LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 14:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Tajaajilaan koo Kaaleb+ garuu ilaalcha* adda taʼe waan qabuuf, akkasumas garaa guutuudhaan ana duukaa waan buʼeef, ani dhugumaan biyya inni dhaqee ture sanatti isa nan galcha; sanyiin isaas ishii ni dhaalu.+

  • Keessa Deebii 1:34-38
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 34 “Yeroo kana hundumaatti Yihowaan wanta isin jechaa turtan dhagaʼeera; isinittis aaree akkana jedhee cimsee kakate:+ 35 ‘Dhaloota hamaa kana keessaa namni tokko illee biyyattii gaarii ishii ani abbootii keessaniif kennuuf kakadhe sana hin argu;+ 36 ishii kan argu Kaaleb ilma Yofunee qofa dha. Inni garaa guutuudhaan* Yihowaa duukaa waan buʼeef ishii ni arga; anis biyya inni irra deeme sana isaa fi ilmaan isaatiif nan kenna.+ 37 (Yihowaan sababa keessaniin anatti iyyuu aaree akkana naan jedhe: “Atis achitti hin galtu.+ 38 Iyyaasuu ilma Nuun isa si fuuldura dhaabbatu+ sanatu gara biyyattiitti gala.+ Israaʼel biyyattii akka dhaalu kan godhu isa waan taʼeef, isa jabeessi.”*+)

  • Iyyaasuu 14:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Obboloonni koo warri anaa wajjin ol baʼanii turan sabicha kan sossodaachisan* taʼus, ani garaa koo guutuudhaan* Waaqa koo Yihowaa duukaa buʼeera.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi