-
Lakkoofsa 3:30, 31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 Ajajaan mana abbootii maatiiwwan Qehaatotaa Elizaafaan ilma Uuziʼel+ ture. 31 Itti gaafatamummaan isaanii Taaboticha,+ minjaalicha,+ baattuu ibsaa,+ iddoowwan aarsaa,+ miʼawwan+ iddoo qulqulluu keessatti tajaajiluuf oolanii fi golgicha+ kunuunsuu, akkasumas tajaajila wantoota kanaa wajjin wal qabatan hundumaa raawwachuu ture.+
-
-
Lakkoofsa 4:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 “Buufatichi bakka tokkoo gara bakka kan biraa dhaquuf kaʼuu isaa dura, Aaronii fi ilmaan isaa iddoo qulqulluu fi miʼawwan iddoo qulqulluu hundumaa uwwisanii xumuruu qabu.+ Achiis ilmaan Qehaat isaan baachuuf ni seenu;+ haa taʼu malee, iddoo qulqulluu sana tuquu hin qaban; yoo akkana godhan ni duʼu.+ Dunkaana walgaʼii wajjin haala wal qabateen itti gaafatamummaan* ilmaan Qehaat qaban kana dha.
-