-
Uumama 26:12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Yisihaaq biyya sana keessatti sanyii facaasuu jalqabe; Yihowaan isa eebbisaa waan tureefis, waggaa sanatti wanta facaase irraa dachaa 100 galfate.+
-
-
Uumama 26:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Hoolota, loonii fi tajaajiltoota hedduus ni argate;+ kanaafuu, Filisxeemonni isatti hinaafuu jalqaban.
-
-
Uumama 31:17, 18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Yaaqoobis kaʼee ijoollee isaa fi haadhotii manaa isaa gaalota irra kaaʼe;+ 18 achiis horii isaa hundumaa fi miʼawwan isaa warra walitti kuufate hundumaa ni fudhate;+ horii isaa warra Phaadaan Aaraam keessatti walitti qabates fudhatee gara abbaa isaa Yisihaaq isa biyya Kanaʼaan keessa jiruutti qajeele.+
-
-
Uumama 46:33, 34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
33 Faraʼoon isin waamee, ‘Hojiin keessan maali dha?’ jedhee yoo isin gaafate, 34 ‘Nuti tajaajiltoonni kee fi abbootiin keenya ijoollummaa keenyaa jalqabee hamma harʼaatti horii horsiisna’ jedhaatii isaaf deebisaa;+ namni hoolaa tiksu kam iyyuu warra Gibxii biratti jibbamaa waan taʼeef,+ biyya Gooshen keessa akka jiraattan+ isiniif heyyama taʼa.”
-