LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 16:39, 40
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 39 Kanaafuu, Eleʼazaar lubichi qodaawwan ibiddaa sibiila diimaa warra namoonni ibiddaan gubatan sun dhiheessan fuudhee iddoo aarsaa sana uwwisuuf ni tume; 40 kanas kan godhe akkuma Yihowaan karaa Musee isatti himetti ture. Kunis namni sanyii Aaron keessaa hin taanee fi isaaf hin heyyamamne* kam iyyuu Yihowaa duratti ixaana aarsuuf akka hin dhihaanne,+ akkasumas eenyu iyyuu akka Qoraa fi akka deggertoota isaa akka hin taane Israaʼelota kan yaadachiisu dha.+

  • 1 Saamuʼel 2:27, 28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Namni Waaqayyoo tokkos gara Eelii dhufee akkana isaan jedhe: “Yihowaan akkana jedha: ‘Ani utuu isaan biyya Gibxiitti mana Faraʼoon keessatti garboota taʼanii jiranii, mana abbaa keetti ifatti of hin mulʼisnee?+ 28 Inni luba taʼee akka na tajaajiluuf, gara iddoo aarsaa kootti ol baʼee+ aarsaawwan akka dhiheessuuf, ixaana akka aarsuu* fi ana duratti efuudii akka uffatuuf gosoota Israaʼel hundumaa keessaa filatamee ture;+ anis aarsaawwan Israaʼelonni* ibiddaan dhiheessan hundumaa mana abbaa keetiif kenneen ture.+

  • Luqaas 1:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 akka barsiifata lubummaatti gara mana qulqullummaa Yihowaa* seenee+ ixaana aarsuuf+ dabareen isaa ni gaʼe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi