-
Baʼuu 16:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Israaʼelonni akkana isaaniin jedhu turan: “Biyya Gibxii keessatti distii foonii bira yeroo taaʼaa turrettii fi yeroo hamma quufnutti daabboo nyaachaa turretti harkuma Yihowaatiin utuu duuneerra taʼee nuu wayya ture.+ Ammas isin guutummaa gumii kanaa beelaan ajjeesuuf achii baastanii gara lafa onaa kanatti nu fiddan.”+
-
-
Lakkoofsa 14:28, 29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Akkana isaaniin jedhaa: ‘Yihowaan akkana jedha: “Jiraataa taʼuu kootiin nan kakadha, wantuma ani yeroo isin dubbattan dhagaʼe sana isin irratti nan raawwadha!+ 29 Warri umuriin keessan waggaa 20 fi isaa ol taʼee galmeeffamtan hundi, jechuunis warri ana irratti gungumtan hundi+ reeffi keessan lafa onaa kana keessatti ni kukkufa.+
-