LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • be qayyabannaa 11 ful. 118-ful. 120 key. 5
  • Miira Haalasaatiif Ta’uun Dubbachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Miira Haalasaatiif Ta’uun Dubbachuu
  • Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Jaalala Qabaachuu fi Miira Namootaa Hubachuu
    Dubbisuu Fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi
  • Miira Warra Kaaniitiif Akka Yaaddan Argisiisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Akkaataa Uumamaatiin Dubbachuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Miira Ho’aa Qabaachuu
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
be qayyabannaa 11 ful. 118-ful. 120 key. 5

Qayyabannaa 11

Miira Haalasaatiif Ta’uun Dubbachuu

Maal gochuu qabda?

Karaa ergaasaa wajjin walsimuufi miirakee ibsuun dubbadhu.

Barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

Garaa dhaggeeffattootaa tuquuf mala haasaa kanatti fayyadamuunkee barbaachisaadha.

MIIRRI, jireenya namootaa keessatti iddoo guddaa qaba. Namni tokko miirasaa yommuu ibsu, wanta garaasaa keessa jiruufi keessa namummaasaa, akkasumas wantootaafi namootaaf maaltu akka itti dhagaʼamu ifa godha. Namoonni baayʼeen hacuucamanii waan guddataniif, yeroo tokko tokkommoo dhiibbaa aadaatiin kan kaʼe, wanta isaanitti dhagaʼamu hin ibsan. Yihowaan garuu amalawwan gaarii akka qabaannuufi amalawwan kana karaa sirrii taʼeen akka ibsinu nu jajjabeessa.—Rom. 12:10; 1 Tas. 2:7, 8.

Jechoonni yommuu dubbannu itti fayyadamnu, miira argisiisuu barbaanne sirriitti ibsu. Jechoota miira keenya sirriitti ibsaniin hin fayyadamnu taanaan, dhaggeeffattoonni garaadhaa akka dubbannu shakkuu dandaʼu. Jechoota miira keenya sirriitti ibsaniin kan dubbannu yoo taʼe garuu, haasaan keenya garaa dhaggeeffattootaa kan tuqu, kan namatti toluufi miʼaa kan qabu taʼa.

Karaa Miirakee Ibsuun Dubbadhu. Yeroo baayʼee namootaaf garaadhaa yaaduunkee karaa miirakee ibsuun akka dubbattu si gargaara. Kanaaf, waaʼee amalawwan Yihowaa warra gaggaarii yommuu dubbannuufi dinqisiifannaa gaarummaasaatiif qabnu yommuu ibsinu, sagaleen keenya miira keenya kan ibsu taʼuu qaba. (Isa. 63:7-9) Namoota wajjin yommuu mariʼannus karaa namatti toluun miira keenya ibsuu qabna.

Namni dhagnisaa lamxaaʼe tokko gara Yesus dhufee akka isa fayyisu kadhate. Yesus, “Fedheeraa qullaaʼi!” jedhee yommuu deebiseef sagalee akkamiitiin akka dubbate yaadi! (Mar. 1:40, 41) Dubartiin waggaa 12f dhiignishee dhangalaʼuudhaan rakkachaa turte tokkommoo suuta jettee duubasaatiin dhuftee yommuu fiixee uffata Yesus tuqxu wanta raawwatame mee yaadi. Dubartittiin dhokachuu akka hin dandeenye waan hubatteef, romʼaa dhuftee miilla Yesus jalatti lafa dhooftee, namoota sana hundumaa duratti maaliif uffatasaa akka tuqxeefi akkamitti akka fayyite dubbatte. Yesus, “Yaa intala ko, amantiin kee si fayyiseera, nagaadhaan dhaqi!” yommuu isheedhaan jedhe sagalee akkamiitiin akka dubbate mee yaadi! (Luq. 8:42b-48) Miirri Yesus yeroo sanatti argisiise hanga harʼaatti garaa namootaa kan tuqudha.

Nuyis akkuma Yesus yeroo namootaaf garaa laafnuufi namoota gargaaruu barbaannu, miirri nutti dhagaʼamu akkaataa itti dubbannurraa ifatti mulʼata. Miirri akkasii garaadhaa kan maddudha. Kunimmoo, ilaalcha namootaarratti dhiibbaa gaarii geessisuu dandaʼa. Tajaajilarratti ragaa dhiheessinee yommuu namoota haasofsiisnu, yeroo isaan jajjabeessinu, yommuu isaan gorsinuufi rakkinasaanii hubachuuf yommuu yaallu, miira akkasii argisiisuuf carraa arganna.

Jaalala namootaaf qabdu argisiisuu yoo barbaadde, miirri kun fuula keerraa akka mulʼatu godhi. Akkuma namni yommuu dhaamotu ibiddatti siqu, atis miira hoʼaa yoo argisiiste xiyyeeffannaa dhaggeeffattootaa hawwatta. Miirri kun fuula keerraa hin mulʼatu taanaan, dhaggeeffattoonni garaadhaa akka isaaniif hin yaanne itti dhagaʼamuu dandaʼa. Miirri akkasii keessa keetii kan dhufu malee, fakkeessuudhaaf kan godhamu taʼuu hin qabu.

Miirri kun sagalee keetiinis ibsamuu qaba. Sagaleenkee jabaafi furdaa yoo taʼe, haasaa keerratti miira kana argisiisuun si rakkisuu dandaʼa. Haataʼu malee, carraaqqii guddaa gochuudhaan fooyyessuu dandeessa. Yommuu dubbattu hima gaggabaabaafi sagalee ciccitutti kan fayyadamtu yoo taʼe, haasaankee gogaa taʼa. Kanaaf sagalee laafaadhaan jechoota waamuu baradhu. Akkas gochuunkee miira kana argisiisuudhaan dubbachuuf si gargaara.

Haataʼu malee wanti caalaatti barbaachisaa taʼe tokko jira; innis wanta irratti xiyyeeffachuu barbaaddedha. Namoota haasofsiistuuf garaadhaa kan yaadduufi wanta isaan fayyadu isaanitti himuu kan barbaaddu yoo taʼe, miirri kun haasaa keerraa mulʼachuunsaa hin oolu.

Haasaan miira hoʼaadhaan dhihaatu dhaggeeffattoota kan kakaasu taʼus, karaa jaalala argisiisuun dubbachuun barbaachisaadha. Sammuusaanii amansiisuu qofa utuu hin taʼin, garaasaanii tuquunis barbaachisaadha.

Miirawwan Kaan Argisiisuu. Namni dhiphate tokko yaaddoofi sodaan fuulasaarraa mulʼachuu dandaʼa. Gammachuun, miira jireenya keenya keessatti bakka guddaa qabuufi yommuu namootaa wajjin mariʼannu ifatti mulʼachuu qabudha. Karaa garabiraammoo, miirawwan amala Kiristiyaanummaa wajjin wal hin simne tokko tokko argisiisuurraa fagaachuu qabna. (Efe. 4:31, 32; Filp. 4:4) Jechootaafi sagalee itti fayyadamuuf filannuun, akkasumas ibsa fuula keenyaafi sochii qaamaatiin miira hunda argisiisuu dandeenya.

Macaafa Qulqulluu keessaatti miirri hundi ibsameera. Isaan keessaa tokko tokko kallattiidhaan, warri kaanimmoo seenaawwan galmeeffaman keessatti ibsamaniiru. Seenaa akkasii namootaaf yommuu dubbistu miira achi keessatti ibsame sagalee keetiin ibsuunkee, siinis taʼe dhaggeeffattoota tuquu dandaʼa. Kana gochuuf garuu, iddoo namoota seenaa sana keessatti ibsamanii of kaaʼuun si barbaachisa. Yeroo haasaa dhiheessitu, nama tiyaatira hojjetu fakkaachuu waan hin qabneef, dhimma sana akka hin arbeessine of eeggannoo godhi. Karaa dhaggeeffattoonni akka yaadatan gargaaruun dubbisi.

Miira Barumsichaaf Taʼu. Akkuma qabiyyeen barumsichaa miira hoʼaadhaan dubbachuuf si dirqisiisu, miira kanaafi warra kaan argisiisuunkee barumsa dhiheessiturratti kan hundaaʼedha.

Yaada Maatewos 11:28-30⁠rra jiru qalbeeffadhu. Achiis Maatewos boqonnaa 23 baasiitii, Yesus yommuu Fariisotaafi barsiisota seeraa balaaleffate akkamiitti yaadasaa akka ibse dubbisi. Jechoota balaaleffannaa argisiisan kana sagalee laafaadhaan dubbate jennee yaaduu hin dandeenyu.

Seenaan Uumama boqonnaa 44⁠rra jiruufi Yihudaan waaʼee obboleessasaa Beniyaamiif yeroo kadhatu ibsu miira akkamiitiin dubbifamuu qaba jettee yaadda? Miira lakkoofsa 13⁠rratti ibsame, akkasumas lakkoofsa 16⁠rratti Yihudaan rakkinni kun hundi maaliif akka isaanirra gaʼe yommuu dubbate wanta itti dhagaʼameefi Yoseef Uumama boqonnaa 45:1⁠rratti miira akkamii akka argisiise qalbeeffadhu.

Kanaaf, karaa buʼa qabeessa taʼeen dubbisuufi dubbachuuf, waaʼee jechootaafi waaʼee ergaasaa qofa utuu hin taʼin, miira akkamiitiin akka ibsames hubachuun si barbaachisa.

KANA GOCHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

  • Jechootarratti utuu hin taʼin dhaggeeffattoota gargaaruurratti xiyyeeffachuu qabda.

  • Sagaleenkees taʼe, ibsi fuulakee ergaasaa wajjin kan walsimu taʼuu qaba.

  • Namoota miirasaanii akka gaariitti ibsuu dandaʼan dhaggeeffachuudhaan isaanirraa baradhu.

GILGAALA: Miira ergaasaa wajjin walsimu karaa argisiisuun Maatewos 20:29-34 fi Luqaas 15:11-32 sagaleekee ol kaasii dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi