-
Iyyaasuu 5:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Guyyaa Ayyaana Faasikaa booda jiruttis oomisha lafichaa ni nyaatan; guyyuma sanatti maxinoo+ fi asheeta waadames ni nyaatan. 12 Guyyaa oomisha lafattii irraa muraasa itti nyaatanitti aansee jiruttis mannaan buʼuu isaa ni dhiise; sana booda Israaʼelonni mannaa hin arganne;+ kanaa mannaa, waggaa sanatti oomisha biyya Kanaʼaan nyaachuu jalqaban.+
-
-
Yohaannis 6:31, 32Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Akkuma, ‘Akka isaan nyaataniif samii irraa nyaata isaaniif kenne’+ jedhamee barreeffame, abbootiin keenya lafa onaa keessatti mannaa nyaatan.”+ 32 Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, Museen samii irraa nyaata isiniif hin kennine; Abbaan koo garuu samii irraa nyaata isa dhugaa isiniif kenna.
-
-
Yohaannis 6:58Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
58 Nyaanni samii irraa buʼe isa kana. Inni isa akka Abbootiin keessan nyaatan sanaa miti. Isaan kan nyaatan taʼus duʼaniiru. Namni nyaata kana nyaatu hundi garuu bara baraaf jiraata.”+
-
-
1 Qorontos 10:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 hundi isaanii nyaata hafuuraa tokko irraa nyaatan;+
-