11Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Ani Faraʼoonii fi Gibxii irratti dhaʼicha dabalataa tokko nan fida. Sana booda inni isin gadhiisa.+ Yommuu isin gadhiisus, inni dhugumaan asii ariʼee isin ni baasa.+
29 Achiis halkan walakkaa Yihowaan ilma angafaa Faraʼoon isa teessoo isaa irra taaʼee jiru sana irraa jalqabee hamma ilma angafaa nama boojiʼamee mana hidhaa* jiru sanaatti angafa biyya Gibxii keessa jiru hundumaa ni rukute;+ horiiwwan warra jalqaba dhalatan hundumaas ni rukute.+