LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb22 Amajjii ful. 9
  • Barattoonni Keessan Walgaʼii Irratti Akka Argaman Gargaaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barattoonni Keessan Walgaʼii Irratti Akka Argaman Gargaaraa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa kan Si Fayyadan Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Barattoonni Keessan Yihowaa Wajjin Hariiroo Dhuunfaa Akka Qabaatan Isaan Gargaaraa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
  • Barattoonni Keessan Hiriyummaa Gadhee Irraa Akka Fagaatan Isaan Gargaaraa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
  • Barattoonni Keessan Barsiifata Xuraaʼaa Akka Injifatan Gargaaraa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
mwb22 Amajjii ful. 9

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI | GAMMACHUU TAJAAJILA IRRATTI ARGATTAN GUDDIFADHAA

Barattoonni Keessan Walgaʼii Irratti Akka Argaman Gargaaraa

Walgaʼiiwwan gumii kutaa waaqeffannaa baayʼee barbaachisaa taʼani dha. (Fr 22:22) Namoonni Yihowaa waaqeffachuuf walitti qabaman hundi gammachuu fi eebba argatu. (Fr 65:4) Barattonni Kitaaba Qulqulluu yeroo baayʼee caalaatti saffisaan guddina kan godhan yeroo dhaabbataadhaan walgaʼiiwwan irratti argamani dha.

Barataan keessan walgaʼii irratti akka argamu gargaaruu kan dandeessan akkamitti? Akka argamu affeeruu keessan itti fufaa. Viidiyoo Galma Walgaʼii Keenyatti Maaltu Raawwatama? jedhamu itti argisiisaa. Faayidaa walgaʼiiwwanii isaaf ibsaa. (lff barumsa 10) Barumsa walgaʼii irraa argattan tokko itti himuu ykn wanta walgaʼii isa itti aanu irratti barannu tokko itti argisiisuu dandeessu. Barreeffama walgaʼii irratti itti fayyadamnu isaaf kennaa. Akkasumas gargaarsa qabatamaa godhaafii. Tarii gara walgaʼii deemuuf gargaarsi isaan barbaachisa taʼa. Barataan keessan yeroo jalqabaatiif yommuu walgaʼii irratti argamu, carraaqqii gochuun keessan akka isin hin gaabbisiisne ni hubattu.—1Qo 14:24, 25.

VIIDIYOO BARATTOONNI KEESSAN WALGAʼII IRRATTI AKKA ARGAMAN GARGAARAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Suuraa, viidiyoo “Barattoonni Keessan Walgaʼii Irratti Akka Argaman Gargaaraa” jedhamu irraa fudhatame. Maartaan Saaraan walgaʼii gumii irratti akka argamtu ishii affeeraa jirti.

    Maartaan walgaʼii gumii irratti akka argamtu Saaraa affeeruuf carraa akkamiitti fayyadamte?

  • Suuraa, viidiyoo “Barattoonni Keessan Walgaʼii Irratti Akka Argaman Gargaaraa” jedhamu irraa fudhatame. Maartaan walgaʼii gumii irratti yommuu Saaraan maddii ishii teessuu seeqaa jirti.

    Barataan tokko yommuu walgaʼii irratti argamu kan gammannu maaliifi?

  • Suuraa, viidiyoo “Barattoonni Keessan Walgaʼii Irratti Akka Argaman Gargaaraa” jedhamu irraa fudhatame. Walgaʼii gumii booda obboleettonni miira hoʼaadhaan Saaraa nagaa gaafachaa jiru.

    “Dhuguma iyyuu Waaqayyo isin gidduu jira”

    Saaraan yeroo jalqabaatiif yommuu walgaʼii irratti argamtu maaltu ishiitti dhagaʼame?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi