ta’e hubachuuf nu gargaareera. Maddisaa Seexana, ‘isa biyya lafaa kana seerratu’ malee eenyuyyuu ta’uu hin danda’u.—Yoh. 14:30; 2 Qor. 4:4.
3. Yaanni keenya jal’achuu kan danda’u akkamitti?
3 Haata’u malee, rakkina nurra ga’u hundaaf Seexana komachuu hin dandeenyu. Akkas kan jennu maaliifi? Rakkoowwan tokko tokko kan nurra ga’an dogoggora mataa keenyaatiin waan ta’eefidha. (Keessa Deebii 32:4-6 dubbisi.) Kun dhugaa ta’uusaa kan amannu ta’us, mudaa kan qabnu ta’uun keenya yaada keenya jal’isuufi daandii yeroo booda rakkinaaf nu saaxilurra akka adeemnu nu gochuu danda’a. (Fak. 14:12) Akkamitti? Rakkina nurra ga’e tokkoof ofitti ykn Seexanatti qabachuu mannaa, Yihowaatti qabachuu jalqabuu dandeenya. Kanarra darbees rakkina nurra ga’eef ‘Yihowaa komanna’ ta’a.—Fak. 19:3.
4, 5. Kiristiyaanni tokko ‘Yihowaa kan komatu’ akkamitti?
4 Dhuguma ‘Yihowaan komatamuu’ danda’aa? Akkas gochuun gatii akka hin qabne beekamaadha. (Isa. 41:11) Namni barreessaa walaloo ta’e tokko, Yihowaa komachuun faayidaa akka hin qabne yeroo ibsu, “Harkikee gabaabaa waan ta’eef, Waaqayyoon rukuchuuf hin hiixatin” jedheera. Kanaaf, matumaa Yihowaa komachuu hin qabnu. Fakkeenyi 19:3 garuu namni gowwaan, ‘jireenyasaa balleessee garaasaatti Yihowaa akka komatu’ dubbata. Eeyyee, namni tokko garaa isaatti Yihowaa komachuu danda’a. Ilaalchi akkasiimmoo karaa hubachuuf rakkisaa ta’een kan mul’atu ta’uu danda’a. Namni tokko Yihowaatti haaloo qabachuudhaan walga’iirratti argamuu ykn qophiiwwan waaqeffannaasaatiif godhaman guutummaatti deggeruu dhiisuu danda’a.
5 ‘Yihowaa akka komannu’ kan nu godhu maal ta’uu danda’a? Kiyyoo kanaan qabamuurraa ooluu kan dandeenyu akkamitti? Gaaffiiwwan kanaaf deebii argachuun keenya barbaachisaadha. Kun, hariiroo Yihowaa wajjin qabnuu wajjin kallattiidhaan kan wal qabatedha.
‘YIHOWAA AKKA KOMANNU’ KAN NU GODHU MAAL TA’UU DANDA’A?
6, 7. Israa’eloonni bara Musee turan Yihowaarratti kan guunguman maaliifi?
6 Namni amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilu tokko, garaasaatti Waaqasaarratti akka guungumu isa gochuu kan danda’u maalidha? Wantoota kiyyoo kanatti nama galchan shaniifi seenaa namoonni Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman tokko tokko akkamitti kiyyoo kanaan akka qabaman ibsu haa qorannu.—1 Qor. 10:11, 12.
Oduu gadhee dhaggeffachuun keessan dhiibbaa isinirraan ga’uu danda’a (Keeyyata 7 ilaali)
7 Dubbii gadheen warri kaan dubbatan nurratti dhiibbaa geessisuu danda’a. (Keessa Deebii 1:26-28 dubbisi.) Israa’eloonni garbummaa biyya Gibxii jalaa reefuu birmaduu ba’uusaaniiti. Yihowaan karaa dinqii ta’een saba hamaa sanarratti dha’icha kudhan erga itti fidee booda, Fara’ooniifi loltootasaa Galaana Diimaa keessatti balleesse. (Bau. 12:29-32, 51; 14:29-31; Far. 136:15) Yeroo kanatti sabni Waaqayyoo Biyyattii Abdachiifamtetti galuuf qophaa’anii turan. Haata’u malee, yeroo murteessaa ta’e kanatti Israa’eloonni Yihowaarratti guungumuu jalqaban. Amantii isarratti qaban akka dhaban kan godhe maalidha? Namoonni biyyattii akka gaadan ergaman gabaasa gadhee fidanii waan dhufaniif onneensaanii akkuma gagaa baqe. (Lak. 14:1-4) Kun rakkina akkamii fideree? Dhaloonni yeroo sana ture hundi “biyya gaarii” sanatti akka hin galle dhowwame. (Kes. 1:34, 35) Nuunoo, yeroo tokko tokko dubbii gadheen warri kaan dubbatan amantii keenya akka laaffisnuufi akkaataa Yihowaan itti nu qaburratti akka guungumnu nu godhaa?
8. Bara Isaayaasitti sabni Waaqayyoo haala keessa turaniif Yihowaa akka komatan kan isaan godhe maalidha?
8 Rakkinni abdii nu kutachiisuu danda’a. (Isaayaas 8:21, 22 dubbisi.) Bara Isaayaasitti sabni Yihudaa rakkina guddaa keessa galanii turan. Diinotaan marfamanii, akkasumas nyaanni waan hin jirreef, namoonni hedduun beelaaf saaxilamanii turan. Hunda caalaammoo karaa hafuuraa beela’anii turan. (Amo. 8:11) Yihowaan rakkoowwan kana mo’uuf akka isaan gargaaru kadhachuu mannaa, mootiisaaniifi Waaqasaanii “abaaruu” jalqaban. Eeyyee, rakkina isaanirra ga’eef Yihowaa komatan. Nuhoo yommuu balaan ykn rakkinni nurra ga’u, garaa keenyatti ‘Yeroon isa barbaadetti Yihowaan eessa ture’ jennaa?
9. Israa’eloonni bara Hisqi’el turan ilaalcha dogoggora ta’e kan qabaatan maaliifi?
9 Ragaa jiru hunda hin beeknu. Israa’eloonni bara Hisqi’el turan ragaa jiru hunda waan hin beekneef karaan Yihowaa ‘qajeelaa akka hin taane’ itti dhaga’amee ture. (His. 18:29) Ulaagaa haqaaf baasan kan Yihowaarra caalchisanii ilaaluufi hubannaa xinnoo qabanirratti hundaa’anii isa madaaluudhaan, Waaqayyorratti abbootii firdii of godhanii turan. Nuhoo al tokko tokko seenaa Macaafa Qulqulluu tokko ykn wanta jireenya keenya keessatti nu mudate tokko guutummaatti hubachuu yommuu dadhabnu, tarii garaa keenyatti daandiin Yihowaa sirrii ykn “qajeelaa” akka hin taane nutti dhaga’amaa?—Iyo. 35:2.
10. Namni tokko fakkeenya Addaam hordofuu kan danda’u akkamitti?
10 Cubbuufi dogoggora raawwanne warra kaanitti qabanna. Jalqaba seenaa ilmaan namootaarratti Addaam cubbuu hojjeteef Waaqayyoon itti gaafatamaa godheera. (Uma. 3:12) Addaam ta’e jedhee, akkasumas rakkina gochisaa isatti fidu utuu beekuu seera Waaqayyoo kan cabse ta’us, Yihowaa itti gaafatamaa godheera. Yihowaan haadha manaa gadhee akka isaaf kenne godhee ibseera. Yeroo sanaa jalqabee, warri kaanis fakkeenya Addaam hordofuudhaan dogoggora raawwataniif Waaqayyoon itti gaafatamaa godhu. Kanaaf, ‘Dogoggoran hojjedhetti abdii kutachuufi aaruunkoo ulaagaa Yihowaatti akkan mufadhu na gochaa jiraa?’ jennee of gaafachuu qabna.
11. Yoonaasirraa maal barachuu dandeenya?
11 Garmalee ofittoo taana. Yoonaas raajichi Yihowaan warra Nanawweetiif oo’a argisiisuusaa mormee ture. (Yon. 4:1-3) Maaliif? Haalasaarraa hubachuun akka danda’amutti, badiisni akka dhufu wanti inni lallabe utuu hin raawwatamin yoo hafe akka isa qaanessu yaadda’ee ture. Yoonaas namoota Nanawwee warra yaada garaasaanii geddarataniif garaa laafuu mannaa, maqaasaatiif garmalee dhiphateera. Haaluma wal fakkaatuun nuyis ofittoo ta’uudhaan Yihowaan dafee badiisa utuu hin fidin hafuusaatti ‘isa komannaa’? Waggoota kudhaniin lakkaa’amaniif guyyaan Yihowaa dhihoo ta’uusaa lallabaa kan turre ta’us, wanta Macaafni Qulqulluun dubbatu lallabuu keenyatti yommuu warri kaan nutti ga’isan dafnee Yihowaatti aarraa?—2 Phe. 3:3, 4, 9.
‘YIHOWAA KOMACHUURRAA’ FAGAACHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
12, 13. Wanta Yihowaan godhu tokko tokko garaa keenyatti shakkuu yoo jalqabne, maal yaadachuun nu barbaachisa?
12 Garaan keenya inni cubbamaan, wanta Yihowaan godhu tokko tokko shakkuu yoo jalqabe maal gochuu dandeenya? Akkas gochuun dogoggora akka ta’e yaadadhaa. Hiikni Macaafa Qulqulluu garabiraan tokko yaada Fakkeenya 19:3rratti argamu, “Wallaalummaan namaa dhimmasaa jalaa mashee, Yihowaatti akka dheekkamu godha” jedhee hiikeera. (Baayingitan) Kana yaadatti qabachuudhaan, qabxiiwwan wantoonni gadheen jireenya keenya keessatti nu mudatan matumaa Yihowaa akka hin komanne nu gargaaran shan haa qorannu.
13 Walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabdan hin dagatinaa. Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu yoo barbaanne, fedhii akka isa komannu nu godhurraa fagaachuu dandeenya. (Fakkeenya 3:5, 6 dubbisi.) Kana malees, Yihowaatti amanamuun nu barbaachisa. Akkasumas ogeessota of gochuurraa ykn ofirratti xiyyeeffachuurraa fagaachuu qabna. (Fak. 3:7; Lal. 7:16) Akkas taanaan, wanti gadheen yommuu nurra ga’u Yihowaa komachuurraa of qusachuu dandeenya.
14, 15. Dubbii gadheen warri kaan dubbatan dhiibbaa akka nurraan hin geessisne maaltu nu gargaara?
14 Dubbii gadheen dhiibbaa akka isinirra geessisu hin heyyaminaa. Israa’eloonni bara Museetti turan, ragaawwan Yihowaan gara Biyyattii Abdachiifamtetti akka isaan galchu argisiisan amanuuf isaan gargaaran hedduu qabu turan. (Far. 78:43-53) Haata’u malee, gaaddonni kurnan gabaasa gadhee yommuu isaanitti himan ‘jabina irreesaa yaadatti utuu hin qabatin’ hafaniiru. (Far. 78:42) Wantoota gaggaarii Yihowaan nuu godhe yaadachuudhaan hojiisaarratti yoo xiinxalle, walitti dhufeenya isaa wajjin qabnu cimsachuu dandeenya. Kunimmoo, yaanni gadheen warri kaan qaban walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu akka nu jalaa mancaasu heyyamuurraa nu eega.—Far. 77:11, 12.
15 Obboloota keenyaaf ilaalcha dogoggoraa yoo qabaannehoo? Haalli kun walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa mancaasuu danda’a. (1 Yoh. 4:20) Israa’eloonni Aaron muudamuusaa yeroo mormanitti, Yihowaan namoonni kun kan guunguman isarratti akka ta’e ibseera. (Lak. 17:10) Haaluma wal fakkaatuun, namoota Yihowaan jaarmiyaasaa isa lafarraa geggeessuuf itti fayyadamutti kan guungumnu yoo ta’e, Yihowaarratti guungumaa akka jirrutti ilaalama.—Ibr. 13:7, 17.
16, 17. Yeroo rakkinni nurra ga’u maal yaadachuun nu barbaachisa?
16 Rakkina kan nutti fidu Yihowaa akka hin taane yaadadhaa. Israa’eloonni bara Isaayaasitti turan Yihowaarraa kan garagalan ta’us, inni garuu isaan gargaaruu barbaada ture. (Isa. 1:16-19) Nuunis rakkinni akkamiiyyuu yoo nurra ga’e, Yihowaan akka nuu yaaduufi nu gargaaruu akka barbaadu beekuun keenya nu jajjabeessuu danda’a. (1 Phe. 5:7) Inni, jabina rakkina keessa darbuuf nu barbaachisu akka nuu kennu waadaa galeera.—1 Qor. 10:13.
17 Akkuma Iyoob nama amanamaa sanarra ga’e, jal’inni ta’e tokko yoo nurratti raawwatame, rakkina kana kan nutti fide Yihowaa akka hin taane yaadachuun nu barbaachisa. Yihowaan jal’ina ni jibba; qajeelummaa garuu ni jaallata. (Far. 33:5) Nuyis akkuma Eliihuu isa michuu Iyoob turee, yaada “Jal’inni Waaqayyo irraa, dabaa hojjechuunis isa hundumaa danda’u irraa haa fagaatu!” jedhu amannee fudhachuu qabna. (Iyo. 34:10) Yihowaan, ‘kennaa gaariifi kennaa guutuu hunda’ nuu kenna malee, rakkina nutti hin fidu.—Yaq. 1:13, 17.
18, 19. Matumaa Yihowaa shakkuu kan hin qabne maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.
18 Matumaa Yihowaa hin shakkinaa. Yihowaan mudaa kan hin qabne ta’uusaarrayyuu, yaannisaa yaada keenyarra baay’ee caala. (Isa. 55:8, 9) Kanaaf, kan gad of deebisnuufi iddoo keenya kan beeknu ta’uun keenya, hubannaan keenya daangeffamaa ta’uusaa amannee akka fudhannu nu gargaaruu qaba. (Rom. 9:20) Haalawwan tokko tokko ilaalchisee ragaa hunda qabaachuu hin dandeenyu. Yaanni, “Namni kan biraa dhufee hamma isaan mormutti, inni dura dhufee dubbii isaa yaa’iitti dhi’eeffatu, waan dhugaa qabu fakkaata” jedhu, sirrii ta’uusaa muuxannoo keerraa akka hubatte hin shakkisiisu.—Fak. 18:17.
19 Hiriyaa amanamaa ta’e tokko utuu qabaanneefi hiriyaan keenya kun wanta nuyi jalqabarratti hin hubanne ykn bitaa nutti ta’u utuu raawwatee, dogoggora raawwateera jennee isatti faraduuf ni ariifannaa? Moo keessumaa nama kana waggoota hedduudhaaf kan beeknu yoo ta’e isa shakkuurraa of qusanna? Michoota keenya warra cubbuu dhaalan akkasitti kan amannu erga ta’ee, Abbaa keenya isa samii daandiifi yaannisaa kan keenyarra guddaa caalu kana caalaa amanuu hin qabnuu?
20, 21. Abbuma balleesse komachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
20 Abbuma balleesse komadhaa. Akkas gochuu kan qabnu maaliifi? Rakkoowwan nurra ga’an tokko tokkoof kan itti gaafatamu numa ta’uu danda’a. Nutu balleesse taanaan, balleessaa keenya amannee fudhachuu qabna. (Gal. 6:7) Rakkoowwan isinirra ga’aniif Yihowaa hin komatinaa. Akkas gochuun sirrii kan hin taane maaliifi? Fakkeenya kana haa ilaallu: Konkolaataan tokko saffisa guddaadhaan deemuu danda’a. Konkolaachisaan tokko daandii jal’ataarra saffisa isaaf heyyamameera darbee utuu oofuu konkolaatichi ni garagale. Balaa ga’e kanaaf warshaan konkolaaticha oomishe itti gaafatamuu qabaa? Matumaa itti gaafatamuu hin qabu! Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan mirga filannaa akka qabaannu godhee kan nu uume ta’us, akkamitti murtoo gaarii gochuu akka dandeenyu qajeelfama nuu kenneera. Kanaaf, dogoggora ofii keenya raawwanneef maaliif Uumaa keenya komanna?
21 Rakkinni nurra ga’u hundi sababii dogoggora ykn cubbuu keenyaatiin kan nutti dhufu akka hin taane beekamaadha. Wantoonni tokko tokko kan nurra ga’an sababii ‘yeroofi walitti dhufuutiin’ kan ka’edha. (Lal. 9:11) Haata’u malee, adda durummaadhaan maddi hamminaa Seexana ta’uusaa dagachuu hin qabnu. (1 Yoh. 5:19; Mul. 12:9) Diinni keenya Seexanadha malee Yihowaa miti!—1 Phe. 5:8.
HARIIROO GAARII YIHOWAA WAJJIN QABDANIIF BAKKA GUDDAA KENNAA
Iyaasuufi Kaaleb Yihowaatti waan amanamaniif eebba argataniiru (Keeyyata 22 ilaali)
22, 23. Rakkinni nurra ga’uusaatiin abdii yoo kutanne maal yaadachuu qabna?
22 Yeroo rakkinni isinirra ga’u, fakkeenya Iyaasuufi Kaaleb yaadadhaa. Gaaddota kurnanirraa haala adda ta’een, namoonni amanamoo ta’an lamaan kun oduu gaarii fidanii deebi’aniiru. (Luq. 14:6-9) Yihowaarratti amantii akka qaban argisiisaniiru. Haata’u malee, isaanis Israa’eloota kaanii wajjin waggaa 40f lafa onaa keessa jooraniiru. Iyaasuufi Kaaleb, kun sirrii akka hin taane yaaduudhaan guungumaniiruu ykn aaraniiruu? Matumaa! Kanaa mannaa Yihowaatti amanamaniiru. Kana gochuusaaniitiinoo eebba argataniiruu? Eeyyee argataniiru! Dhaloonni sun guutummaatti lafa onaa keessatti kan dhume ta’us, yeroo booda namoonni kun lamaan Biyyattii Abdachiifamtetti galaniiru. (Lak. 14:30) Haaluma wal fakkaatuun, nuyis fedhasaa raawwachuu ‘hin dhiisnu’ taanaan, eebba Yihowaa arganna.—Gal. 6:9; Ibr. 6:10.
23 Sababii rakkinaatiin ykn dogoggora warra kaaniitiin ykn dadhabina keessaniin kan ka’e abdii yoo kutattan maal gochuu qabdu? Amalawwan gaggaarii Yihowaan qaburratti xiyyeeffadhaa. Abdii Yihowaan isinii kenne ija qalbii keessaniin ilaalaa. ‘Utuun Yihowaa hin beekne ta’ee maalan ta’a ture?’ jedhaa of gaafadhaa. Yeroo hunda Yihowaatti dhihaadhaa jiraadhaa; matumaa garaan keessan akka isa komatu hin heyyaminaa.