Keessa Deebii
1 Dubbiin Museen lafa onaa naannoo Yordaanositti argamutti, jechuunis gammoojjii Suuf fuuldura, Phaaraan, Tofeel, Laabaan, Hazerootii fi Dizaahaab gidduutti argamu keessatti guutummaa Israaʼelitti dubbate kana dha. 2 Karaa Gaara Seʼiiriin Horeeb irraa jalqabee hamma Qaadesh Barneʼaatti+ adeemsa guyyaa 11 fudhata. 3 Waggaa 40ffaatti,+ waggicha keessaa jiʼa 11ffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa jalqabaatti, Museen akkuma Yihowaan akka isaanitti himu isa ajajetti wanta hundumaa Israaʼelotatti* ni hime. 4 Kunis kan taʼe, inni Sihoon+ mootii Amoorotaa isa Heshboon keessa jiraachaa turee fi Oog+ mootii Baashaan isa Ashtaarot keessa jiraachaa ture Edraayitti*+ erga injifatee booda ture. 5 Museen naannoo Yordaanos isa biyya Moʼaab keessatti argamu keessatti akkana jechuudhaan Seera kana ibsuu jalqabe:+
6 “Waaqni keenya Yihowaan Horeeb keessatti akkana nuun jedhe: ‘Isin naannoo gaarotaa kana keessa yeroo dheeraa jiraattaniittu.+ 7 Ammas deebiʼaatii gara naannoo gaarotaa Amoorotaatti,+ achiis gara olloota isaanii warra Arabaa,+ naannoo gaarotaa, Shefelaa, Negeeb, qarqara galaanichaa,+ biyya Kanaʼaanotaa fi Libaanon*+ keessatti argaman hundumaatti hamma laga isa guddaatti, jechuunis hamma laga Efraaxisitti+ qajeelaa. 8 Kunoo, ani biyyattii isin fuuldura kaaʼeera. Seenaatii biyyattii ishii Yihowaan abbootii keessan Abrahaam, Yisihaaqii+ fi Yaaqoobiif,+ akkasumas sanyii isaanii warra isaan booda dhufaniif kennuuf kakate dhaalaan fudhadhaa.’+
9 “Anis yeroo sanatti akkana isiniin jedheen ture: ‘Ani kophaa koo isin baachuu hin dandaʼu.+ 10 Waaqni keessan Yihowaan isin baayʼiseera; isinis kunoo harʼa akka urjiilee samii baayʼee hedduu taataniittu.+ 11 Waaqa abbootii keessanii kan taʼe Yihowaan ammas siʼa kuma isin haa baayʼisu;+ akkuma waadaa isiniif galettis isin haa eebbisu.+ 12 Ani kophaa koo baʼaa keessanii fi feʼumsa keessan, akkasumas lola keessan akkamittan baachuu dandaʼa?+ 13 Gosoota keessan keessaa namoota ogeeyyii fi hubatoo taʼan, akkasumas namoota muuxannoo qaban filadhaa; anis dura buutota godhee isin irratti isaan nan muuda.’+ 14 Isinis, ‘Wanti akka goonu nutti himte gaarii dha’ jettanii naaf deebistan. 15 Anis dura buutota gosoota keessanii warra ogeeyyii taʼanii fi muuxannoo qaban fuudhee ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, ajajjoota shantamaa, ajajjoota kudhanii fi geggeessitoota gosoota keessanii godhee isin irratti isaan nan muude.+
16 “Yeroo sanatti abbootii murtii keessaniif qajeelfama akkana jedhu nan kenne: ‘Isin dhimma obboloota keessan gidduutti kaʼe tokko yommuu dhageessan, nama tokkoo fi obboleessa isaa yookiin isaa fi nama biyya ormaa gidduutti+ qajeelummaadhaan murtii kennaa.+ 17 Murtii kennuu irratti hin looginaa.+ Akkuma isa guddaa dhageessanitti isa xinnaas dhagaʼaa.+ Murtiin kan Waaqayyoo waan taʼeef,+ nama hin sodaatinaa;+ dhimmi tokko humna keessanii ol yoo taʼe, anatti dhiheessaa; anis dhimmicha nan dhagaʼa.’+ 18 Ani yeroo sanatti wanta gochuu qabdan hundumaa ilaalchisee qajeelfama isiniif nan kenne.
19 “Achiis akkuma Waaqni keenya Yihowaan nu ajajetti Horeeb keessaa baanee, lafa onaa guddaa fi sodaachisaa taʼe+ isa karaa gara naannoo gaarotaa Amoorotaatti+ geessu sana keessatti argitan hundumaa keessa darbinee dhuma irratti gara Qaadesh Barneʼaa+ dhufne. 20 Anis akkanan isiniin jedhe: ‘Isin gara naannoo gaarotaa Amoorotaa isa Waaqni keenya Yihowaan nuuf kennutti dhuftaniittu. 21 Kunoo, Waaqni keessan Yihowaan biyyattii isiniif kenneera. Ol baʼaatii akkuma Waaqni abbootii keessanii Yihowaan isiniin jedhetti lafattii dhaalaan fudhadhaa.+ Hin sodaatinaa yookiin hin romʼinaa.’
22 “Haa taʼu malee, hundi keessan gara koo dhuftanii, ‘Biyyattii akka nuuf ilaalaniif, akkasumas karaa isa kam irra deemuu akka qabnuu fi magaalonni akkamii nu fuuldura akka jiran akka nutti himaniif, namoota of dura haa erginu’ naan jettan.+ 23 Yaanni keessan gaarii waan natti fakkaateef, tokkoon tokkoon gosaa keessaa nama tokko godhee namoota keessan 12 nan filadhe.+ 24 Isaanis kaʼanii gara naannoo gaarotaatti ol baʼanii+ hamma Sulula* Eshkoolitti qajeeluudhaan biyyattii ni basaasan. 25 Firii biyyattii keessaas muraasa fuudhanii gara keenyatti deebiʼan; achiis, ‘Biyyi Waaqni keenya Yihowaan nuuf kennu gaarii dha’ jedhanii nutti himan.+ 26 Isin garuu achitti ol baʼuu diddanii ajaja Waaqa keessan Yihowaa irratti ni finciltan.+ 27 Dunkaanota keessan keessattis akkana jettanii gungumuu keessan itti fuftan: ‘Yihowaan Amooronni haxaaʼanii akka nu balleessaniif harka isaaniitti dabarsee nu kennuuf biyya Gibxii keessaa kan nu baase waan nu jibbeefi. 28 Gara iddoo akkamii dhaqaa jirra? Obboloonni keenya, “Isaan namoota nu caalaa guguddoo fi dhedheeroo taʼani dha; magaalonni isaaniis guguddoo fi dallaawwan dhagaa samii bira gaʼan kan qabani dha;+ ilmaan Anaaqiimiinis+ achitti argineerra” jedhanii nu sossodaachisan.’*+
29 “Kanaafuu, ani akkanan isiniin jedhe: ‘Isaaniin kan kaʼe hin romʼinaa yookiin hin sodaatinaa.+ 30 Waaqni keessan Yihowaan akkuma biyya Gibxii keessatti ija keessan duratti godhe,+ isin dura ni deema; isiniifis ni lola.+ 31 Hamma bakka kana geessanittis bakka deemtan hundumaatti Waaqni keessan Yihowaan akkuma namni tokko ilma isaa baatutti lafa onaa keessatti akkamitti akka isin baate argitaniittu.’ 32 Isin garuu, kana hundumaa booda illee, Waaqa keessan Yihowaa+ 33 isa akka basaastuutti bakka buufattan sana isiniif ilaaluuf daandicha irratti isin dura deemaa ture hin amanne. Daandii irra adeemuu qabdan isinitti argisiisuuf halkan ibiddaan, guyyaa immoo duumessaan isinitti ni mulʼate.+
34 “Yeroo kana hundumaatti Yihowaan wanta isin jechaa turtan dhagaʼeera; isinittis aaree akkana jedhee cimsee kakate:+ 35 ‘Dhaloota hamaa kana keessaa namni tokko illee biyyattii gaarii ishii ani abbootii keessaniif kennuuf kakadhe sana hin argu;+ 36 ishii kan argu Kaaleb ilma Yofunee qofa dha. Inni garaa guutuudhaan* Yihowaa duukaa waan buʼeef ishii ni arga; anis biyya inni irra deeme sana isaa fi ilmaan isaatiif nan kenna.+ 37 (Yihowaan sababa keessaniin anatti iyyuu aaree akkana naan jedhe: “Atis achitti hin galtu.+ 38 Iyyaasuu ilma Nuun isa si fuuldura dhaabbatu+ sanatu gara biyyattiitti gala.+ Israaʼel biyyattii akka dhaalu kan godhu isa waan taʼeef, isa jabeessi.”*+) 39 Kana malees, ijoolleen keessan warri isin akka saamaman dubbattanii+ fi ilmaan keessan warri harʼa gaarii fi hamaa hin beekne ishiitti ni galu; anis akka dhaalaniif biyyattii isaaniif nan kenna.+ 40 Isin garuu, duubatti deebiʼaatii karaa Galaana Diimaatiin gara lafa onaa sanaa dhaqaa.’+
41 “Yeroo kanatti isin, ‘Nuti Yihowaa irratti cubbuu hojjenneerra. Ammas akkuma Waaqni keenya Yihowaan nu ajajetti ol baanee ni lolla!’ naan jettan. Kanaafuu, tokkoon tokkoon keessan meeshaawwan waraanaa keessan ni hidhattan; gara gaarichaatti ol baʼuun akka waan salphaa taʼetti ni ilaaltan.+ 42 Yihowaan garuu, ‘“Ani isinii wajjin waan hin taaneef, ol baatanii hin lolinaa.+ Yoo akkana gootan diinonni keessan isin moʼu” jedhii isaanitti himi’ naan jedhe. 43 Anis kana isinitti nan hime; isin garuu hin dhageenye. Kanaa mannaa, ajaja Yihowaa irratti finciltanii of tuulummaadhaan gara gaarichaatti ol baʼuuf ni yaaltan. 44 Achiis Amooronni warri gaara sana irra jiraachaa turan isin waraanuuf baʼan; akkuma kanniisaattis isin ariʼan; hamma Hoormaatti isin ariʼuudhaanis Seeʼir keessatti isin bittinneessan. 45 Kanaan kan kaʼes, isin deebitanii Yihowaa duratti booʼuu jalqabdan; Yihowaan garuu isin hin dhageenye yookiin xiyyeeffannaa isiniif hin kennine. 46 Yeroo dheeraa hammanaatiif Qaadesh keessa kan jiraattanis kanaafi.