-
Leewwota 6:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 “‘Seerri aarsaa midhaanii kana dha:+ Isin warri ilmaan Aaron taatan, iddoo aarsaa fuulduratti Yihowaa duratti isa ni dhiheessitu.
-
-
Leewwota 21:21, 22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Sanyii Aaron lubichaa keessaa namni mudaa qabu kam iyyuu aarsaawwan Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatan dhiheessuuf hin dhufin. Inni mudaa waan qabuuf, nyaata Waaqa isaatiif dhihaatu dhiheessuuf dhufuu hin dandaʼu. 22 Wantoota hundumaa caalaa qulqulluu taʼanii+ fi wantoota qulqulluu taʼan+ irraa nyaata Waaqa isaatiif dhihaatu garuu nyaachuu ni dandaʼa.
-