LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 4:34
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 34 Mootota guutummaa lafaa warra waaʼee ogummaa isaa dhagaʼan dabalatee, namoonni saba hundumaa keessa jiran ogummaa Solomoon dhagaʼuuf gara isaa ni dhufu turan.+

  • 1 Mootota 10:4-7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Mootuun Sheebaa ogummaa Solomoon+ qabu hunda, mana inni ijaare,+ 5 nyaata maaddii isaa irratti dhihaatu,+ akkaataa tajaajiltoonni isaa itti taaʼan, akkaataa keessummeessitoonni isaa maaddii irratti itti keessummeessanii fi akkaataa uffannaa isaanii, warra dhugaatii dhiheessan, akkasumas aarsaawwan gubaman warra inni yeroo hunda mana Yihowaa keessatti dhiheessu yommuu argitu wanta jettu wallaalte.* 6 Kanaafuu, mootichaan akkana jette: “Wantoota ati raawwattee* fi ogummaa kee ilaalchisee wanti ani biyya kootti dhagaʼe dhugaa dha. 7 Haa taʼu malee, hamman dhufee ija kootiin argutti oduu kana hin amannen ture. Kunoo, walakkaan isaa illee natti hin himamne. Ati ogummaa fi badhaadhina isa ani dhagaʼe irra baayʼee caalu qabda.

  • Daaniʼel 1:19, 20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Yommuu mootichi isaanii wajjin dubbatus, hunduma isaanii keessaa namni kan akka Daaniʼel, Hanaaniyaa, Mishaaʼelii fi Azaariyaa taʼe tokko illee hin argamne;+ isaanis mooticha duratti tajaajiluu isaanii itti fufan. 20 Mootichi dhimma ogummaa fi hubannaa barbaadu hundumaa yommuu isaan gaafatu, isaan guutummaa bulchiinsa isaa keessatti luboota falfala raawwatanii fi warra hooda dubbatan+ hundumaa irra harka kudhan akka caalan hubate.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi