-
Leewwota 6:25, 26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 “Akkana jedhii Aaronii fi ilmaan isaatti himi: ‘Seerri aarsaa cubbuu kana dha:+ Horiin aarsaa cubbuu taʼee dhihaatu bakkuma horiin aarsaa gubamu taʼee dhihaatu itti qalamutti+ Yihowaa duratti ni qalama. Inni hundumaa caalaa qulqulluu dha. 26 Lubni sababii cubbuutiif isa dhiheessu isa ni nyaata.+ Iddoo qulqulluu keessatti, jechuunis mooraa dunkaana walgaʼii keessatti nyaatama.+
-
-
Leewwota 14:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Achiis inni xobbaallaa hoolaa sana bakka horiin aarsaa cubbuu taʼee dhihaatuu fi horiin aarsaa gubamu taʼee dhihaatu yeroo hunda itti qalamutti,+ jechuunis iddoo qulqulluu keessatti ni qala; sababiin isaas, akkuma aarsaa cubbuu, aarsaan yakkaas kan lubichaa ti.+ Kun hundumaa caalaa qulqulluu dha.+
-