LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 17:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Kanaafuu sabichi, “Bishaan dhugnu nuuf kenni” jedhanii Musee loluu jalqaban.+ Museen garuu, “Maaliif naan loltu? Maaliif Yihowaa qortu?”+ isaaniin jedhe.

  • Lakkoofsa 11:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Achiis uummanni walitti makamee*+ fi isaan gidduu ture sun fedhii ofittummaa qabu ni ibse;+ Israaʼelonnis akkana jedhanii booʼuu jalqaban: “Foon nyaannu eenyutu nuuf kenna?+

  • Lakkoofsa 16:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Achiis Qoraan+ inni ilma Yizhaar,+ ilma Qehaat,+ ilma Leewwii+ taʼe, ilmaan Ruuben+ keessaa Daataanii fi Abiraam warra ilmaan Eeliyaab+ taʼan, akkasumas Oon isa ilma Peelet taʼee wajjin ni kaʼe. 2 Isaan namoota Israaʼel 250 warra ajajjoota yaaʼichaa taʼan, warra gumicha keessaa filatamanii fi beekamoo taʼanii wajjin Musee irratti kaʼan.

  • Lakkoofsa 25:2, 3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Dubartoonni sunis sabicha gara aarsaawwan waaqolii isaaniitiif dhiheessanitti ni affeeran;+ sabichis isa irraa nyaachuu fi waaqolii isaaniitiif sagaduu jalqabe.+ 3 Kanaafuu, Israaʼel isaanii wajjin waaqeffannaa Baʼaal isa Pheʼor* irratti ni hirmaate;+ Yihowaanis Israaʼelitti ni dheekkame.

  • Keessa Deebii 31:27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Sababiin isaas, anumti iyyuu fincila+ keessanii fi mata jabina*+ keessan akka gaariittan beeka. Utuman lubbuudhaan isinii wajjin jiruu hammana Yihowaa irratti erga fincila kaastanii, ergan duʼee booda immoo hammam caalaatti isa irratti fincila kaastu ree!

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi