-
Uumama 8:20, 21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Achiis Noh Yihowaadhaaf iddoo aarsaa ni ijaare;+ horiiwwan qulqulluu taʼan hundumaa keessaa fi uumamawwan barrisan warra qulqulluu taʼan hundumaa keessaa+ muraasa fudhatee aarsaawwan gubaman godhee iddoo aarsaa sana irratti dhiheesse.+ 21 Yihowaanis urgaa fooliin isaa gammachiisu* ni urgeeffate. Kanaan kan kaʼes, Yihowaan garaa isaatti akkana jedhe: “Ijoollummaa isaatii jalqabee wanti namni garaa isaatti yaadu hamaa waan taʼeef,+ ani sababii namaatiin lammata lafa kana hin abaaru;+ akkan amma godhe kanattis uumamawwan jiraatoo hundumaa lammata hin balleessu.+
-
-
Lakkoofsa 15:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 “Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Isin dhuma irratti gara biyya akka keessa jiraattaniif ani isiniif kennutti yommuu galtan,+ 3 horii keessan yookiin bushaayee keessan keessaa, aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu isa urgaan isaa Yihowaa gammachiisu*+ gootanii dhiheessuuf aarsaa gubamu+ yookiin aarsaa wareega addaa raawwachuuf dhihaatu yookiin aarsaa fedhiidhaan dhihaatu+ yookiin aarsaa ayyaanota keessan warra yeroo murtaaʼetti kabajamanitti dhihaatu+ yommuu dhiheessitan,
-