LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 33:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Isaan heerawwan kee Yaaqoobiin,+

      Seera kees Israaʼeliin haa barsiisan.+

      Urgaan isaa kan gammachiisu godhanii ixaana siif* haa dhiheessan,+

      Aarsaa guutummaatti dhihaatus iddoo aarsaa kee irratti haa dhiheessan.+

  • 2 Seenaa Baraa 17:8, 9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Leewwonni isaanii wajjin turanis, Shemaayaa, Nataaniyaa, Zebaadiyaa, Asaahel, Shemiraamot, Yehonaataan, Adoniyaa, Toobiyaa fi Toob Adoniyaa turan; luboota kan taʼan Elishaamaa fi Yooraamis isaanii wajjin jiru turan.+ 9 Isaanis Yihudaa keessatti barsiisuu jalqaban; yeroo kanatti kitaaba Seera Yihowaa qabatanii turan;+ magaalota Yihudaa hundumaa keessa naannaʼaniis uummaticha ni barsiisan.

  • Nahimiyaa 8:7, 8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Namoonni sun utuma dhaabbatanii jiranii, Yeshuwaan, Baaniin, Sherebiyaan,+ Yaamiin, Aquub, Shaabetaay, Hodiyaan, Maaʼaaseyaan, Qeliixaan, Azaariyaan, Yozaabaad,+ Haanaanii fi Pelaayaan warri Leewwota taʼan namoota sanaaf Seericha ni ibsu turan.+ 8 Isaanis kitaabicha irraa, jechuunis Seera Waaqa dhugaa irraa sagalee isaanii ol kaasanii dubbisuudhaan, karaa ifa taʼeen isaaniif ni ibsu, akkasumas hiika wanta dubbifame sanaa ifa isaaniif godhu turan; akka kanaan, isaan wanta dubbifame akka hubatan namoota sana ni gargaaran.+

  • Miilkiyaas 2:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Lubichi yeroo hundumaa afaan isaa irraa beekumsa qabaachuu qaba; namoonnis seera* afaan isaa keessaa baʼu barbaaduu qabu;+ sababiin isaas, inni ergamaa Yihowaa Gooftaa Raayyaa ti.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi