-
Baʼuu 29:38-42Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
38 “Wantoonni iddoo aarsaa irratti dhiheessitu kanneen kana dha: utuu wal irraa hin kutin guyyaa guyyaadhaan xobbaallaa hoolaa waggaa tokko taʼan lama ni dhiheessita.+ 39 Xobbaallaa hoolaa isa tokko ganama, xobbaallaa hoolaa isa kan biraa immoo yeroo dimimmisaaʼu* dhiheessi.+ 40 Daakuu bullaaʼaan safartuu eefaa* tokko keessaa harka kudhan keessaa harki tokko inni zayitii qulqulluu ejersa tumame irraa argamu hiinii* tokko keessaa harka afur keessaa harka tokkoo wajjin makame, akkasumas aarsaan dhugaatii wayinii hiinii tokko harka afur keessaa harki tokko xobbaallaa hoolaa isa jalqabaa wajjin ni dhihaata. 41 Xobbaallaa hoolaa isa lammaffaa dimimmisa* keessa ni dhiheessita; isaa wajjinis aarsaa midhaanii fi aarsaa dhugaatii isa ganama dhihaatuu wajjin wal fakkaatu ni dhiheessita. Kanas aarsaa urgaan isaa gammachiisuu* fi Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu gootee ni dhiheessita. 42 Innis dhaloota keessan hundumaa keessatti aarsaa gubamu isa yeroo hunda balbala dunkaana walgaʼii duratti, jechuunis bakka ani sitti dubbachuuf sitti mulʼadhu+ sanatti Yihowaa duratti ni dhihaata.
-
-
Lakkoofsa 28:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 “Akkana isaaniin jedhi: ‘Aarsaan ibiddaan dhihaatu inni isin Yihowaadhaaf dhiheessitan kana dha: yeroo hundumaa guyyaa guyyaadhaan hoolota xobbaallaa kormaa waggaa tokko guutan lama.+
-