LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 23:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 “Firiiwwan lafa keetii warra jalqaba gaʼanii fi hunda irra caalan gara mana Waaqa kee Yihowaatti fidi.+

      “Ilmoo reʼee aannan haadha isaatiin hin affeelin.+

  • Lakkoofsa 18:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Yihowaan itti fufuudhaan Aaroniin akkana jedhe: “Buusii anaaf godhamu irratti si muudeera.+ Wantoota qulqulluu Israaʼelonni akka gaʼee dhaabbataa taʼetti kennan hundumaa irraa qooda tokko sii fi ilmaan keetiif kenneera.+

  • Lakkoofsa 18:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 “Zayitii fi daadhii wayinii haaraa hunda irra caalu hundumaa, akkasumas firii jalqabaa+ midhaan isaanii isa isaan Yihowaadhaaf kennan siif nan kenna.+

  • 2 Seenaa Baraa 31:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Dabalataanis inni, luboonnii fi Leewwonni seera Yihowaa cimsanii akka hordofaniif,* namoonni Yerusaalem keessa jiraatan gaʼee isaaniif malu akka isaaniif kennan ni ajaje.+

  • Nahimiyaa 12:44
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 44 Guyyaa sanatti namoonni manneen kuusaa+ buusiiwwan,+ firiiwwan jalqabaa+ fi kurnoon+ itti walitti qabamu irratti ni muudaman. Isaanis akka Seerichi ajajutti+ gaʼee lubootaa fi Leewwotaaf+ ramadame maasiiwwan magaalota sanaa keessaa walitti qabanii achi keessa kaaʼuu qabu turan; sababiin isaas, lubootaa fi Leewwota warra tajaajilaniin kan kaʼe Yihudaa keessatti gammachuu guddaatu ture.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi