LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 28:37
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 37 Saba Yihowaan itti si ergu hundumaa gidduutti, wanti si irra gaʼe isaan sodaachisa; isaan si tuffatu,* sitti qoosus.+

  • Keessa Deebii 29:22-24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 “Dhaloonni ilmaan keetii warri gara fuulduraa fi namni biyya ormaa inni biyya fagoodhaa dhufe, dhaʼichawwanii fi dhukkuboota Yihowaan biyyattii irratti fide, 23 jechuunis akkuma Sodoomii fi Gomoraa,+ akkasumas Admaa fi Zeboʼiim+ warra Yihowaan dheekkamsaa fi aarii isaatiin garagalche sanaatti, guutummaa biyyattii keessatti sanyiin akka hin facaafamneef yookiin akka hin margineef, biqiltuun akkamii iyyuus akka hin latneef, dinyii, soogiddaa fi ibidda gubu akka ishii irratti fide yommuu argan, 24 isaanis taʼan saboonni hundi, ‘Yihowaan biyya kana irratti akkana kan godhe maaliifi?+ Dheekkamsa guddaa bobaʼu kana kan fide maali dha?’ jedhu.

  • Ermiyaas 18:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Kanas kan godhan, biyyi isaanii bakka sodaachisaa,+

      Bara baraafis kan itti siiqsamu akka taatu gochuufi.+

      Namni achiin darbu kam iyyuu naasuudhaan fajaja, mataa isaas ni raasa.+

  • Faaruu Ermiyaas 2:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Warri karicha irra darban hundi qoosaadhaan harka isaanii si irratti walitti rurrukutu.+

      Isaan intala Yerusaalem irratti ajaaʼibsiifannaadhaan siiqsaa+ fi mataa isaanii raasaa,

      “Kun magaalaa isaan waaʼee ishii, ‘Ishiin bareedduu mudaa hin qabnee fi gammachuu guutummaa lafaa ti’+ jedhan sana mitii?” jedhu.

  • Hisqiʼel 5:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Yommuun dheekkamsaan, aarii fi adaba cimaadhaan murtii si irratti dabarsutti, ati saboota naannoo keetti argaman duratti wanta arrabsamuu fi itti qoosamu,+ fakkeenya akeekkachiisaa fi wanta sodaachisu ni taata. Ani Yihowaan dubbadheera.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi