LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp16 Lakk. 1 ful. 16
  • Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yeroo duunu maal taana?
  • Namoonni duʼan deebiʼanii jiraachuu dandaʼuu?
  • Yommuu Duutu Maal Taata?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Yommuu Duunu Maal Taana?
    Michuu Waaqayyoo Taʼuu Dandeessa!
  • Yeroo Duunu Eessa Dhaqna?
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Warri Duʼan Eessa Jiru?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
wp16 Lakk. 1 ful. 16
Abaaboo diimaa siidaa awwaalaa irra kaaʼame

Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Yeroo duunu maal taana?

NAMOONNI TOKKO TOKKO bifa kan biraatiin jiraanna kan jedhan siʼa taʼu, warri kaan immoo duuti dhuma waan hundumaa ti jedhu. Ati maal jettee amanta?

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

“Warri duʼan garuu waan tokko iyyuu hin beekan.” (Lallaba 9:5) Yeroo duunu, jireenyi keenya addaan cita.

WANTA DABALATAA KITAABA QULQULLUU IRRAA BARANNU

  • Nama jalqabaa kan taʼe Addaam yeroo duʼe gara biyyootti deebiʼe. (Uumama 2:7; 3:19) Haaluma wal fakkaatuun, kan duʼu hundi gara biyyootti deebiʼa.—Lallaba 3:19, 20.

  • Namoonni duʼan cubbuu isaanii irraa bilisa baʼaniiru. (Roomaa 6:7) Namni tokko erga duʼee booda adabbii kan biraan hin jiru.

Namoonni duʼan deebiʼanii jiraachuu dandaʼuu?

MAAL SITTI FAKKAATA?

  • Eeyyee

  • Lakki

  • Taʼuu dandaʼa

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA

‘Duʼaa kaʼuun jira.’—Hojii Ergamootaa 24:15.

WANTA DABALATAA KITAABA QULQULLUU IRRAA BARANNU

  • Yeroo baayʼee Kitaabni Qulqulluun duʼaa fi hirriba wal fakkeessa. (Yohannis 11:11-14) Akkuma nuyi nama rafe dammaqsuu dandeenyu, Waaqayyos namoota duʼan kaasuu ni dandaʼa.—Iyoob 14:13-15.

  • Kitaabni Qulqulluun namoonni duʼaa kaʼan baayʼeen akka jiran kan dubbatu siʼa taʼu, kun immoo namoonni duʼan akka kaʼan amanuuf buʼuura nuu taʼa.—1 Mootota 17:17-24; Luqaas 7:11-17; Yohannis 11:39-44.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe kana boqonnaa 6⁠ffaa ilaali

Kitaabichi www.jw.org/om irrattis ni argama

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi