-
2 Seenaa Baraa 8:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Innis barsiifata guyyaa guyyaadhaan ture sana hordofuudhaan, akkuma Museen ajajetti guyyoota Sanbataatti,+ guyyoota baatii haaraattii+ fi ayyaanota waggaatti siʼa sadii ayyaaneffatamuu qabanitti,+ jechuunis yeroo Ayyaana Maxinootti,+ yeroo Ayyaana Torbeewwaniittii+ fi yeroo Ayyaana Daasiitti*+ aarsaawwan ni dhiheesse.
-
-
Nahimiyaa 10:32, 33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
32 “Kana malees, tajaajila mana* Waaqa keenyaatiif waggaa waggaadhaan tokkoon tokkoon keenya sheeqilii* harka sadii keessaa harka tokko kennuuf dirqama keessa of ni galchina;+ 33 kunis daabboo wal irra tuulamuuf,*+ aarsaa midhaanii isa yeroo hundumaa dhihaatuuf,+ aarsaa gubamu isa yeroo hundumaa guyyoota Sanbataattii+ fi baatiiwwan haaraatti+ dhihaatuuf, tibba affeerraatiif,+ wantoota qulqulluudhaaf, aarsaawwan cubbuu+ warra Israaʼeliif araara argamsiisuuf dhihaatanii fi hojii mana Waaqa keenyaa hundumaatiif ni taʼa.
-