LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 13:33
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 33 Achittis Nefiliimota, jechuunis ilmaan Anaaq+ warra sanyii Nefiliim taʼan argineerra; ija keenyaanis taʼe ija isaaniitiin yeroo wal bira qabamnee ilaalamnu nuti isaaniif akka kuruphisaa ti.”

  • Lakkoofsa 14:1-3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Achiis guutummaan yaaʼichaa sagalee isaa ol kaasee iyye; sabichis halkan sana guutuu iyyaa fi booʼaa bule.+ 2 Israaʼelonni hundis Musee fi Aaron irratti gungumuu jalqaban;+ guutummaan yaaʼichaas akkana jechuudhaan isaan mormee dubbate: “Maal taʼa, biyya Gibxii keessatti yookiin lafa onaa kana keessatti utuu duuneerra taʼee! 3 Goraadeedhaan akka dhumnuuf Yihowaan gara biyya kanaatti kan nu fide maaliifi?+ Haadhotiin manaa keenyaa fi ijoolleen keenya ni boojiʼamu.+ Gara biyya Gibxiitti utuu deebinee nuuf hin wayyuu?”+

  • Lakkoofsa 32:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Isaan yeroo gara Sulula* Eshkoolitti ol baʼanii+ biyyattii ilaalanii turanitti, gara biyya Yihowaan isaaniif kennuuf turetti akka hin galle saba Israaʼel abdii kutachiisanii turan.+

  • Keessa Deebii 1:28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Gara iddoo akkamii dhaqaa jirra? Obboloonni keenya, “Isaan namoota nu caalaa guguddoo fi dhedheeroo taʼani dha; magaalonni isaaniis guguddoo fi dallaawwan dhagaa samii bira gaʼan kan qabani dha;+ ilmaan Anaaqiimiinis+ achitti argineerra” jedhanii nu sossodaachisan.’*+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi