-
Uumama 47:29, 30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Israaʼel yeroon itti duʼu yommuu gaʼetti,+ ilma isaa Yoseefiin waamee akkana isaan jedhe: “Amma ani si duratti fudhatama argadheera yoon taʼe, maaloo, harka kee gudeeda koo jala kaaʼi; jaalala amanamaa fi amanamummaas natti argisiisi. Maaloo, biyya Gibxii keessatti na hin awwaalin.+ 30 Yeroon duʼu* biyya Gibxii keessaa na baasiitii awwaala abbootii koo keessatti na awwaali.”+ Innis, “Akkuma ati jette nan godha” isaan jedhe.
-
-
Uumama 50:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Isaan gara biyya Kanaʼaanitti isa geessanii, holqa maasii Maakfelaa isa Maamree fuulduratti argamuu fi iddoo awwaalchaa akka taʼuuf Abrahaam Efroon Heeticha irraa bite keessa jiru keessatti isa awwaalan.+
-