-
2 Seenaa Baraa 17:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Leewwonni isaanii wajjin turanis, Shemaayaa, Nataaniyaa, Zebaadiyaa, Asaahel, Shemiraamot, Yehonaataan, Adoniyaa, Toobiyaa fi Toob Adoniyaa turan; luboota kan taʼan Elishaamaa fi Yooraamis isaanii wajjin jiru turan.+ 9 Isaanis Yihudaa keessatti barsiisuu jalqaban; yeroo kanatti kitaaba Seera Yihowaa qabatanii turan;+ magaalota Yihudaa hundumaa keessa naannaʼaniis uummaticha ni barsiisan.
-
-
Nahimiyaa 8:7, 8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Namoonni sun utuma dhaabbatanii jiranii, Yeshuwaan, Baaniin, Sherebiyaan,+ Yaamiin, Aquub, Shaabetaay, Hodiyaan, Maaʼaaseyaan, Qeliixaan, Azaariyaan, Yozaabaad,+ Haanaanii fi Pelaayaan warri Leewwota taʼan namoota sanaaf Seericha ni ibsu turan.+ 8 Isaanis kitaabicha irraa, jechuunis Seera Waaqa dhugaa irraa sagalee isaanii ol kaasanii dubbisuudhaan, karaa ifa taʼeen isaaniif ni ibsu, akkasumas hiika wanta dubbifame sanaa ifa isaaniif godhu turan; akka kanaan, isaan wanta dubbifame akka hubatan namoota sana ni gargaaran.+
-