LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 20:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 “Biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennu keessatti bara dheeraa akka jiraattuuf,+ abbaa kee fi haadha tee kabaji.+

  • Keessa Deebii 21:18-21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 “Namni tokko ilma mata jabeessaa fi didaa taʼe yoo qabaate, innis abbaa isaatiif yookiin haadha isaatiif kan hin ajajamne yoo taʼe,+ isa sirreessuuf yaalii kan godhan taʼus isaan dhagaʼuu yoo dide,+ 19 abbaan isaa fi haati isaa qabanii gara jaarsolii karra magaalaa isaa duratti argamaniitti isa haa dhiheessan; 20 jaarsolii magaalaa isaatiinis, ‘Ilmi keenya kun mata jabeessaa fi didaa dha; nuufis hin ajajamu. Inni albaadhessaa*+ fi machooftuu+ dha’ haa jedhan. 21 Achiis namoonni magaalaa isaa hundi dhagaadhaan tumanii isa haa ajjeesan. Akka kanaan wanta hamaa taʼe of gidduudhaa balleessi; guutummaan Israaʼelis kana dhagaʼee ni sodaata.+

  • Fakkeenya 20:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Namni abbaa isaa fi haadha isaa abaaru kam iyyuu,

      Yommuu dukkanaaʼutti ibsaan isaa ni dhaama.+

  • Fakkeenya 30:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Ija abbaatti qoosuu fi haadhaaf ajajamuu tuffatu,+

      Arraagessi sulula* keessa jiraatu isa ni baasa,

      Cuuciin risaas isa ni nyaata.+

  • Maatewos 15:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Fakkeenyaaf Waaqayyo, ‘Abbaa kee fi haadha tee kabaji’+ akkasumas, ‘Namni abbaa isaa yookiin haadha isaatti wanta hamaa dubbatu* haa ajjeefamu’+ jedheera.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi