-
Lakkoofsa 32:20-22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Museenis akkana jedhee isaaniif deebise: “Taanaan akkana godhaa: Yihowaa duratti waraanaaf hidhadhaa;+ 21 Yommuu inni diinota isaa of duraa ariʼutti+ tokkoon tokkoon keessan waraanaaf yoo hidhattanii fi Yihowaa dura Yordaanos gamatti yoo ceetan, 22 hamma biyyattiin Yihowaadhaaf bitamtuttis+ akkana yoo gootan, sana booda deebiʼuu ni dandeessu;+ Yihowaa fi Israaʼel durattis yakka irraa bilisa ni taatu. Biyyi kunis Yihowaa duratti dhaala keessan ni taati.+
-
-
Iyyaasuu 22:1-4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Achiis Iyyaasuun Ruubenota, Gaadotaa fi walakkaa gosa Minaasee waamee 2 akkana isaaniin jedhe: “Isin wanta Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe isin ajaje hundumaa raawwattaniittu;+ wanta ani isin ajaje hundumaas ajajamtaniittu.+ 3 Yeroo kana hundumaatti, hamma harʼaatti obboloota keessan hin dhiisne;+ ajaja Waaqa keessan Yihowaa wajjin haala wal qabateen dirqama isin irra jirus eegdaniittu.+ 4 Amma Waaqni keessan Yihowaan akkuma waadaa isaaniif galetti obboloota keessaniif boqonnaa kenneera.+ Kanaafuu, amma gara dunkaanota keessan warra biyya Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe akka dhaaltaniif Yordaanos gamatti* isiniif kenne keessa jiranitti deebiʼuu dandeessu.+
-