1 Saamuʼel 18:1 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 18 Daawit Saaʼolii wajjin dubbatee akkuma xumureen, Yonaataanii+ fi Daawit michummaa cimaadhaan walitti maxxanan;* Yonaataanis akkuma lubbuu isaatti isa ni jaallate.+ 1 Saamuʼel 18:3 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 3 Yonaataan akka lubbuu isaatti waan isa jaallateef,+ innii fi Daawit kakuu waliif ni galan.+ 2 Saamuʼel 1:26 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 26 Yaa Yonaataan obboleessa koo, sababii keetiin ani baayʼee dhiphadheera;Ati ana biratti baayʼee jaallatamaa turte.+ Jaalalli ati anaaf qabdu, jaalala dubartii irra kan caalu ture.+ Fakkeenya 18:24 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 24 Hiriyoonni wal balleessuuf qophaaʼan jiru,+Garuu michuun obboleessa caalaa namatti maxxanu jira.+
18 Daawit Saaʼolii wajjin dubbatee akkuma xumureen, Yonaataanii+ fi Daawit michummaa cimaadhaan walitti maxxanan;* Yonaataanis akkuma lubbuu isaatti isa ni jaallate.+
26 Yaa Yonaataan obboleessa koo, sababii keetiin ani baayʼee dhiphadheera;Ati ana biratti baayʼee jaallatamaa turte.+ Jaalalli ati anaaf qabdu, jaalala dubartii irra kan caalu ture.+