LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 20:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 “Nama irratti sobaan ragaa hin baʼin.+

  • Baʼuu 23:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 “Oduu dhugaa hin taane hin babalʼisin.*+ Hamminaan ragaa baʼuudhaan nama hamaa hin deggerin.+

  • Leewwota 19:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 “‘Saba kee gidduu naannoftee maqaa hin balleessin.+ Lubbuu* namaa balleessuuf hin kaʼin.*+ Ani Yihowaa dha.

  • Keessa Deebii 19:16-19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Namni tokko hamminaan nama kan biraa irratti ragaa yoo dhiheesse, yakka akka raawwate godhees yoo isa himate,+ 17 namoonni falmii qaban lamaan Yihowaa dura, akkasumas lubootaa fi abbootii murtii yeroo sanatti tajaajilaa jiran dura ni dhaabbatu.+ 18 Abbootiin murtiis dhimma sana gad fageenyaan ni qoratu;+ namni sun sobaan ragaa kan dhiheessee fi sobaan obboleessa isaa kan himate yoo taʼe, 19 wantuma inni obboleessa isaa irratti hamminaan raawwachuuf yaade isa irratti raawwadhu;+ wanta hamaas of gidduudhaa balleessi.+

  • Fakkeenya 6:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Wantoonni Yihowaan jibbu jaʼa jiru;

      Eeyyee, inni* wantoota torba ni balfa:

  • Fakkeenya 6:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Ragaa baatuu sobaa yeroo dubbatu hundumaatti sobu,+

      Akkasumas nama obbolaa gidduutti wal morkii facaasu+ hundumaa.

  • Fakkeenya 19:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  5 Namni sobaan ragaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu,+

      Namni yeroo dubbatu hundumaatti sobus adaba jalaa hin oolu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi