-
Lakkoofsa 32:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 ‘Isaan garaa isaanii guutuudhaan ana duukaa waan hin buuneef, namoota biyya Gibxiitii baʼan keessaa warri umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe biyya ani, Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kakadhe sana+ hin argan;+ 12 Kaaleb+ ilmi Yofunee Qeenizichaa fi Iyyaasuun+ ilmi Nuun garaa isaanii guutuudhaan Yihowaa duukaa waan buʼaniif,+ isaan qofatu biyyattii arga.’
-
-
Keessa Deebii 1:35, 36Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
35 ‘Dhaloota hamaa kana keessaa namni tokko illee biyyattii gaarii ishii ani abbootii keessaniif kennuuf kakadhe sana hin argu;+ 36 ishii kan argu Kaaleb ilma Yofunee qofa dha. Inni garaa guutuudhaan* Yihowaa duukaa waan buʼeef ishii ni arga; anis biyya inni irra deeme sana isaa fi ilmaan isaatiif nan kenna.+
-