Akkaataa Dhiheenyaa
Jiʼa Jiʼaan, Sanbadduraa Isa Jalqabaatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru
“Waggoota dhihoodhaa asitti, fedhiin namoonni waaʼee ergamoota Waaqayyoo beekuuf qaban dabalaa dhufeera. Dhugumaan ergamoonni jiru jettee amantaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Dhimma kana ilaalchisee wanta barruun kun jedhu hubadhu.” Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa-Muddee isatti kenniitii, mataduree xiqqaa isa jalqabaa fuula12rra jirurratti waliin mariʼadhaa; yoo xinnaate achi keessaa caqasa tokko waliin dubbisaa. Achis barruulee sana akka fudhatu erga afeertee booda, gaaffii ittaanurratti mariʼachuuf beellama qabadhu.
Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa-Muddee
Faarfannaa 65:2 dubbisi. Achiis akkas jedhi: “Namoonni hedduun akkuma asirratti caqasame Waaqayyo kadhannaa akka dhagaʼu waan amananiif yeroo hundumaa kadhannaa ni dhiheessu. Kaan garuu, ‘Waaqayyo utuu jiraate, rakkinni kun hundi addunyaarra kan jiraate maaliifi?’ jedhanii gaafatu. Atoo kana ilaalchisee maal jetta? Waaqni kadhannaa keenya dhagaʼu jiraa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun gaaffii, ‘Qaamni kadhannaa dhagaʼu rakkina maaliif heyyame?’ jedhuuf deebii Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe kenna.”
Dammaqaa! Guraandhala
“Yeroo harʼaa namoonni jireenya fooyyaʼaa taʼe argachuuf biyya tokkorraa gara isa kaaniitti godaanuunsaanii baramaa taʼaa dhufeera. Haataʼu malee, yeruma hundumaa wanta barbaadan kan argatan sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Biyya tokkoo gara biyya garabiraatti godaanuun waan haaraa miti. Mee wanta Seerri Uumamaa jedhu kana hubadhu. [Uumama 46:5, 6 dubbisi.] Barruun kun gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna.” Gaaffiiwwan dhuma mataduree isa jalqabaarra jiran itti argisiisi.