BOQONNAA 16
‘Haqa Raawwachuudhaan’ Waaqayyoo Wajjin Deddeebiʼi
1-3. (a) Yihowaan oolmaa nu irraa qaba kan jennu maaliifi? (b) Waaqni keenya inni nu oolche nu irraa maal barbaada?
DOONII liqimfamaa jiru keessa jirta haa jennu. Yeroo abdii kutattee jirtutti, namni tokko sii dhaqqabee harkisee achi keessaa si baase. Namichi achi keessaa erga si baasee booda, “Amma oolteetta” yommuu siin jedhu gammachuu guddaatu sitti dhagaʼame! Namni kun oolmaa guddaa akka sii oole sitti hin dhagaʼamuu? Lubbuu kee waan sii oolcheef akka galateeffattu beekamaa dha.
2 Karaa tokko tokkoon, haalli kun wanta Yihowaan nuu godhee wajjin wal fakkaata. Yihowaan oolmaa guddaa akka nuu oole beekamaa dha. Inni furii nuu kaffaluudhaan, garbummaa cubbuu fi duʼaa jalaa karaa itti baanu nuu qopheesseera. Aarsaa gati jabeessa taʼe sanatti akka amannu yoo argisiisne, cubbuun keenya akka nuu dhiifamuu fi jireenya bara baraa akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (1 Yohaannis 1:7; 4:9) Akkuma Boqonnaa 14 irratti ilaalle, furiin kun karaa Yihowaan jaalalaa fi haqa isaa itti argisiise keessaa isa guddaa dha. Maarree kun maal akka goonu nu kakaasuu qaba?
3 Wanta Waaqni keenya inni jaalalaan kakaʼee lubbuu keenya nuu oolche nu irraa barbaadu qoruu qabna. Yihowaan karaa Miikiyaas raajichaa akkas jedheera: “Yaa namaa, inni wanta gaarii taʼe sitti himeera. Yihowaan maal si irraa barbaada? Haqa akka raawwattu, amanamummaa akka jaallattu, gad of qabuudhaan Waaqa kee wajjin akka deddeebitu qofa mitii?” (Miikiyaas 6:8) Wanta Yihowaan nu irraa barbaadu keessaa inni tokko, ‘haqa raawwachuu’ akka taʼe hubadhu. Haa taʼu malee, kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?
‘Qajeelummaa Dhugaa’ Hordofuu
4. Yihowaan ulaagaawwan isaa wajjin walsimnee akka jiraannu kan barbaadu taʼuu isaa akkamitti beekna?
4 Yihowaan ulaagaa inni wanta sirrii fi dogoggora taʼeef baaseen akka jiraannu nu irraa barbaada. Ulaagaawwan isaa sirrii fi qajeeloo waan taʼaniif, akka ulaagaawwan kanaatti yommuu jiraannu qajeelummaa hordofaa jirra jechuu dha. Isaayyaas 1:17, “Wanta gaarii raawwachuu baradhaa, haqa barbaadaa” jedha. Dubbiin Waaqayyoo ‘qajeelummaa akka barbaaddannu’ nu gorsa. (Sefaaniyaa 2:3) Kana malees, ‘namummaa haaraa isa akka fedhii Waaqayyootti qajeelummaa dhugaadhaan uumame akka uffannu’ nu jajjabeessa. (Efesoon 4:24) Qajeelummaa dhugaan ykn haqni dhugaan, wantoota qulqulluu hin taane kan akka hamminaa, xuraaʼummaa fi halalummaa irraa fagaachuu gaafata.—Faarfannaa 11:5; Efesoon 5:3-5.
5, 6. (a) Ulaagaawwan Yihowaa wajjin walsimnee jiraachuun kan nutti hin ulfaanne maaliifi? (b) Kitaabni Qulqulluun qajeelummaa hordofuun gocha itti fufiinsa qabu akka taʼe kan argisiisu akkamitti?
5 Ulaagaawwan Yihowaa wajjin walsimnee jiraachuun ulfaataadhaa? Ulfaataa miti. Garaadhaa Yihowaatti yoo dhihaanne ulaagaa isaa eeguun nutti hin ulfaatu. Waaqa keenyaa fi amalawwan isaa waan jaallannuuf, karaa isa gammachiisuun jiraachuu barbaanna. (1 Yohaannis 5:3) Yihowaan ‘gocha qajeelaa akka jaallatu’ yaadadhu. (Faarfannaa 11:7) Haqa ykn qajeelummaa Waaqayyoo argisiisuu yoo barbaanne, wanta inni jaallatu jaallachuu fi wanta inni jibbu jibbuu qabna.—Faarfannaa 97:10.
6 Qajeelummaa hordofuun namoota cubbuu dhaalaniif salphaa miti. Namummaa moofaa hojii isaa isa gadhee wajjin of irraa baasnee namummaa haaraa uffachuu qabna. Kitaabni Qulqulluun namummaa haaraan, beekumsa dhugaadhaan ‘haareffamaa akka deemu’ dubbata. (Qolosaayis 3:9, 10) Yaanni “haareffamaa deemu” jedhu, namummaa haaraa uffachuun gocha itti fufiinsa qabuu fi carraaqqii gaafatu taʼuu isaa argisiisa. Wanta sirrii gochuuf hamma fedhe carraaqnus, cubbuu waan dhaalleef yaadaan, dubbii fi gochaan yeroon itti gufannu jira.—Roomaa 7:14-20; Yaaqoob 3:2.
7. Qajeelummaa hordofuuf yommuu carraaqnutti yoo gufanne maaltu nutti dhagaʼamuu qaba?
7 Qajeelummaa hordofuuf utuma carraaqnuu yoo gufanne hoo maaltu nutti dhagaʼamuu qaba? Cubbuu salphisnee ilaaluu akka hin barbaanne beekamaa dha. Haa taʼu malee, dadhabina waan qabnuuf Yihowaa tajaajiluuf gaʼumsa hin qabnu jennee yaaduudhaan, abdii kutachuu hin qabnu. Waaqni keenya inni amalawwan gaggaarii qabu, namoonni garaadhaa yaada geddaratan deebisanii isa biratti fudhatama akka argatan qophii godheera. Yohaannis ergamaan, “wantoota kana kanan isiniif barreessu akka isin cubbuu hin hojjenneef” erga jedhee booda, “Haa taʼu malee, namni kam iyyuu cubbuu yoo hojjete [cubbuu waan dhaaleef] nuti Abbaa biraa gargaaraa qabna; innis Yesuus Kiristoos” jechuudhaan yaada nama jajjabeessu dubbateera. (1 Yohaannis 2:1) Eeyyee, cubbuu kan dhaalle yoo taane iyyuu, Yihowaan karaa fudhatama qabuun akka isa tajaajilluuf aarsaa furii Yesuus nuu qopheesseera. Kun Yihowaa gammachiisuuf hamma dandeenye akka carraaqnu nu hin kakaasuu?
Misiraachichaa fi Haqa Waaqayyoo
8, 9. Misiraachichi lallabamuun isaa haqa Yihowaa kan argisiisu akkamitti?
8 Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuu irratti guutummaatti hirmaachuudhaan, haqa Waaqayyoo hordofuu dandeenya. Haqni Yihowaa misiraachichaa wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba?
9 Yihowaan jalqaba akeekkachiisni akka kennamu utuu hin godhin sirna hamaa kana hin balleessu. Yesuus wantoota bara dhumaatti raawwataman ilaalchisee raajii dubbate irratti, “Jalqaba saba hundumaatiif misiraachoon lallabamuu qaba” jedheera. (Maarqos 13:10; Maatewos 24:3) Yaanni “jalqaba” jedhu, wantoonni hojii lallabaa addunyaa maratti raawwatamutti aansanii raawwataman kan biroon akka jiran argisiisa. Wantoonni kun rakkina guddaa kan dabalatan yeroo taʼu, rakkinni guddaan immoo yeroo hamoonni itti balleeffaman dha; kun immoo addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufatuuf karaa bana. (Maatewos 24:14, 21, 22) Yeroo sanatti eenyu iyyuu Yihowaan hamoota irratti jalʼina raawwateera jedhee isa himachuu akka hin dandeenye beekamaa dha. Yihowaan akeekkachiisni kun akka kennamu gochuudhaan, namoonni akkasii amala isaanii jijjiiranii badiisa irraa akka oolan carraa gaarii isaaniif banaa jira.—Yoonaas 3:1-10.
10, 11. Misiraachicha lallabuun keenya haqa Waaqayyoo kan argisiisu akkamitti?
10 Misiraachicha lallabuun keenya haqa Waaqayyoo kan argisiisu akkamitti? Tokkoffaa, warri kaan fayyina akka argatan gargaaruuf wanta dandeenyu hunda gochuun keenya wanta sirrii dha. Mee ammas fakkeenya doonii liqimfamaa jiru keessaa ooluu ilaalchisee kenname haa ilaallu. Bidiruu balaa irraa ittiin oolte erga yaabbattee booda, namoota bishaan keessatti hafan kaan gargaaruu akka barbaaddu beekamaa dha. Haaluma wal fakkaatuun, nutis namoota “bishaan” addunyaa isa hamaa kanaa keessatti wixxifachaa jiran oolchuuf dirqamni nu irra jira. Dhugaa dha, namoonni hedduun ergaa keenya hin fudhatan. Haa taʼu malee, obsi Yihowaa hamma itti fufetti, ‘yaada geddaratanii’ fayyina akka argatan carraa isaaniif kennuuf itti gaafatamummaan nu irra jira.—2 Pheexiros 3:9.
11 Namoota argannu hundaaf loogii malee misiraachicha lallabuudhaanis haqa ni argisiisna. ‘Waaqayyo akka hin loogne, kanaa mannaa, saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama akka qabu’ yaadadhu. (Hojii Ergamootaa 10:34, 35) Haqa Yihowaa argisiisuu yoo barbaanne, dursinee namootatti murteessuu hin qabnu. Kanaa mannaa, namoonni qomoon isaanii, iddoon hawaasa keessatti qaban ykn haalli dinagdee isaanii maal iyyuu yoo taʼe misiraachicha isaanitti himuu qabna. Kana gochuudhaan, namoonni fedhii qaban hundi misiraachicha akka dhagaʼanii fi akka fudhatan carraa isaaniif banna.—Roomaa 10:11-13.
Akkaataa Namoota Itti Qabnu
12, 13. (a) Warra kaanitti murteessuuf ariifachuu kan hin qabne maaliifi? (b) Gorsi Yesuus “murteessuu dhiisaa,” akkasumas “namoota yakkuu dhiisaa” jechuudhaan kenne hiika maalii qaba? (Miiljalees ilaali.)
12 Akkaataa Yihowaan itti nu qabuun namoota kaan qabuudhaanis haqa argisiisuu dandeenya. Dogoggora isaanii caqasanii isaan ceephaʼuu fi sababii wanta tokko gochuuf itti kakaʼan shakkuudhaan warra kaanitti murteessuun salphaa dha. Haa taʼu malee, eenyuun keenya iyyuu Yihowaan sababii wanta tokko gochuuf itti kakaane shakkuudhaan ykn dadhabina keenya funaanuudhaan gara jabinaan akka nutti murteessu hin barbaannu. Yihowaanis akkas hin godhu. Faarfatichi, “Yaa Yaah, ati dogoggora hordofta utuu taʼee, yaa Yihowaa, eenyutu dhaabbachuu dandaʼa ture?” jedheera. (Faarfannaa 130:3) Waaqni keenya inni haqa qabeessii fi araara qabeessi, dogoggora keenya irratti waan hin xiyyeeffanneef isa galateeffachuu hin qabnuu? (Faarfannaa 103:8-10) Maarree, nuti hoo namoota akkamitti qabuu qabna?
13 Haqni Waaqayyoo araara irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa yoo hubanne, dhimmoota nu hin ilaallanne irratti ykn dhimmoota xixinnoo taʼan irratti warra kaanitti murteessuuf hin ariifannu. Yesuus Lallaba isaa Isa Gaaraa irratti, “Akka isinitti hin murteeffamneef warra kaanitti murteessuu dhiisaa” jedhee akeekkachiiseera. (Maatewos 7:1) Akka Wangeelli Luqaas jedhutti Yesuus dabalataan, “Namoota yakkuu dhiisaa, matumaa hin yakkamtan” jedheera.a (Luqaas 6:37) Yesuus namoonni cubbuu dhaalan warra kaanitti murteessuuf akka ariifatan kan beeku taʼuu isaa argisiiseera. Namoonni isa dhaggeeffachaa turanii fi warra kaanitti murteessuuf ariifatan, kana gochuu isaanii dhaabuu qabu turan.
Misiraachicha loogii malee warra kaanitti yommuu himnu haqa Waaqayyoo argisiisaa jirra
14. Warra kaanitti ‘murteessuu dhiisuu’ kan qabnu maaliifi?
14 Namootatti ‘murteessuu dhiisuu’ kan qabnu maaliifi? Sababiin inni tokko, kana gochuuf aangoo hin qabnu. Yaaqoob baratichi, “Seera kan tumuu fi Abbaan Murtii tokko qofa” akka taʼe nu yaadachiiseera, innis Yihowaa dha. Kanaan kan kaʼes, “nama kan biraatti kan murteessitu ati eenyu?” jedhee gaafateera. (Yaaqoob 4:12; Roomaa 14:1-4) Kana malees, cubbuu dhaaluun keenya, murtii sirrii hin taane akka kenninu nu gochuu dandaʼa. Halaalatti nama jibbuun, ulfinni koo hin tuqamin jechuun, hinaaffaanii fi garmalee qajeelaa of gochuun, ilaalcha namoota kaaniif qabnu jalʼisuu dandaʼa. Dadhabina kan biraas kan qabnu yeroo taʼu, kana irratti xiinxaluun keenya immoo dogoggora warra kaanii funaanuuf akka hin ariifanne nu gochuu qaba. Garaa namootaa beekuu hin dandeenyu; haala namoonni kaan keessa jiran hundas guutummaatti hin beeknu. Sababiin obboloonni keenya wanta tokko gochuuf itti kakaʼan dogoggora akka taʼe dubbachuuf ykn carraaqqii isaan Waaqayyoon tajaajiluuf godhan ceephaʼuuf nuti eenyu? Kanaaf, dogoggora obboloota keenyaa irratti xiyyeeffachuu mannaa, wanta gaarii isaan godhan ilaaluudhaan Yihowaa fakkaachuu hin wayyuu?
15. Jechoonnii fi gochawwan saba Waaqayyoo biratti iddoo hin qabne kamfaʼi? Maaliifi?
15 Miseensota maatii keenyatti hoo murteessuu qabnaa? Maatiin bakka nagaa taʼuu utuu qabuu, addunyaa kana keessatti garuu bakka komii fi ceephoon itti babalʼate taʼuun isaa nama gaddisiisa. Abbootiin manaa, haadhotiin manaa fi warri, miseensota maatii isaanii akka arrabsanii fi akka reeban dhagaʼuun baramaa dha. Haa taʼu malee, jechoonni gadheen, dubbiin nama tuquu fi reebichi tajaajiltoota Waaqayyoo biratti iddoo hin qaban. (Efesoon 4:29, 31; 5:33; 6:4) Gorsi Yesuus, “murteessuu dhiisaa” akkasumas “yakkuu dhiisaa” jechuudhaan kenne maatii keessattis hojii irra ooluu qaba. Haqa argisiisuun, karaa Yihowaan nu qabuun warra kaan qabuu kan dabalatu akka taʼe yaadadhu. Waaqni keenya gara jabinaan nu hin qabu. Kanaa manaa, warra isa jaallatanitti “jaalala guddaa” argisiisa. (Yaaqoob 5:11) Yihowaan fakkeenya gaarii hordofuu qabnu mitii?
Jaarsoliin “Haqaan” Tajaajilu
16, 17. (a) Yihowaan jaarsoliin maal akka godhan barbaada? (b) Namni cubbuu hojjete tokko yaada geddarachuu yoo dide maaltu godhamuu qaba? Maaliifi?
16 Hundi keenya haqa raawwachuuf itti gaafatamummaa kan qabnu taʼus, keessumaa jaarsoliin gama kanaan itti gaafatamummaa guddaa qabu. Isaayyaas ‘bulchitoota’ ykn jaarsolii ilaalchisee, “Kunoo, mootiin qajeelummaadhaan ni bulcha, bulchitoonnis haqaan ni geggeessu” jedhee raajii dubbateera. (Isaayyaas 32:1) Eeyyee, Yihowaan jaarsoliin haqaan akka tajaajilan barbaada. Maarree kana gochuu kan dandaʼan akkamitti?
17 Dhiironni karaa hafuuraa gaʼumsa qaban kun, haqni ykn qajeelummaan qulqullina gumii eeguu akka gaafatu ni hubatu. Al tokko tokko jaarsoliin yeroo cubbuu guddaan hojjetamu murtoo kennuuf ni dirqamu. Yeroo kana godhanitti, haqni Waaqayyoo hanga dandaʼametti araara argisiisuu akka taʼe ni yaadatu. Kanaafuu namni cubbuu hojjete yaada akka geddaratu gargaaruuf yaalu. Haa taʼu malee, nama kana gargaaruuf carraaqqiin akkasii kan godhame taʼus, namni kun garaadhaa yaada geddarachuu yoo dide hoo? Dubbiin Yihowaa, “Nama hamaa of gidduudhaa baasaa” jechuudhaan tarkaanfiin haqa irratti hundaaʼe akka irratti fudhatamu ajaja. Kana jechuun, namni kun gumiidhaa baafamuu qaba jechuu dha. (1 Qorontos 5:11-13; 2 Yohaannis 9-11) Jaarsoliin tarkaanfii akkasii fudhachuun isaanii kan isaan gaddisiisu taʼus, kana gochuun isaanii gumicha karaa naamusaas taʼe karaa hafuuraa qulqulluu akka taasisu ni hubatu. Yeroo kanatti illee, namni cubbuu hojjete sun gaaf tokko yaada geddaratee gara gumiitti akka deebiʼu ni abdatu.—Luqaas 15:17, 18.
18. Jaarsoliin warra kaaniif gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe yeroo kennan maal yaadachuu qabu?
18 Haqaan tajaajiluun yeroo barbaachisutti gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe kennuus ni dabalata. Jaarsoliin dogoggora warra kaanii akka hin funaanne beekamaa dha. Gorsa kennuufis sababa hin barbaadan. Haa taʼu malee, namni hidhata amantii keenya taʼe tokko, “utuu hin beekin tarkaanfii dogoggoraa” fudhachuu dandaʼa. Jaarsoliin, haqni Waaqayyoo gara jabina irratti kan hundaaʼe akka hin taane yaadachuun isaanii, ‘nama akkasii hafuura garraamummaatiin sirreessuuf akka yaalan’ isaan kakaasa. (Galaatiyaa 6:1) Kanaaf, jaarsoliin nama tarkaanfii dogoggoraa fudhate ceephaʼuu ykn dubbii nama salphisu itti dubbachuu hin qaban. Kanaa mannaa, gorsi jaalalaan kenname nama sana jajjabeessuu dandaʼa. Jaarsoliin, namni cubbuu hojjete gochi isaa inni sirrii hin taane rakkina akkamii akka isatti fidu ifatti yeroo itti himanitti illee, namni hidhata amantii keenya taʼe kun hoolaa Yihowaa taʼuu isaa ni yaadatu.b (Luqaas 15:7) Gorsi ykn adabni tokko kakaʼumsa sirrii taʼee fi jaalalaan yoo kenname, yeroo baayʼee nama cubbuu hojjete akka sirreessu beekamaa dha.
19. Jaarsoliin murtoowwan akkamii gochuutu isaan barbaachisa? Murtoo akkasii yeroo godhanitti hoo maal irratti hundaaʼuu qabu?
19 Yeroo baayʼee jaarsoliin murtoo obboloota isaanii irratti dhiibbaa geessisu gochuun isaan barbaachisa. Fakkeenyaaf jaarsoliin, obboloonni gumichaa jaarsolii ykn tajaajiltoota gumii taʼuuf gaʼumsa qabaachuu fi dhiisuu isaanii gamaaggamuuf yeroo yeroodhaan walgaʼii godhu. Jaarsoliin loogii irraa walaba taʼuun barbaachisaa akka taʼe beeku. Yeroo akkasiitti, miira isaanii irratti utuu hin taʼin ulaagaa Waaqayyo dhimma kanaaf baase irratti hundaaʼanii murtoo godhu. Akka kanaan, “jibba halaalaa yookiin loogii akkamii irraa iyyuu fagaachuudhaan” hojii isaanii raawwatu.—1 Ximotewos 5:21.
20, 21. (a) Jaarsoliin namoota akkamii taʼuuf carraaquu qabu? Maaliifi? (b) Jaarsoliin “warra dhiphatan” gargaaruuf maal gochuu dandaʼu?
20 Jaarsoliin karaa kan biraatiinis haqa Waaqayyoo ni raawwatu. Isaayyaas jaarsoliin ‘haqaan akka geggeessan’ erga raajii dubbatee booda, itti aansee akkas jedheera: “Tokkoon tokkoon isaaniis bakka bubbee jalaa itti dhokatan, bakka bokkaa yandoo jalaa dahoo itti argatan ni taʼu; biyya bishaan hin qabne keessatti akkuma yaaʼaawwan bishaanii, biyya waxalame keessattis akkuma gaaddisa qarsaa guddaa ni taʼu.” (Isaayyaas 32:2) Kanaafuu, jaarsoliin obboloota isaanii jajjabeessuu fi boqonnaa isaaniif argamsiisuuf carraaqu.
21 Yeroo ammaatti, namoonni hedduun rakkoowwan abdii nama kutachiisan waan isaan mudataniif, jajjabinni isaan barbaachisa. Kanaafuu, isin jaarsoliin, “warra dhiphatan” gargaaruuf maal gochuu dandeessu? (1 Tasalonqee 5:14) Gara laafinaan isaan dhaggeeffadhaa. (Yaaqoob 1:19) Obboloonni kun “yaaddoo” garaa isaanii nama amanan tokkotti dhangalaasuu barbaadu taʼa. (Fakkeenya 12:25) Yihowaa birattis taʼe obboloota biratti akka barbaadaman, bakka guddaa akka qabanii fi akka jaallataman mirkaneessaafi. (1 Pheexiros 1:22; 5:6, 7) Namoota kanaa wajjin kadhachuus taʼe isaaniif kadhachuu ni dandeessu. Jaarsi tokko garaadhaa isaaniif yommuu kadhatu dhagaʼuun isaanii baayʼee isaan jajjabeessuu dandaʼa. (Yaaqoob 5:14, 15) Waaqni haqaa carraaqqii jaalalaan kakaatanii namoota dhiphatan gargaaruuf gootan hin irraanfatu.
Jaarsoliin namoota abdii kutatan jajjabeessuudhaan haqa Yihowaa argisiisu
22. Haqa Yihowaa raawwachuu kan dandeenyu karaawwan kamiini? Kun hoo buʼaa akkamii argamsiisa?
22 Dhuguma iyyuu, haqa Yihowaa argisiisuudhaan caalaatti isatti dhihaachuu dandeenya! Dhugaawwan buʼuuraa isaa yommuu deggerru, misiraachoo lubbu baraarsaa taʼe warra kaanitti yommuu lallabnuu fi dogoggora namootaa irratti utuu hin taʼin wanta gaarii isaan qaban irratti yommuu xiyyeeffannu, haqa Waaqayyoo argisiisaa jirra jechuu dha. Isin jaarsoliin, qulqullummaa gumii yeroo eegdan, gorsa nama jajjabeessuu fi Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe yommuu kennitan, murtoo loogii irraa walaba taʼe yeroo gootanii fi warra abdii kutatan yommuu jajjabeessitan haqa Waaqayyoo argisiisaa jirtu jechuudha. Yihowaan samii irra taaʼee, carraaqqii sabni isaa ‘haqa raawwachuuf’ godhan yommuu argu baayʼee akka gammadu beekamaa dha!
a Hiikkaawwan tokko tokko “hin faradinaa!” akkasumas “yakka hin murinaa” jedhu. Hiikkawwan akkasii “faraduu hin jalqabinaa” akkasumas “yakkuu hin jalqabinaa” yaada jedhu dabarsu. Haa taʼu malee, barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu ajaja dhiisuu jajjabeessu kan fayyadaman karaa gocha itti fufiinsa qabu argisiisuuni dha. Kanaaf, namoonni sun gocha as irratti ibsame raawwachaa waan jiraniif dhiisuu qabu turan.
b Kitaabni Qulqulluun, 2 Ximotewos 4:2 irratti jaarsoliin ‘balleessaa hubachiisuu, cimsanii akeekkachiisuu, akkasumas cimsanii gorsuu’ akka qaban dubbata. Jechi afaan Giriikii “cimsanii gorsuu” jedhamee hiikame “paaraakaaleʼoo” kan jedhu yeroo taʼu, “jajjabeessuu” jedhamees hiikamuu ni dandaʼa. Jechi afaan Giriikii Paaraakiliitos jedhuu fi jecha kanaa wajjin wal fakkaatu, seeraa wajjin haala wal qabateen abukaatoo argisiisuu dandaʼa. Kanaaf, jaarsoliin yeroo balleessaa hubachiisanitti illee warra karaa hafuuraa dadhaban gargaaruu qabu.