-
Baʼuu 24:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Israaʼelota warra kana ilaalaa turanitti ulfinni Yihowaa fiixee gaarichaa irratti ibidda cimaa fakkaatee mulʼata ture.
-
-
Keessa Deebii 4:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 “Kanaafuu, isin dhihaattanii gaaricha jala ni dhaabbattan; gaarichis ibiddi isaa hamma samii* bira gaʼutti bobaʼaa ture; dukkanni, duumessii fi duumessi gurraachis jira ture.+ 12 Yihowaanis ibiddicha keessaa isinitti dubbachuu jalqabe.+ Isin sagalee dubbatu kan dhageessan taʼus, wanta tokko illee hin argine;+ sagalee qofatu dhagaʼama ture.+
-
-
2 Seenaa Baraa 7:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Solomoon kadhannaa isaa akkuma xumureen,+ ibiddi samii irraa buʼee+ aarsaa gubamuu fi aarsaawwan kan biroo ni nyaate; ulfinni Yihowaas manicha ni guute.+ 2 Ulfinni Yihowaa mana Yihowaa guutee waan tureef, luboonni gara mana Yihowaatti seenuu hin dandeenye.+ 3 Namoonni Israaʼel hundi, yommuu ibiddichi gad buʼuu fi ulfinni Yihowaa manicha irratti mulʼatu ilaalaa turan; isaanis adda isaaniitiin lafa dhagaan irra afame irratti gombifamanii sagaduudhaan, “Inni gaarii dha; jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata” jedhanii Yihowaa galateeffatan.
-