LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 24:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 “Dhukkubni nadaayii* yommuu kaʼu, wanta luboonni Leewwota taʼan isin ajajan hundumaa of eeggannoodhaan raawwadhaa.+ Wantuma ani isaan ajaje of eeggannoodhaan raawwadhaa.

  • 2 Seenaa Baraa 15:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Israaʼelonni yeroo dheeraadhaaf* Waaqa dhugaa, luba isaan barsiisuu fi seera hin qaban turan.+

  • Nahimiyaa 8:7, 8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Namoonni sun utuma dhaabbatanii jiranii, Yeshuwaan, Baaniin, Sherebiyaan,+ Yaamiin, Aquub, Shaabetaay, Hodiyaan, Maaʼaaseyaan, Qeliixaan, Azaariyaan, Yozaabaad,+ Haanaanii fi Pelaayaan warri Leewwota taʼan namoota sanaaf Seericha ni ibsu turan.+ 8 Isaanis kitaabicha irraa, jechuunis Seera Waaqa dhugaa irraa sagalee isaanii ol kaasanii dubbisuudhaan, karaa ifa taʼeen isaaniif ni ibsu, akkasumas hiika wanta dubbifame sanaa ifa isaaniif godhu turan; akka kanaan, isaan wanta dubbifame akka hubatan namoota sana ni gargaaran.+

  • Hisqiʼel 44:23, 24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 “‘Isaan garaa garummaa wanta qulqulluu taʼee fi wanta kan biraa gidduu jiru saba koo haa barsiisan; garaa garummaa wanta xuraaʼaa taʼee fi wanta qulqulluu taʼe gidduu jirus isaan ni barsiisu.+ 24 Isaan dhimma seeraa irratti abbootii murtii taʼanii haa tajaajilan;+ murtii kan kennanis karaa heerawwan koo wajjin wal simuun taʼuu qaba.+ Ayyaanota koo hundumaa wajjin haala wal qabateen seerawwan koo fi dambiiwwan koo haa eegan,+ sanbatawwan koos haa qulqulleessan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi