LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp19 Lakk. 2 ful. 4-5
  • Yommuu Balaan Gaʼu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yommuu Balaan Gaʼu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • DHUGAAN KITAABA QULQULLUU ABDII NUUF KENNA
  • Qophooftaniittuu?
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
  • Yaaddoo Keessan Hundumaa Isa Irratti Gataa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Dhiphina Dandamachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Dhiirota Dhiphatan Kitaabni Qulqulluun Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?
    Mata Dureewwan Dabalataa
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2019
wp19 Lakk. 2 ful. 4-5
Namoonni lama diigamaa gamoo tokkoo keessa taaʼaa jiru

Yommuu Balaan Gaʼu

Aandiruu inni Seeraa Liyoon keessa jiraatu, “Miirri jalqaba nutti dhagaʼame guutummaatti abdii kutachuu ture. Wanti qabnu hundi sigiga lafaa fi lolaadhaan mancaʼe” jedheera.

Daawit inni Odoolawwan Varjiin keessaa isa tokko irra jiraatu akkas jedheera: “Balaan obomboleettii erga gaʼee booda gara mana keenyatti deebine. Haa taʼu malee, wanti nuuf hafe tokko illee hin jiru ture. Baayʼee naane. Intalli koo of irra gad teessee boosse.”

BALAA si irra gaʼee haftee beekta yoo taʼe, namoonni balaa irraa oolan kan biroon, rifachuu, wanta taʼe sana amanuu dadhabuu, burjaajaʼuu, dhiphachuu fi balaan sun abjuudhaan isaanitti mulʼachuu akka dandaʼu hubachuu ni dandeessa taʼa. Namoonni balaa irraa oolan, heedduun abdii kutachuu fi dhiphinni guddaan waan isaanitti dhagaʼamuuf jireenyaan itti fufuuf fedhii hin qaban.

Atis balaadhaan waan hundumaa dhabdeetta yoo taʼe, sana booda jireenyaan itti fufuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Jiraachuun kee gatii akka hin qabne illee sitti dhagaʼamuu ni dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun garuu jiraachuun kee gatii akka qabuu fi gara fuulduraatti yeroo gaariin akka dhufu abdii cimaa qabaachuu akka dandeessu ibsa.

DHUGAAN KITAABA QULQULLUU ABDII NUUF KENNA

Lallabni 7:8, “Jalqaba gaarii irra, dhuma gaarii wayya” jedha. Balaa si irra gaʼe irraa bayyanachuu yommuu jalqabdu, jireenyi abdii kan hin qabne sitti fakkaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, jireenya kee haaromsuuf obsaan jabaattee yommuu hojjettu, haalli isaa fooyyaʼaa deemuu dandaʼa.

Kitaabni Qulqulluun yeroon, ‘sagaleen booʼichaa fi sagaleen iyyaa hin dhagaʼamne’ akka dhufu raajii dubbateera. (Isaayaas 65:19) Mootummaa Waaqayyoo jalatti yeroo lafti gara jannataatti jijjiiramtu kun ni raawwatama. (Faarfannaa 37:11, 29) Sana booda balaan uumamaa hin jiraatu. Waaqayyo inni Hundumaa Dandaʼu, “Wanti dur ta’e hin yaadatamu, inni darbes yaada namaa keessa hin dhufu” jechuudhaan abdii waan kenneef, yaadannoon nama dhiphisu kam iyyuu ni bada.—Isaayaas 65:17.

Mee yaadi, Uumaan keenya ‘yaada nagaa fi wanta gara fuula duraatti eeggannu,’ jechuunis bulchiinsa Waaqayyoo isa mudaa hin qabne keessatti jireenya nagaa qabu nuu kennuuf qophii godheera. (Ermiyaas 29:11) Dhugaa kana beekuun kee, jiraachuun kee gatii akka qabu akka sitti dhagaʼamu si gargaaruu ni dandaʼaa? Saaliin ishiin mata duree darbe irratti ibsamte, “Wantoota dinqisiisoo Mootummaan Waaqayyoo gara fuulduraatti nuuf godhu hundumaa yaadachuun keenya, wantoota darban irraanfachuu fi haala keessa jirru dandamachuuf nu gargaaruu dandaʼa” jetteetti.

Wanta Mootummaan Waaqayyoo yeroo dhihoo keessatti ilmaan namootaatiif godhu caalaatti akka barattu si afeerra. Kana gochuun kee kanaan dura balaan kan si irra gaʼe taʼus, yeroo balaa irraa bilisa taʼe abdiidhaan eeggachuuf, yeroo ammaatti jiraachuun kee gatii akka qabu mirkanaaʼaa akka taatu si gargaara. Hammasitti Kitaabni Qulqulluun, qajeelfama gaarii rakkoowwan balaa booda dhufan dandamachuuf si gargaaruu dandaʼu siif kenna. Mee fakkeenyota muraasa haa qorru.

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Gorsa Gaarii Kennan

Boqonnaa barbaachisu fudhadhu.

“Rakkinaan itti dadhabanii harka lama guutuu qabaachuu mannaa, gabiitti harka tokko guutuu qabaachuu wayya.”—Lallaba 4:6.

Balaan erga gaʼee booda, “hirriba gaʼaa dhabuun . . . dhiphinni sababa balaatiin dhufu akka itti caalu gochuudhaan, miira tasgabbaaʼaa qabaachuun ulfaataa akka taʼu gochuu akka dandaʼu” qorattoonni gabaasaniiru. Kanaafuu boqonnaa gaʼaa fudhachuun ogummaa dha.

Miira kee baasii dubbadhu.

“Yaaddoon garaa namaa keessa yoo jiraate, gad nama qaba; dubbii gaariin garuu nama gammachiisa.”—Fakkeenya 12:25.

Iccitii kee miseensa maatii ykn michuu amantu tokkotti himadhu. Miseensonni maatii ykn michoonni amanamoo taʼan si dhaggeeffachuu malees, jechoota nama jajjabeessan sitti dubbachuu fi gorsa gaarii siif kennuu dandaʼu.a

Gara fuulduraatti haalli jiru akka fooyyaʼu yaadi.

“Akkuma [Waaqayyo] abdii kennetti, samiiwwan haaraa fi lafa haaraa warra qajeelummaan keessa jiraatu ni eegganna.”—2 Pheexiros 3:13.

a Namni yeroo dheeraadhaaf dhiphatu tokko yaalii fayyaa gochuun isa barbaachisuu dandaʼa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi