Waraanaa fi Walitti Buʼiinsa Hambisuu ni Dandeenyaa?
Namoonni waraanarratti kan hirmaatan sababii garaa garaatiin kan kaʼedha. Tokko tokko jijjiirama siyaasaa, dinagdee ykn hawaasaa fiduufidha. Kaanimmoo naannoo tokko ykn qabeenya uumamaa toʼachuuf waraanaarratti hirmaatu. Garaagarummaan sanyii ykn amantaas walitti buʼiinsa hedduudhaaf sababa taʼa. Namoonni lola hambisuu fi nagaa fiduuf maal gochaa jiru? Carraaqqiin isaan waraana hambisuuf godhan kun milkaaʼuu dandaʼaa?
Drazen_/E+ via Getty Images
DINAGDEE GUDDISUU
Kaayyoon isaanii maalidha? Jireenya namootaa fooyyessuu. Kun wal caalmaa dinagdee isa yeroo baayʼee walitti buʼiinsaaf sababa taʼu hambisuuf ykn hirʼisuuf gargaara.
Ulfaataa kan taʼe maaliifi? Mootummoonni akkaataa maallaqa isaaniitti itti fayyadaman jijjiiruu isaan gaafata. Bara 2022tti jireenya namootaa fooyyessuu fi nagaa eegsisuuf maallaqni gara doolaara biliyoona 34.1 baasii taʼeera. Kun garuu maallaqa wagguma sana humna waraanaatiif baʼe keessaa dhibbeentaa 0.4 qofadha.
“Walitti buʼiinsa hambisuu fi nagaa eegsisuu caalaa, namoota walitti buʼiinsaan miidhaman gargaaruu irratti maallaqaa fi qabeenya hedduu baasna.”—Antooniyoo Gutereez, barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii.
Kitaabni Qulqulluun maal jedha? Mootummoonnii fi dhaabbileen addunyaa hiyyeeyyii gargaaruu ni dandaʼu; haa taʼu malee, yoomiyyuu hiyyummaa guutummaatti hambisuu hin dandaʼan.–Keessa Deebii 15:11; Maatewos 26:11.
WALIIGALTEE NAGAA
Kaayyoon isaanii maalidha? Marii fi waliigaltee gama lamaanuu fayyadu gochuudhaan nagaadhaan walitti buʼiinsa hambisuu ykn furuu.
Ulfaataa kan taʼe maaliifi? Gareen inni tokko ykn isaa ol mariʼachuuf, ejjennoosaa jijjiiruuf ykn waliigaltee gochuuf fedhii dhabuu dandaʼa. Waliigalteen nagaa buusuuf godhame salphaatti diigamuu dandaʼa.
“Waliigalteen nagaa fiduuf godhamu yeroo hunda hin milkaaʼu. Waliigalteen nagaa fiduuf godhamu hirʼina hedduu waan qabaatuuf yeroo booda walitti buʼiinsa dabalataa fiduu dandaʼa.”—Reemaand Ismiiz, Dippiloomaasii Ameerikaa.
Kitaabni Qulqulluu maal jedha? Namoonni ‘nagaa barbaaduu’ qabu. (Faarfannaa 34:14) Haa taʼu malee, namoonni yeroo harʼaa jiran, ‘amanamoo kan hin taane, walii galuuf fedhii kan hin qabnee fi gantootadha.’ (2 Ximotewos 3:1-4) Amaloonni kun geggeessitoonni siyaasaa yaada gaarii qabanillee walitti buʼiinsa furuun akka isaanitti ulfaatu gochuu dandaʼu.
MEESHAA WARAANAA HIRʼISUU YKN BALLEESSUU
Kaayyoon isaanii maalidha? Meeshaa waraanaa niwukilarii, keemikaalaa ykn baayoloojikaalaa hirʼisuu ykn balleessuu.
Ulfaataa kan taʼe maaliifi? Mootummoonni yeroo baayʼee humna keenya dhabna ykn haleellaadhaaf saaxilamna jedhanii waan sodaataniif meeshaa waraanaa hiikkachuuf fedhii hin qaban. Meeshaa waraanaa hiikkachiisuun sababa itti namoonni waraana geggeessuuf kakaʼan hin furu.
“Balaa xiqqeessuu, hariiroo mootummoota gidduu jiru fooyyessuu fi dhumarrattis addunyaa nagaa fi tasgabbii qabdu fiduu dabalatee, bara 1991 booda, mootummoonni waadaa meeshaa waraanaa isaanii balleessuuf galan utuu hin raawwatin hafaniiru.”—“Egeree Waloo Keenya Amansiisaa Gochuu: Ajandaa Meeshaa Waraanaa Hiikkachiisuu.”
Kitaabni Qulqulluun maal jedha? Namoonni meeshaa waraanaa qabachuu dhiisuu fi “goraadee isaanii tumanii gara maarashaatti” jijjiiruu qabu. (Isaayyaas 2:4) Haa taʼu malee, hamminni garaa namaa keessaa waan jalqabuuf meeshaa waraanaa balleessuun qofti gaʼaa miti.—Maatewos 15:19.
GAMTAADHAAN HOJJECHUU
Kaayyoon isaanii maalidha? Mootummoonni gamtaadhaan diinota isaanii ofirraa ittisuuf walii galu. Mootummaan tokko mootummoonni baayʼeen gamtaadhaan akka isa lolan yoo beeke waraana hin jalqabu jedhanii yaadu.
Ulfaataa kan taʼe maaliifi? Haaloo baʼuuf doorsisuun nagaa fiduu hin dandaʼu. Mootummoonni yeroo hunda waadaa galan hin eegan ykn diinota isaaniirratti yoomii fi akkamitti tarkaanfii akka fudhatan ilaalchisee walii hin galan.
“Waldaan Mootummoota Addunyaa fi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, mootummoonni gamtaa akka uuman kan gargaaran taʼus, gamtaan isaanii kun waraana hambisuu hin dandeenye.”—“Insaayikilooppiidiyaa Biritaanikaa.”
Kitaabni Qulqulluun maal jedha? Namoonni wal gargaaruun isaanii yeroo baayʼee buʼaa argamsiisa. (Lallaba 4:12) Haa taʼu malee, dhaabbileen namootaa nagaa fi tasgabbii waaraa fidu jennee isaanitti amanamuu hin dandeenyu. Kitaabni Qulqulluun, “Bulchitootatti, ilmaan namootaa warra fayyina argamsiisuu hin dandeenyettis hin amanaminaa. Hafuurri isaa ni baʼa, innis gara biyyootti ni deebiʼa; guyyuma sanatti yaanni isaa ni bada” jedha.—Faarfannaa 146:3, 4.
Biyyoonni hedduun nagaa buusuuf carraaqqii guddaa kan godhan taʼus, ammayyuu iddoo garaa garaatti waraanni itti fufee jira