-
Baʼuu 4:14-16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Yeroo kanatti aariin Yihowaa Musee irratti bobaʼe; achiis akkana isaan jedhe: “Obboleessi kee Aaron+ Leewwichi jira mitii? Inni akka gaariitti dubbachuu akka dandaʼu nan beeka. Amma inni si simachuuf as dhufaa jira. Yommuu si argus garaan isaa ni gammada.+ 15 Kanaafuu, isatti dubbadhu; dubbichas afaan isaa keessa kaaʼi;+ anis yommuu isin dubbattanitti sii fi isaa wajjin nan taʼa;+ wanta gochuu qabdanis isinan barsiisa. 16 Inni sabichatti siif ni dubbata; nama siif dubbatus ni taʼa; atis akka Waaqaa* isaaf ni taata.+
-
-
Baʼuu 4:30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 Aaronis wanta Yihowaan Museetti dubbate hundumaa isaanitti hime; innis uummaticha duratti mallattoowwan sana ni raawwate.+
-
-
Baʼuu 15:20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Achiis Miiriyaam raajittiin ishiin obboleettii Aaron taate dibbee fudhatte; dubartoonni hundis dibbee rukutaa fi shubbisaa ishii duukaa buʼan.
-
-
Baʼuu 28:30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 Atis kiisii qomaa isa murtii Waaqayyoo beekuuf gargaaru sana keessa Uuriimii fi Tuumiimii*+ ni keessa; isaanis yeroo inni seenee Yihowaa duratti dhihaatutti qoma Aaron irra ni taʼu; Aaron wantoota Israaʼelotaaf murtoo kennuuf gargaaran kana Yihowaa duratti yeroo hundumaa qoma isaa irratti ni baata.
-