-
Uumama 12:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Yihowaanis Abraamiin akkana jedhe: “Biyya kee, firoottan kee fi mana abbaa kee dhiisiitii gara biyya ani sitti argisiisu dhaqi.+ 2 Ani saba guddaa sin godha; sin eebbisa; maqaa kee guddaa nan godha; atis warra kaaniif eebba ni taata.+ 3 Warra si eebbisan nan eebbisa; isa si abaaru immoo nan abaara;+ maatiiwwan lafa irraa hundis dhugumaan karaa kee ni eebbifamu.”*+
-
-
Uumama 22:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Ammas maleekaan Yihowaa yeroo lammataatiif samii keessaa Abrahaamiin waamee,
-
-
Uumama 26:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Akka nama biyya ormaa taʼiitii biyya kana keessa jiraadhu;+ biyyoota kana hundumaa sii fi sanyii keetiif waanan kennuuf,+ ani sii wajjin nan taʼa, sin eebbisas; kakaa ani akkana jedhee abbaa kee Abrahaamiif kakadhes nan raawwadha:+ 4 ‘Ani sanyii kee akka urjiilee samiitti nan baayʼisa;+ biyyoota kana hundumaa sanyii keetiif nan kenna;+ saboonni lafa irraa hundis karaa sanyii keetii ofii isaaniitiif eebba ni argatu.’+
-