-
Baʼuu 35:5-9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 ‘Wanta qabdan keessaa Yihowaadhaaf buusii fidaa.+ Namni fedhii qabu+ hundi Yihowaadhaaf buusii kana haa fidu: warqii, meetii, sibiila diimaa, 6 foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa, foʼaa quncee talbaa baʼeessa, rifeensa reʼee,+ 7 gogaa korbeessa hoolaa halluu diimaa cuuphame, gogaa tahaash, muka laaftoo, 8 zayitii ibsaawwanii, baalsaamii zayitii dibataa fi ixaana urgaaʼuuf oolu,+ 9 dhagoota oniiksii fi dhagoota kaan warra efuudii+ fi kiisii qomaa+ irratti maxxanfaman.
-