-
2 Saamuʼel 21:20, 21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Ammas Gaatitti waraanni ni jalqabame; namichi akka malee guddaa taʼe, harka isaa lamaan irraa quba jaʼa jaʼa qabuu fi miila isaa lamaan irraa quba jaʼa jaʼa qabu, walumaa galatti quba 24 qabu tokko achi jira ture; inni sanyii Refaayim ture.+ 21 Inni Israaʼelotatti ni qoosa ture.+ Kanaafuu, Yonaataan ilmi Shimeʼii+ obboleessa Daawit isa ni ajjeese.
-