LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 9:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 kunoo, harki Yihowaa+ horiiwwan kee warra dirree keessa jiran irratti ni dhufa. Fardeen, harroota, gaalota, loonii fi bushaayee irratti dhaʼichi guddaan ni dhufa.+

  • Baʼuu 11:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Ani Faraʼoonii fi Gibxii irratti dhaʼicha dabalataa tokko nan fida. Sana booda inni isin gadhiisa.+ Yommuu isin gadhiisus, inni dhugumaan asii ariʼee isin ni baasa.+

  • Baʼuu 12:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Achiis halkan walakkaa Yihowaan ilma angafaa Faraʼoon isa teessoo isaa irra taaʼee jiru sana irraa jalqabee hamma ilma angafaa nama boojiʼamee mana hidhaa* jiru sanaatti angafa biyya Gibxii keessa jiru hundumaa ni rukute;+ horiiwwan warra jalqaba dhalatan hundumaas ni rukute.+

  • Baʼuu 12:31
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Innis yeruma sana halkanuma keessa Musee fi Aaroniin waamee+ akkana isaaniin jedhe: “Isinis taatan Israaʼelonni kaan kaʼaatii saba koo gidduudhaa deemaa. Akkuma jettanitti deemaatii Yihowaa tajaajilaa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi