LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 3:19, 20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Taʼus, mootiin Gibxii harki jabaan yoo isa dirqisiise malee, akka deemtan kan isiniif hin heyyamne taʼuu isaa ani iyyuu akka gaariitti nan beeka.+ 20 Kanaafuu, harka koo diriirsee hojiiwwan dinqisiisoo hundumaa ani ishii keessatti raawwadhuun Gibxii nan rukuta; sana booda inni isin gadhiisa.+

  • Baʼuu 6:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Kanaafuu Yihowaan Museedhaan, “Amma wantan Faraʼoon irratti raawwadhu ni argita.+ Harki jabaan akka inni isaan erguuf isa dirqisiisa; akka inni biyya isaatii isaan geggeessuufis harki jabaan isa dirqisiisa” jedhe.+

  • Baʼuu 10:8-11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Kanaafuu, Musee fi Aaron gara Faraʼoonitti ni deebifaman; innis, “Dhaqaatii Waaqa keessan Yihowaa tajaajilaa. Garuu, kan deeman eenyu faʼi?” isaaniin jedhe. 9 Museenis, “Nuti Yihowaadhaaf ayyaana waan kabajnuuf,+ dargaggoota keenya, maanguddoota keenya, ijoollee dhiiraa keenya, ijoollee durbaa keenya, hoolota keenyaa fi loon keenya fudhannee deemna” jedhe.+ 10 Innis akkana isaaniin jedhe: “Ani isinii fi ijoollee keessan yoon gadhiise, Yihowaan dhugumaan isinii wajjin jira jechuu dha!+ Isin wanta hamaa tokko raawwachuu akka yaaddan beekamaa dha. 11 Hin taʼu! Warri dhiiraa qofti deemtanii Yihowaa tajaajiluu dandeessu; wanti isin gaafattanis kanuma.” Achiis isaan Faraʼoon duraa ni baafaman.

  • Faarfannaa 105:38
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 38 Warri Gibxii akka malee Israaʼelota* sodaatanii waan turaniif,+

      Yommuu isaan baʼan baayʼee gammadan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi