-
Lakkoofsa 14:28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Akkana isaaniin jedhaa: ‘Yihowaan akkana jedha: “Jiraataa taʼuu kootiin nan kakadha, wantuma ani yeroo isin dubbattan dhagaʼe sana isin irratti nan raawwadha!+
-
-
Lakkoofsa 14:35Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
35 “‘“Ani Yihowaan dubbadheera. Guutummaa yaaʼii hamaa taʼe isa anaan mormuudhaan walitti qabame kana irratti akkana nan godha: Isaan lafa onaa kana keessatti ni dhumu; asumattis ni duʼu.+
-
-
Lakkoofsa 32:10-12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Guyyaa sanatti aariin Yihowaa waan bobaʼeef inni akkana jedhee kakate:+ 11 ‘Isaan garaa isaanii guutuudhaan ana duukaa waan hin buuneef, namoota biyya Gibxiitii baʼan keessaa warri umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe biyya ani, Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kakadhe sana+ hin argan;+ 12 Kaaleb+ ilmi Yofunee Qeenizichaa fi Iyyaasuun+ ilmi Nuun garaa isaanii guutuudhaan Yihowaa duukaa waan buʼaniif,+ isaan qofatu biyyattii arga.’
-
-
Faarfannaa 95:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Kanaan kan kaʼes, dheekkamsa kootiin,
“Isaan gara boqonnaa kootti hin galan”+ jedheen kakadhe.
-