Amoos
8 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan kana natti argisiise: Kunoo, guuboon firii bonaa qabate tokko jira ture. 2 Achiis, “Amoos, maaltu sitti mulʼata?” naan jedhe. Anis, “Guuboo firii bonaa qabate” jedheen deebise. Achiis Yihowaan akkana naan jedhe: “Dhumni saba koo Israaʼel gaʼeera. Ani kana booda dhiifama isaaniif hin godhu.+ 3 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan, ‘Guyyaa sanatti faarfannaan mana qulqullummaa gara booʼichaatti jijjiirama.+ Iddoo hundumaatti reeffi hedduun ni gatama;+ sagaleen tokko illee hin dhagaʼamin’ jedha.
4 Isin warri isa hiyyeessa dhidhiittan,
Warri garraamota biyyattii keessa jiran ajjeestan kana dhagaʼaa;+
5 Isin akkana jettu: ‘Midhaan keenya akka gurgurannuuf, ayyaanni baatii haaraa yoom xumurama?+
Midhaan keenya gurgurtaadhaaf akka dhiheessinuuf Sanbanni+ yoom darba?
Silaa madaallii gowwoomsaa keenya dhugaa fakkeessuuf,
Safartuu eefaa* ni xinneessina,
Madaallii sheeqilii* immoo ni guddisna turre;+
6 Isa rakkataa meetiidhaan,
Isa hiyyeessas kophee cimdii tokkoon ni bitanna,+
Midhaan qulqullina hin qabnes ni gurgurra.’
7 Yihowaan Ulfina Yaaqoobiin akkana jedhee kakateera:+
‘Ani gocha isaanii hundumaa matumaa hin irraanfadhu.+
Guutummaan biyyattii akka Abbayyaatti ol ni kaati;
Akkuma Abbayyaa Gibxiitti ol kaatee gad ni lixxi.’+
9 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:
‘Guyyaa sanatti aduun guyyaa saafaa akka lixxu nan godha,
Utuma ifni guyyaa jiruus biyyattii nan dukkaneessa.+
10 Ayyaanota keessan hundumaa gara gaddaatti,+
Faarfannaawwan keessan hundumaas gara faaruu gaddaatti nan jijjiira.
Mudhii hundumaatti uffata gaddaa nan mara, mataa hundas nan haada;
Akkuma ilma tokkichaaf booʼanitti akka booʼan nan godha,
Dhumni isaas akka guyyaa rakkinaa ni taʼa.’
11 Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha:
‘Kunoo, guyyaan ani biyyattiitti beela ergu ni dhufa,
Beelli kun garuu nyaata beelaʼuu yookiin bishaan dheebochuu utuu hin taʼin,
Dubbii Yihowaa dhagaʼuuf beelaʼuu dha.+
12 Isaan galaanaa hamma galaanaatti,
Kaabaa hamma bahaattis* ni jooru.
Dubbii Yihowaa barbaacha asii fi achi ni naannaʼu, garuu hin argatan.