LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 21:23, 24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Sihoon garuu Israaʼel biyya isaa keessa akka darbu isaaf hin heyyamne. Kanaa mannaa, Sihoon namoota isaa hundumaa walitti qabee Israaʼeliin waraanuuf gara lafa onaatti baʼe; achiis gara Yaahaaz dhaqee Israaʼeliin loluu jalqabe.+ 24 Haa taʼu malee, Israaʼel goraadeedhaan isa moʼee,+ Arnoonii jalqabee+ hamma Yaaboq+ isa naannoo Amoonotaa bira jiruutti lafa isaa ni dhaale;+ taʼus Yaazeer+ daangaa Amoonotaa+ irra waan jirtuuf ishii bira hin darbine.

  • Iyyaasuu 12:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Mootonni biyyattii warri Israaʼelonni moʼan, warri Israaʼelonni biyya isaanii isa Yordaanos irraa kallattii bahaatiin argamu, Sulula* Arnoon+ irraa jalqabee hamma Gaara Hermoonitti,+ akkasumas guutummaa Arabaa isa gara bahaatiin argamu+ dhaalaan jalaa fudhatan sun kanneen kana dha: 2 Mootii Amoorotaa kan taʼe Sihoon+ isa Heshboon keessa jiraachaa turee fi Aroʼer+ ishii qarqara Sulula* Arnoonitti+ argamtu, walakkaa sululichaa fi walakkaa Giiliyaad irraa hamma Sulula* Yaaboq isa daangaa Amoonotaa taʼetti bulchaa ture.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi