LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp17 Lakk. 1 ful. 5-6
  • Dubbisa Kee Gammachiisaa kan Siif Godhu Maali Dha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dubbisa Kee Gammachiisaa kan Siif Godhu Maali Dha?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Boqonnaa fi Lakkoofsa—Kitaaba Qulqulluutti kan Dabale Eenyu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
  • Yaada Qoʼannaadhaaf Taʼu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Kitaaba Qulqulluu Dubbisuudhaan Faayidaa Guddaa Argachuu kan Dandeessu Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Tarkaanfiiwwan Dubbisa Macaafa Qulqulluurraa Buʼaa Argachuuf Gargaaran Torba
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
wp17 Lakk. 1 ful. 5-6
Dubartiin tokko wantoota qoʼachuuf gargaaranitti fayyadamtee Kitaaba Qulqulluu yommuu dubbistu

MATA DUREE FUULA JALQABAA | ODEEFFANNOO DABALATAA ARGACHUU YKN KAFFALTII MALEE KITAABA QULQULLUU QOʼACHUU NI BARBAADDAA?

Dubbisa Kee Gammachiisaa kan Siif Godhu Maali Dha?

Kitaaba Qulqulluu dubbisuun si nuffisiisa moo si gammachiisa? Kun irra caalaan isaa akkaataa itti dubbistu irratti kan hundaaʼe dha. Mee fedhii dubbisuuf qabdu guddisuu fi caalaatti itti gammaduuf wanta gochuu dandeessu haa ilaallu.

Hiika amansiisaa fi ammayyaa taʼe filadhu. Kitaaba jechoota rakkisoo taʼan ykn jechoota yeroon itti darbee fi ati hin beekne hedduu qabu yoo dubbiste, kitaabicha dubbisuun si hin gammachiisu. Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu jechoota hubachuuf salphaa taʼanii fi garaa kee tuqanitti fayyadamu argachuuf yaali. Taʼus, kitaabichi of eeggannoodhaanii fi sirriitti kan hiikame taʼuu qaba.

Teknoolojii ammayyaatti fayyadami. Yeroo ammaatti Kitaabni Qulqulluun bifa kitaaba maxxanfameen qofa utuu hin taʼin, meeshaa elektirooniksiitiinis ni argama. Kitaabota Qulqulluu tokko tokko dhuunfaatti dubbisuuf kompiitara, taableetii ykn bilbila irratti intarneetii irraa dubbisuun ykn garagalfachuun ni dandaʼamaa. Hiikkaawwan tokko tokko immoo, malawwan dabalataa mataduree wal fakkaatu jalatti caqasawwan Kitaaba Qulqulluu kan biraa ykn hiikkaawwan kan biraa hedduu illee atattamaan wal bira qabanii ilaaluuf gargaaran qabu. Dubbisuu mannaa dhaggeeffachuu kan filattu yoo taʼe, Kitaabni Qulqulluun sagaleedhaan waraabames ni argama. Namoonni hedduun yommuu geejjibatti fayyadaman, uffata miican ykn sochiiwwan dhaggeeffachuuf isaan dandeessu kan biraa irratti hirmaatan dhaggeeffachuu jaallatu. Atoo mala siif taʼu tokko maaliif hin yaaltu?

Meeshaawwan qoʼachuuf gargaaranitti fayyadami. Meeshaawwan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaran, dubbisa kee irraa faayidaa dabalataa hedduu akka argattu si gargaaruu dandaʼu. Fakkeenyaaf, kaartaawwan biyyoota Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasaman argisiisan jiru; kaartaawwan kun biyyoonni yeroo dubbistu si mudatan eessatti akka argaman beekuu fi seenaa isaa sirriitti hubachuuf si gargaaru. Mata dureewwan kan akka barruu kanaa irra jiran ykn weebsaayitii jw.org/om irratti kutaa, “Barumsawwan Kitaaba Qulqulluu” jedhu jalatti argaman, hiika yaadawwan Kitaaba Qulqulluu hedduu qoruuf si gargaaru.

Akkaataa itti dubbistu jijijjiiri. Kitaaba Qulqulluu, jalqabaa kaastee hamma dhumaatti dubbisuun nuffisiisaa yoo sitti taʼe, kutaa keessumaa xiyyeeffannaa kee harkisu tokko irraa jalqabuudhaan fedhii dubbisuuf qabdu maaliif hin kakaastu? Waaʼee namoota beekamoo Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasamanii beekuu yoo barbaadde, kutaawwan seenaa namootaa ibsan dubbisuuf yaalii godhi. Malli dubbisuuf gargaaru saanduqa, “Namoota Achi Keessatti Ibsaman Beekuudhaan Kitaabicha Qoradhu” jedhu keessatti ibsameera. Tarii immoo Kitaaba Qulqulluu mata dureedhaan ykn seenaawwan duraa duuba yerootiin raawwatamaniin dubbisuu barbaadda taʼa. Malawwan kana keessaa isa tokko maaliif hin yaaltu?

Namoonni hedduun Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa sirrii, amansiisaa fi dubbisuuf baayʼee salphaa akka taʼe hubataniiru. Kitaabni Qulqulluun Dhugaa Baatonni Yihowaa qopheessan kun afaanota 130 oliin ni argama. Kitaaba kana weebsaayitii jw.org/om irraa buufachuu ykn appilikeeshinii JW Library jedhamu buufachuu dandeessa. Yoo barbaadde immoo, Dhugaa Baatonni Yihowaa kitaaba kana koppii tokko mana keetti sii fiduu dandaʼu.

Wantoota kana keessaa tokko tokko Ingiliffaa fi Amaariffaan argamu

NAMOOTA ACHI KEESSATTI IBSAMAN BEEKUUDHAAN KITAABICHA QORADHU

Dubartoota amanamoo tokko tokko

Abigaayil

1 Saamuʼel boqonnaa 25

Asteer

Asteer boqonnaa 2-5, 7-9

Haannaa

1 Saamuʼel boqonnaa 1-2

Maariyaam

(Haadha Yesuus) Maatewos boqonnaa 1-2; Luqaas boqonnaa 1-2; akkasumas Yohaannis 2:1-12; Hojii Ergamootaa 1:12-14; 2:1-4 ilaali

Rahaab

Iyaasuu boqonnaa 2, 6; akkasumas Ibroota 11:30, 31; Yaaqoob 2:24-26 ilaali

Ribqaa

Uumama boqonnaa 24-27

Saaraa

Uumama boqonnaa 17-18, 20-21, 23; akkasumas Ibroota 11:11; 1 Pheexiros 3:1-6 ilaali

Dhiirota beekamoo tokko tokko

Abrahaam

Uumama boqonnaa 11-24; akkasumas 25:1-11 ilaali

Daawit

1 Saamuʼel boqonnaa 16-30; 2 Saamuʼel boqonnaa 1-24; 1 Mootota boqonnaa 1-2

Yesuus

Wangeela Maatewos, Maarqos, Luqaasii fi Yohaannis

Musee

Baʼuu boqonnaa 2-20, 24, 32-34; Lakkoobsa boqonnaa 11-17, 20-21, 27, 31; Keessa Deebii boqonnaa 34

Nohi

Uumama boqonnaa 5-9

Phaawulos

Hojii Ergamootaa boqonnaa 7-9, 13-28

Pheexiros

Maatewos boqonnaa 4, 10, 14, 16-17, 26; Hojii Ergamootaa boqonnaa 1-5, 8-12

WANTOOTA DHUGAA BAATONNI YIHOWAA QOʼANNAA KITAABA QULQULLUUTIIF QOPHEESSAN

  • JW.ORG​—Weebsaayitiin kun kutaa, “Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu” jedhu dabalatee, wantoota qoʼannaadhaaf gargaaran hedduu qaba. Qajeelfama appilikeeshinii JW Library jedhamu garagalfachuuf gargaarus qaba

  • “Biyyattii Abdachiifamte Ilaalaa”—Birooshurri kun kaartaawwanii fi suuraawwan iddoowwan Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasaman qabateera

  • Caaffata Qulqullaaʼoo gad Fageenyaan Hubachuu—Insaayikilooppeediyaan Kitaaba Qulqulluu jildii lamaan qophaaʼe kun namoota, iddoowwanii fi jechoota Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman ilaalchisee ibsa kenna

  • “Caaffanni Qulqullaaʼaan Hundinuu Sirrii fi Faayidaa kan Qabu Dha”—Kitaabni qorannaa guddaan irratti godhamee qophaaʼe kun kitaabni Kitaaba Qulqulluu tokko yoom, eessattii fi maaliif akka barreeffame ibsa; akkasumas qabiyyee kitaabota hundaa gabaabsee ibsa

  • Kitaabni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo ti moo kan Namaa ti?—Kitaabni xinnaan qorannaan irratti godhamee qophaaʼe kun, yaada kitaabichi Dubbii Waaqayyoo geggeessaa hafuuraatiin barreeffame akka taʼe dubbatuuf ragaa dhiheessa

  • Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?​—Birooshurri fuula 32 qabu kun guutummaa ergaa Kitaaba Qulqulluu gabaabsee ibsa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi